JW LIBRARY
Barreeffamoota Garagalfachuu fi Qindeeffachuu—Andirooyidii
JW Library irra kitaabonni, birooshuroonni, tiraaktonnii fi viidiyoowwan bakka intarneetiin hin jirretti dubbisuu ykn ilaaluu dandeessu hedduun jiru.
Wantoota qophaaʼan garagalfachuu fi qindeeffachuuf qajeelfamoota armaan gadii hordofi:
Wantoota Qophaaʼan Garagalfachuu
Wantoota qophaaʼan garagalfachuudhaan bakka intarneetiin hin jirretti dubbisuu fi qoʼachuu dandeessa.
Wantoota qophaaʼan ilaaluuf kutaa filannoowwan keessatti tarreeffaman baniitii, Publications isa jedhu tuqi.
Afaanota wantoonni kun ittiin qophaaʼan ilaaluuf mallattoo afaan filachuuf gargaaru tuqi. Afaan ilaaluu barbaaddu filadhu. Afaanonni yeroo baayʼee itti fayyadamtu jalqaba irratti argamu. Maqaa afaan barbaaddee barreessuudhaanis barbaaduu dandeessa.
Karaan JW Library keessaa barreeffamoota barbaaduun itti dandaʼamu garaa garaa jira.
Kutaan By Type jedhu wantoota afaan ati ittiin barbaadaa jirtuun qophaaʼan, kitaabota, tiraaktota ykn viidiyoowwan fi kkf jechuudhaan gosa gosaan kaaʼa. Gosawwan tokko tokko yeroo tuqxu filannoowwan dabalataa argatta; fakkeenyaaf Masaraa Eegumsaa waggaadhaan, viidiyoowwan immoo garee garee isaaniitiin argatta. Gara filannoo isa jalqabaatti deebiʼuuf All Types isa jedhu tuqi.
Kutaan What’s New jedhu barreeffamoota afaan ati barbaadaa jirtuun dhiheenyatti baʼan argisiisa.
Wantoonni ati hin garagalfanne mallattoo duumessaa of biraa qabu. Garagalfachuuf wanta qophaaʼe sana tuqi. Erga garagalffattee booda mallattoon duumessaa sun ni bada. Dubbisuuf ammas barreeffamicha tuqi.
Kutaan Downloaded jedhu wantoota ati afaan garaa garaatiin garagalfatte hunda argisiisa. Wantoota garagalfatte kana Frequently Used, Rarely Used, ykn Largest Size isa jedhutti fayyadamuudhaan gareedhaan kaaʼuu dandeessa.
Wantoota Qophaaʼan Balleessu
Wanta tokko hin barbaaddu taanaan ykn iddoo banaa qabaachuu yoo barbaadde balleessuu dandeessa.
Kutaa filannoon keessatti tarreeffame keessaa Publications isa jedhu tuqi; achiis wantoota qophaaʼan keessaa isa barbaaddu (fakkeenyaaf, Books isa jedhu) tuqi. Wanta balleessuu barbaaddu bira mallattoo jiru tuqi; achiis Delete isa jedhu tuqi.
Iddoo banaa argachuu yoo barbaadde wanta yeroo baayʼee itti hin fayyadamne ykn qabiyyeen isaa guddaa taʼe balleessuu dandeessa. Kutaa filannoon keessatti tarreeffame baniitii, Publications isa jedhu tuqi. Kutaa Downloaded jedhu bani; achiis Rarely Used ykn Largest Size isa jedhu tuquudhaan gareedhaan kaaʼadhu. Achiis wanta hin barbaanne balleessuu dandeessa.
Wantoota Qophaaʼan Irratti Jijjiirama Godhame Argachuu
Yeroo yerootti wanta garagalfatte tokko irratti jijjiiramni godhamuu dandaʼa.
Wanti tokko jijjiiramni yeroo irratti godhamu mallattoo geengoo fakkaatu of biraa qabaata. Yeroo barreeffamicha tuqxu ergaa jijjiiramni jiraachuu isaa ibsu ni argita. Isa jijjiiramni itti godhame argachuuf Download isa jedhu tuqi; isa duraan qabdu dubbisuu kee itti fufuu yoo barbaadde immoo Later isa jedhu tuqi.
Wantoota garagalfatte irratti jijjiiramni godhame jiraachuu isaa beekuuf, kutaa filannoowwan keessatti tarreeffaman bani; achiis Publications isa jedhu tuqi. Wanti jijjiirame jira taanaan kutaan Pending Updates jedhu ni mulʼata. Wantoota jijjiiramni irratti godhame hunda ilaaluuf kutaa kana tuqi. Jijjiirama irratti godhame argachuuf barreeffama tokko ykn kan jijjiiramni irratti godhame hunda garagalfachuuf Update All isa jedhu tuqi.
Qabiyyeewwan kun Guraandhala 2015 JW Library 1.4f kan qophaaʼan siʼa taʼu, lakkoofsa Andirooyidii 2.3 ykn isaa ol taʼeef hojjeta. Qabiyyeewwan kana arguu yoo dadhabde, mata duree “‘JW Library’ Fayyadamuu Jalqabaa—Andirooyidii,” jedhu jalaa qajeelfama mata duree xiqqaa Wantoota Haaraa Argadhu jedhu jala jiru ilaali.