Dhimma ijoo ta'etti seeni

Imaammata Mateenyaa

Imaammata Mateenyaa

ICCITII KEE EEGUU

 Iccitii kee eeguu fi kabajuuf carraaqqii guddaa goona. Imaammanni kun odeeffannoo dhuunfaa sirraa fudhannu ykn ati nuu kennitu kamiyyuu weebsaayitii keenyaa fi appilikeeshinoota Watchtower Bible and Tract Society of New York, Inc. (“Watchtower”) hundarratti itti fayyadamuuf buʼuura taʼa. Weebsaayitii keenya yeroo fayyadamtu odeeffannoo buʼuuraa tokko tokko ni fudhanna; odeeffannoo kana eeguunii fi akkamitti akka itti fayyadamnu si beeksisuun barbaachisaa taʼuusaas ni hubanna. Odeeffannoo kan dhuunfaa akka taʼetti ilaalamu nuu kennuuf filachuu dandeessa. Yaanni “odeeffannoo dhuunfaa” jedhuu fi Imaammata kana keessatti ibsame maqaa kee, teessoo iimeelii kee, lakkoofsa poostaa kee, lakkoofsa bilbilaa kee ykn odeeffannoo adda baasee si beeksisu kan biraa argisiisa. Jechi “weebsaayitii” jedhummoo weebsaayitii kanaa fi weebsaayitoota kana wajjin walqabatan kanneen akka apps.pr418.com, ba.pr418.com, stream.pr418.com fi wol.pr418.com dabalata.

ODEEFFANNOO TOʼANNAA DAATAA

 Weebsaayitiin kunii fi appilikeeshinoonni kana wajjin walqabatan hundi qabeenya dhaabbata Watchtower ti; dhaabbanni kun dhaabbata buʼaadhaaf hin hundoofnee fi Niwu Yoorkitti argamu yeroo taʼu, hojii Dhugaa Baatota Yihowaa fi sagantaa barnootaa Kitaaba Qulqulluu isaan geggeessan deeggara. Fedhii keetiin akkaawuntii banachuuf, buusii gochuuf, dhufnee akka si haasofsiisnu gaafachuuf ykn tarkaanfii odeeffannoo dhuunfaa kennuu gaafatu fudhachuuf yoo murteessite Imaammata kanarratti walii galteetta jechuudha; kana malees, odeeffannoon kee sarvarii Yuunaayitid Isteetis oof Ameerikaatti argamu keessatti akka kuufamu, dhaabbanni Watchtower fi dhaabbileen biyyoota garaagaraatti Dhugaa Baatota Yihowaa deeggaran gaaffii kee keessummeessuuf odeeffannoo dhuunfaa kee walitti qabuu, itti fayyadamuu, dabarsuu fi kuusuu isaaniirratti walii galteetta. Dhaabbanni amantii kun karaa qaamolee garaagaraa addunyaa maratti hojjeta. Akka seera eegumsa daataatti qaamoleen kun gumiiwwan, waajjiroota damee fi dhaabbilee Dhugaa Baatota Yihowaa kana wajjin walfakkaatan kan biroo dabalachuu dandaʼa.

Odeeffannoon dhuunfaa kee kan toʼatamu akkaataa weebsaayitichatti itti fayyadamturratti hundaaʼuudhaani. Fakkeenyaaf, biyya tokkotti dhaabbata keenya tokkoof buusii yoo goote, buusii sana yeroo fudhannu maqaan kee fi teessoon kee dhaabbata sanaaf ni kennama. Kana malees, dhufnee akka si haasofsiisnu yoo gaafatte gaaffii kee keessummeessuuf maqaan kee fi teessoon kee waajjira damee ykn gumii Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argamuuf ni kennama.

Biyyi keessa jiraattu seera eegumsa daataa wajjin walqabatu yoo qabaate, gama kanaan akka si gargaaruuf teessoo bakka buutota biyya keessa jiraattu sanaa fuula Bakka Buutota Eegumsa Daataa jedhu keessaa argachuu dandeessa.

NAGEENYA DAATAA FI ICCITII

 Nageenyaa fi iccitii odeeffannoo dhuunfaa keetiif iddoo guddaa kennina. Odeeffannoo dhuunfaa kee namni kan biraa akka hin arganneef, karaa sirrii hin taaneen akka itti hin fayyadamneef ykn akka hin saaxilleef, sirreeffama akka irratti hin gooneef, akka hin balleessineef ykn akka tasaa akka hin banneef kuusaa daataa fi teeknikoota nageenyaa yeroo yerootti ni haaressina. Sagantaawwan kompiitaraa fi qaamni sadaffaan odeeffannoo dhuunfaa keetti fayyadamuuf itti gargaaramnu odeeffannoo kee iccitiidhaan eeguuf ni dirqamu. Odeeffannoo dhuunfaa kee kan keenyu hamma kaayyoo itti fudhanne galmaan geenyutti ykn seerota gabaasa gochuu fi imaammata dookumantii olkaaʼuu wajjin walqabatan hordofuuf qofadha.

Yeroo daataan kee nuuf ergamu malawwan akka Transport Layer Security (TLS) jedhamanitti fayyadamnee odeeffannoo dhuunfaa kee balaarraa eegna. Iccitii fi nageenya odeeffannoo gara keenyatti ergamuu eeguuf sagantaawwan kompiitaraa toʼannoo qaban, akkasumas malawwan qaamaa fi bifa elektiroonikiitiin nageenya daataa eeguuf gargaaran kan birootti fayyadamna. Odeeffannoon seeraan ala qaama kan biraa harka akka hin galleef qajeelfamoota nageenyaa cimsinee hordofna.

IJOOLLEE

 Ijoollee yoo taate odeeffannoo dhuunfaa kee weebsaayitii kanatti galchuu kan dandeessu heyyama warra kee ykn guddiftuu keetiin qofadha. Warra ykn guddiftuu yoo taatee fi mucaan tokko odeeffannoo dhuunfaa weebsaayitii kanatti akka galchu heyyamteetta yoo taʼe, itti fayyadamasaa ilaalchisee Imaammata kanarratti walii galteetta jechuudha.

QAAMOLEE SADAFFAA

 Yeroo tokko tokko weebsaayitiin kun ykn appilikeeshinoonni weebsaayiticha wajjin wal qabatan liinkota gara qaamolee sadaffaatti geessan ni qabaatu. Kunis liinkota gara weebsaayitoota qaama sadaffaa bakka keenya buʼanii tajaajila akka kennaniif walii galletti geessan taʼuu dandaʼu (fakkeenyaaf, foormii olnaayinii guutuu). Qabiyyeensaa adda waan taʼuu fi teessoon biraawuzarii keerra jiru waan jijjiiramuuf weebsaayitii qaama sadaffaarra akka jirtu ni beekta. Kana malees, gaaffii weebsaayitii kanatti fayyadamtee odeeffannoo argachuuf dhiheessiterratti hundaaʼuudhaan iimeeliin ykn ergaa gabaabaan karaa qaama sadaffaa sii ergamuu dandaʼa; kunis beeksisa waaʼee odeeffannoo gaafattee ibsu dabalachuu dandaʼa. Yeroo qaamolee sadaffaan filatamanittis taʼe sana booda darbee darbee imaammanni mateenyaa fi eegumsi daataasaanii ulaagaa imaammata keenyaaf itti fayyadamnu kan guutu taʼuusaa mirkaneessuuf ni qorama. Qaamolee sadaffaan kun appilikeeshinootaa fi tajaajila garaagaraa ni dhiheessu; garuu sagantaa kompiitaraa, walii galtee, imaammata mateenyaa fi haalduree isaanii nuti toʼachuu hin dandeenyu. Kanaafuu, weebsaayitii kanarratti akkaataan itti fayyadama appilikeeshinoota kanaa fi tajaajilasaanii walii galtee fi haalduree qaamni sadaffaan kaaʼeen toʼatama. Qaamolee sadaffaan wanti haareffame jiraachuusaa waan nu hin beeksisneef, maaloo tajaajilasaanii fayyadamuu kee dura walii galteesaanii irra deebiʼii ilaali. Imaammata qaamolee sadaffaa ilaalchisee gaaffii yoo qabaatte imaammata weebsaayitiisaanii keessatti ibsame ilaali.

Weebsaayitii kanarratti itti fayyadamni Google Maps kee Imaammata Mateenyaa Google isa ammaatiin toʼatama. Google’n qaama sadaffaa nuti appilikeeshinoota, sagantaa kompiitaraa fi Walii Galtee Tajaajilaasaa toʼachuu hin dandeenyedha. Kanaafuu, weebsaayitii kanarratti itti fayyadamni tajaajila Google Maps kee Walii Galtee Dabalataa Google Maps/Google Earth isa ammaatiin toʼatama. Qaamolee sadaffaan wanti haareffame jiraachuusaa waan nu hin beeksisneef, maaloo tajaajila Google Maps fayyadamuu kee dura walii galteesaanii irra deebiʼii ilaali. Walii galteesaanii hin fudhattu taanaan, tajaajila Google Maps hin fayyadamin.

BEEKSISA JIJJIIRAMA IMAAMMATA KANAA

 Weebsaayitii kanaa fi appilikeeshinoota weebsaayitii kana wajjin wal qabatan hunda fooyyessuu, akkasumas qabiyyee haaraa dabaluu, tajaajila jiru fooyyessuu fi wanta haaraa itti dabaluu keenya itti fufna. Jijjiiramoota itti fufiinsaan godhaman, akkasumas jijjiirama seeraa fi guddina teknoolojiitiin kan kaʼe itti fayyadamni daataa keenya yeroodhaa gara yerootti ni jijjiirama. Imaammata keenya jijjiiruun yeroo barbaachisutti odeeffannoo akkamii akka walitti qabnuu fi akkamitti akka itti fayyadamnu beekuu akka dandeessuuf jijjiirama jiru hunda fuula kanarratti baasna.

AKTIIV ISKIRIIPTIINGII YKN JAAVAA ISKIRIIPTII

 Iskiriiptiingiin weebsaayitiin keenyaa fi appilikeeshinoonni weebsaayiticha wajjin wal qabatan caalaatti siʼaayinaan akka hojjetan godha. Teknooloojiin Iskiriiptiingii dafnee odeeffannoo akka sii kenninu nu gargaara. Iskiriiptiingiin, weebsaayitiin ykn appilikeeshinoonni keenya kompiitara keerratti sooftiweerii akka feʼan ykn odeeffannoo seeraan ala taʼe akka sassaaban hin godhu.

Qabiyyeen weebsaayitichaa tokko tokko sirriitti akka hojjetuuf Aktiiv Iskiriiptiingiin ykn Jaavaa Iskiriiptiin biraawuzarii irratti akka hojjetu godhamuu qaba. Biraawuzaroonni hedduun weebsaayitoonni tokko tokko kana akka hojjetan ykn akka hin hojjenne gochuu dandaʼu. Iskiriiptiin weebsaayitii filatamerratti akkamitti akka hojjetu baruuf, dookmantii biraawuzarii Help jedhu ilaali.