Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa—Cuuphamuuf Qophaaʼuu kan Dandeessan Akkamitti?

Dargaggootaa—Cuuphamuuf Qophaaʼuu kan Dandeessan Akkamitti?

“Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola.”—FAR. 40:8.

FAARFANNAA: 51, 48

1, 2. (a) Cuuphamuun tarkaanfii cimaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibsi. (b) Namni tokko cuuphamuu isaa dura waaʼee maalii mirkanaaʼaa taʼuu qaba? Maaliif?

DARGAGGEESSA cuuphamuuf yaadaa jirtu dhaa? Taanaan, mirga guddaa namni qabaachuu dandaʼu kam irra iyyuu caalutu si eeggata. Haa taʼu malee, akkuma mata duree darbe irratti ibsame cuuphaan tarkaanfii cimaa dha. Cuuphamuun, of murteessuu kee, jechuunis waan hunda irra fedha Yihowaatiif dursa kennuudhaan bara baraaf isa tajaajiluuf waadaa guddaa galuu kee kan argisiisu dha. Kan cuuphamtu, yeroo murtoo kana gochuuf gaʼumsa qabaattu, yeroo fedhii qabaattuu fi of murteessuu jechuun maal jechuu akka taʼe yeroo hubattutti qofa taʼuu akka qabu beekamaa dha.

2 Cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu kee ilaalchisee mirkanaaʼaa yoo taʼuu baatte hoo? Yookiin immoo ati cuuphamuu kan barbaaddu taʼus, warri kee tarii akka Kiristiyaana tokkootti jiraachuu irratti caalaatti muuxannoo hamma argattutti turuu akka qabdu yoo isaanitti dhagaʼame hoo? Kanas taʼe sana abdii hin kutatin. Kanaa mannaa, utuu baayʼee hin turin cuuphamuu akka dandeessutti carraa kanatti fayyadamiitii guddina godhi. Kana sammuutti qabachuudhaan (1) wantoota itti amantu, (2) gocha kee fi (3) dinqisiifannaa kee ilaalchisee akkamitti galma baafachuu akka dandeessu yaadi.

WANTOOTA ITTI AMANTU

3, 4. Dargaggoonni fakkeenya Ximotewos irraa barumsa akkamii argachuu dandaʼu?

3 Gaaffiiwwan kanaaf deebii akkamii akka laattu yaadi: Waaqayyo jiraachuu isaa kanan amanu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo hafuuraan barreeffame taʼuu isaa kan na amansiise maali dha? Ulaagaalee naamusaa Waaqayyo baase eeganii jiraachuun, akkaataa jireenyaa addunyaa kanaa hordofuu irra akka caalu kan natti dhagaʼamu maaliifi? Gaaffiiwwan kun gorsa Phaawulos ergamaan,Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ofuma keessanii mirkaneeffadhaa’ jechuudhaan kenne hojii irra oolchuuf si gargaaru. (Rom. 12:2, NW) Kana gochuu kan qabdu maaliifi?

4 Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu tokko ilaali. Ximotewos Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beeka ture. Haati isaa fi akkoon isaa “daaʼimummaa” isaatii jalqabee isa barsiisaniiru. Haa taʼu malee Phaawulos, ‘Isa barsiifamte, cimsitees itti amante sanatti qabamii jiraadhu!’ jechuudhaan Ximotewosiin gorsee ture. (2 Xim. 3:14, 15) Kanaafuu, Ximotewos dhugaa akka argate amanee ture. Dhugaa kana kan fudhate haati isaa fi akkoon isaa akka fudhatu waan itti himaniif utuu hin taʼin, ofuma isaatii irratti yaadee waan isa amansiiseefi dha.1 Tasaloniiqee 5:21 dubbisi.

5, 6. Ijoollummaa keetii kaasee wantoota itti amante qoruu barachuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

5 Tarii atis dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu kan beekte yeroo dheeraa dura taʼa. Taanaan, sababii wantoota tokko tokko itti amante sirriitti qoruuf maaliif galma hin baafattu? Kana gochuun amantii kee kan sii cimsu taʼuu isaa irra iyyuu, dhiibbaa hiriyaatiif, olola addunyaatiif, akkasumas miira keetiif akka hin moʼamne si gargaara.

6 Ijoollummaa keetii kaasee wantoota itti amantu qoruu barachuun kee, yeroo hiriyoonni kee gaaffiiwwan akka armaan gadii si gaafatan deebii sirrii kennuuf si qopheessa: ‘Waaqayyo jiraachuu isaa maaltu si amansiise? Waaqni jaalala qabeessa taʼee utuu jiruu, maaliif hammeenyi akka jiraatu heyyame? Waaqayyo jalqaba akka hin qabne akkamitti beekna?’ Kan qophooftu yoo taʼe, gaaffiiwwan akkanaa kun amantii kee laaffisuu mannaa, qoʼannaa dhuunfaa dabalataa akka gootu si kakaasu.

7-9. Kutaa “Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?” jedhamuu fi intarneetii irratti argamu amantii kee jabeessuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsi.

7 Qoʼannaa dhuunfaa gochuun, gaaffiiwwan deebisuuf, shakkii akka hin qabaanne gochuuf, akkasumas amantii kee cimsuuf si gargaaruu dandaʼa. (HoE. 17:11) Meeshaalee kana gochuuf si gargaaran hedduutu jira. Namoonni baayʼeen barreeffamoota keenya waaʼee Uumaa fi uumamawwan isaa ibsan dubbisuun isaanii isaan gargaareera. Kana malees, dargaggoonni hedduun intarneetii irraa mata duree “Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?” jedhu irraa fayyadamaniiru. Kutaan qoʼannaadhaaf gargaaruu fi walitti aansee baʼu kun, jw.org irratti argama. (“Amaariffaan ni argama.) BARUMSAWWAN MACAAFA QULQULLUU>DARGAGGOOTA jala ilaali. Kutaan qoʼannaadhaaf gargaaruu fi walitti aansee baʼu kun hundi, amantii barumsa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti qabdu sii cimsuuf yaadamee kan qophaaʼe dha.

8 Kitaaba Qulqulluu waan beektuuf, gaaffiiwwan kutaa qoʼannaadhaaf gargaaru kana irra jiran keessaa tokko tokkoof daftee deebii kennuu dandeessa taʼa. Garuu deebiin kee sirrii taʼuu isaa mirkanaaʼaa kan taate maaliifi? Kutaawwan qoʼannaadhaaf gargaaran kun, caqasawwan tokko tokko irratti akka yaadduu fi yaada caqasawwan kana irratti qabdu akka barreeffattu si afeeru. Amantii kee isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe namoota kaaniif ibsuu akka karoorfattu si gargaaruu dandaʼu. Kutaan “Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?” jedhuu fi intarneetii irratti argamu kun, dargaggoonni hedduun amantii isaanii akka jabeeffatan gargaaraa jira. Kutaa kanatti fayyadamuuf carraa qabda taanaan, qoʼannaa dhuunfaa kee irratti maaliif itti hin fayyadamtu?

9 Amantii kee jabeeffachuun kee, tarkaanfii guddaa cuuphamuu kee dura fudhachuu dandeessu dha. Obboleettiin umurii waggoota kurnanii keessa jirtu tokko akkana jetteetti: “Cuuphamuuf murteessuu koo dura, Kitaaba Qulqulluu qoʼadheen kun amantii dhugaa taʼuu isaa hubadhe. Yeroon darbaa yommuu deemu immoo amantiin koo sun cimaa deema.”

GOCHA KEE

10. Kiristiyaana cuuphame tokko irraa gocha amantii isaa wajjin deemu eeguun sirrii kan taʼe maaliifi?

10 Kitaabni Qulqulluun, “Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo taʼe, inni ofii isaatii duʼaa dha” jedha. (Yaq. 2:17) Amantii cimaa qabda taanaan, gocha keetiin akka argisiistu eeguun sirrii dha. Gocha akkamiitiin? Kitaabni Qulqulluun waaʼee “jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu” jiraachuus ni dubbata.2 Phexros 3:11 dubbisi.

11. “Amala qullaaʼaa” jechuun maal akka taʼe ibsi.

11 “Jireenya qullaaʼaa” jiraachuuf, gama naamusaatiin qulqulluu taʼuu qabda. Gama kanaan haalli kee maal fakkaata? Fakkeenyaaf, mee waaʼee jiʼoota jaʼan darbanii yaadi. ‘Dandeettiin hubannaa’ kee waan sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf kan leenjiʼe taʼuu isaa kan argisiiste akkamitti? (Ibr. 5:14, NW) Qorumsa ykn dhiibbaa hiriyaa yeroo itti moote ni yaadattaa? Amalli mana barumsaatti argisiistu waaʼee amantii keetii waan gaarii dubbataa? Amantii kee deggertee dubbatta moo, akkuma sitti hin qoosneef jettee barattoota kutaa keetii fakkaachuuf yaalta? (1 Phe. 4:3, 4) Namni mudaa hin qabne akka hin jirre beekamaa dha. Namoonni yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa turan illee, namoota duratti waaʼee amantii isaanii dubbachuun yeroo tokko tokko isaan sodaachisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, namni Yihowaadhaaf of murteesse tokko maqaa Waaqayyootiin waamamuu isaatti boonuu kan qabu siʼa taʼu, kanas amala isaatiin argisiisa.

12. “Jireenya namoota Waaqayyoof taʼu” keessaa tokko tokko kam faʼi? Jireenya akkasii hoo akkamitti ilaaluu qabda?

12 “Jireenya namoota Waaqayyoof taʼu” jechuun hoo maal jechuu dha? Kun, walgaʼii irratti argamuu fi tajaajila irratti hirmaachuu dabalatee sochiiwwan gumii keessatti gootu kan dabalatu dha. Kana malees, sochiiwwan hafuuraa warri kaan hin argine kan akka kadhannaa fi qoʼannaa dhuunfaa ni dabalata. Namni jireenya isaa Yihowaadhaaf murteesse tokko, sochiiwwan kana hojii nuffisiisaa akka taʼanitti hin ilaalu. Kanaa mannaa ilaalcha Daawit Mootichaa isa, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira” jechuudhaan dubbatee wajjin wal fakkaatu qabaata.Far. 40:8.

13, 14. “Jireenya namoota Waaqayyoof taʼu” jiraachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Dargaggoonni tokko tokko kan fayyadaman hoo akkamitti?

13 “Jireenya namoota Waaqayyoof taʼu” jiraachuuf, gaaffiiwwan tokko tokko ilaaluun si gargaaruu dandaʼa. Gaaffiiwwan kana keessaa tokko tokko: “Kadhannaa kee irratti wanta barbaaddu hammam addaan baastee caqasta? Kadhannaawwan kun hoo jaalala Yihowaadhaaf qabdu kan argisiisan akkamitti?” “Wantoota akkamii irratti qoʼannaa dhuunfaa goota?” “Warri kee yoo hirmaachuu baatan illee tajaajila irratti ni hirmaattaa?” [1] Deebii gaaffiiwwan kanaaf kennitu barreeffadhu. Kana gochuun kee, kadhannaa, qoʼannaa dhuunfaa fi tajaajila kee fooyyessuuf galma akka baafattu si gargaara.

14 Dargaggoonni cuuphamuu yaadan tokko tokko, deebii gaaffiiwwan akkanaa barreeffachuun isaanii baayʼee isaan gargaareera. Obboleettii shamarreen Tiildaa jedhamtu, deebii gaaffiiwwan kanaa barreeffachuun ishii galma akka baafattu akka ishii gargaare dubbatteetti. Suutuma suutaan galmawwan ishii irra kan geesse taʼuu isaa irra iyyuu, waggaa tokko booda cuuphamuuf qophoofte. Obboleessi dargaggeessi Paatriik jedhamus faayidaa kanaa wajjin wal fakkaatu argateera. Akkana jedheera: “Galmawwan koo beekan ture; barreeffachuun koo garuu galmawwan kana irra gaʼuuf akkan tattaafadhu na kakaaseera.”

Warri kee Yihowaa tajaajiluu yoo dhiisan illee, ati isa tajaajiluu kee itti fuftaa? (Keeyyata 15 ilaali)

15. Of murteessuun murtoo dhuunfaa taʼuu kan qabu maaliif akka taʼe ibsi.

15 Gaaffiiwwan barbaachisaa taʼan keessaa tokko, “Warri ykn hiriyoonni kee Yihowaa tajaajiluu yoo dhaaban illee ati isa tajaajiluu kee itti fuftaa?” kan jedhu dha. Kiristiyaana of murteessee cuuphame waan taateef, Yihowaa dura kan dhaabattu of dandeessee akka taʼe yaadadhu. Tajaajilli isaaf dhiheessitu warra kee dabalatee eenyu irratti iyyuu kan hundaaʼe taʼuu hin qabu. Jireenya qullaaʼaa fi jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun kee, dhugaa kan ofii keetii akka godhattee fi cuuphamuuf gaʼumsa akka qabdu kan argisiisu dha.

DINQISIIFANNAA KEE

16, 17. (a) Namni tokko Kiristiyaana akka taʼu maaltu isa kakaasuu qaba? (b) Dinqisiifannaan furichaaf qabdu fakkeenyaan ibsamuu kan dandaʼu akkamitti?

16 Namichi Seera Musee sirriitti beeku tokko, “Seera keessaa abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kam?” jedhee Yesusiin gaafatee ture. Yesus immoo, “Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa” jedhee deebiseef. (Mat. 22:35-37) Yesus, Kiristiyaanni tokko cuuphamuu dabalatee wanta kam iyyuu gochuuf kan isa kakaasu jaalala Yihowaadhaaf qabu taʼuu isaa ifa godheera. Karaa jaalala Yihowaadhaaf qabdu guddifachuuf si gargaaru keessaa tokko, kennaa guddaa inni sii kenne irratti, jechuunis aarsaa furii Ilma isaa irratti xiinxaluu dha. (2 Qorontos 5:14, 15; 1 Yohannis 4:9, 19 dubbisi.) Waaʼee furichaa fi furichi siif hiika maalii akka qabu yaaduun kee, dinqisiifannaa kee akka ibsitu si kakaasa.

17 Furicha ilaalchisee wanti sitti dhagaʼamu fakkeenya armaan gadiitiin ibsamuu dandaʼa: Namni tokko bishaaniin liqimfamuu irraa si oolche haa jennu. Waan sii godhame irraanfachuudhaan qaama kee qoorfattee callistee gara mana keetti galtaa? Akkana akka hin goone beekamaa dha! Namni si oolche sun waan guddaa akka sii godhe akka sitti dhagaʼamu beekamaa dha. Lubbuu kee sii oolcheera! Yihowaa fi Yesus immoo wanta kana irra caalu nuu godhaniiru. Utuu furiin nuu kaffalamuu baatee, tokkoon tokkoon keenya cubbuu fi duʼaan liqimfamnee hafna turre. Haa taʼu malee, gochi jaalalaa kun, lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuuf abdii guddaa akka qabaannu gochuu dandaʼeera!

18, 19. (a) Yihowaadhaaf of kennuun si sodaachisuu kan hin qabne maaliifi? (b) Yihowaa tajaajiluun jireenya kee kan fooyyessu akkamitti?

18 Wanta Yihowaan sii godhe ni dinqisiifattaa? Taanaan jireenya kee Yihowaadhaaf murteessuu fi cuuphamuun kee sirrii taʼa. Yihowaadhaaf of murteessuun, wanti fedhe iyyuu yoo taʼe bara baraaf fedha isaa raawwachuuf waadaa guddaa galuu akka taʼe yaadadhu. Walii galtee akkanaa raawwachuun si sodaachisuu qabaa? Matumaa si sodaachisuu hin qabu! Yihowaan wanta si fayyadu akka siif hawwuu fi “warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf” hin dagatin. (Ibr. 11:6) Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuun kee, jireenya kee rakkisaa hin godhu. Kanaa mannaa, Yihowaa tajaajiluun kee jireenya kee fooyyessa. Obboleessi umuriin isaa waggaa 24 taʼee fi utuu umurii waggoota kurnanii keessa hin galin cuuphame tokko akkana jedheera: “Utuun xinnoo tureera taʼee hubannaa dabalataa nan qabaadhan ture; haa taʼu malee Yihowaadhaaf of murteessuun koo wantoota addunyaa keessa jiran akkan hin hordofne na eegeera.”

19 Yihowaan, Seexana isa ofittummaadhaan kakaʼee sitti fayyadamuu barbaadu irraa baayʼee adda dha! Seexanni namoota isa deggeraniif faayidaa bara baraa hin argamsiisu. Kana gochuus hin dandaʼu. Seexanni ofuma isaatii iyyuu oduu gaarii irratti xiinxalu hin qabu; abdiis hin qabu. Wanta ofii isaatii hin qabne akkamitti sii kennuu dandaʼa? Wanti inni sii kennuu dandaʼu yoo jiraate, wanta hamaa gara fuulduraatti isa eeggatu qofa dha!Mul. 20:10.

 20. Dargaggeessi tokko of murteessuu fi cuuphamuuf gaʼumsa akka qabaatu maal gochuu dandaʼa? (Saanduqa “ Wantoota Karaa Hafuuraa Akka Guddattu Si Gargaaran” jedhus ilaali.)

20 Dhuguma iyyuu, Yihowaadhaaf of murteessuun wanta sirrii gochuu qabdu dha. Tarkaanfii kana fudhachuuf qophoofteettaa? Taanaan duubatti hin jedhin. Gama biraatiin, yeroon dabalataa kan si barbaachisu yoo taʼe yaadawwan mata duree kana keessa jiranitti fayyadamuudhaan guddina gochuu kee itti fufi. Phaawulos, “Kottaa isa bira geenye duwwaatti qabamnee in deddeebina” jechuudhaan Kiristiyaanota Filiphisiiyusiif barreessee ture. (Filp. 3:16) Gorsa kana yoo fudhatte, utuu baayʼee hin turin Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuuf fedhii qabaatta.

^ [1] (keeyyata 13) Dargaggoonni tokko tokko kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan, Jildii 2 (Amaariffa) jedhamu irraa gilgaala fuula 308 fi 309 irra jiru irraa faayidaa argataniiru.