Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa?—Cuuphamuuf Qophooftaniittuu?

Dargaggootaa?—Cuuphamuuf Qophooftaniittuu?

“Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii ittiin mana kana ijaaree raawwatu qaba yoo taʼeef, taaʼee kan hin shallagne eenyu?”—LUQ. 14:28.

FAARFANNAA: 6, 34

Mata dureewwan itti aanan lamaan, dargaggoota cuuphamuu yaadaa jiraniif kan qophaaʼani dha

1, 2. (a) Yeroo harʼaatti wanti saba Waaqayyoo gammachiisu maali dha? (b) Warrii fi jaarsoliin gumii cuuphamuu jechuun maal jechuu akka taʼe dargaggoonni akka hubatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

JAARSI gumii tokko Kiristoofar isa umuriin isaa waggaa 12 taʼeen akkana jedhe: “Daaʼimummaa keetii kaaseen si beeka; akka cuuphamuu barbaaddu dhagaʼuu kootti gammadeera. Garuu gaaffii tokko si gaafachuun barbaada, ‘Tarkaanfii kana fudhachuu kan barbaadde maaliifi?’” Gaaffiin jaarsa kanaa sirrii ture. Addunyaa maratti waggaa waggaatti dargaggoonni kumaan lakkaaʼaman kan cuuphaman taʼuu isaa beekuun akka nama gammachiisu beekamaa dha. (Lal. 12:1) Taʼus, Kiristiyaanonni ijoollee qabanii fi jaarsoliin gumii dargaggoonni kun murtoo kana kan godhan fedhii waan qabaniif qofa utuu hin taʼin, buʼuura gaarii irratti hundaaʼanii taʼuu isaa mirkaneeffachuu barbaadu.

2 Dubbiin Waaqayyoo akka ibsutti, of murteessuu fi cuuphamuun Kiristiyaanni tokko jireenya haaraa jalqabuu isaa argisiisa. Kun taʼuun isaa eebba Yihowaa kan argamsiisu taʼus, mormii Seexanaas ni geessisa. (Fak. 10:22; 1 Phe. 5:8) Kanaafuu warri, duuka buutuu Yesus taʼuuf maaltu akka barbaachisu ijoollee isaanii barsiisuu qabu. Dargaggoota warri isaanii Kiristiyaanota hin taanee wajjin haala wal qabateen immoo, jaarsoliin gumii barattoota Yesus taʼuuf wanta isaan irraa barbaadamu akka hubataniif jaalalaan isaan gargaaru. (Luqaas 14:27-30 dubbisi.) Hojii ijaarsaa tokko milkaaʼinaan xumuruuf karoorri akkuma barbaachisu, “hamma dhumaatti” Yihowaa tajaajiluudhaafis qophii gochuun barbaachisaa dha. (Mat. 24:13) Haa taʼu malee, dargaggoonni guutummaa jireenya isaaniitti Yihowaa tajaajiluudhaaf maal gochuu dandaʼu? Mee haa ilaallu.

3. (a) Barbaachisummaa cuuphaa wajjin haala wal qabateen wanta Yesusii fi Phexros dubbatan irraa maal baranna? (Mat. 28:19, 20; 1 Phe. 3:21) (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra? Maaliif?

3 Dargaggeessa cuuphamuudhaaf yaadaa jirtu dhaa? Kun taʼuun isaa baayʼee nama gammachiisa! Cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuun mirga guddaa dha. Kana malees cuuphaan, ulaagaa Kiristiyaanota irraa eegamu taʼuu isaa irra iyyuu, tarkaanfii gara fayyinaatti geessu dha. (Mat. 28:19, 20; 1 Phe. 3:21) Waadaa Yihowaadhaaf galtu eeguuf fedhii waan qabduuf, tarkaanfii barbaachisaa kanaaf qophaaʼuu barbaadda. Kanaafuu, cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu fi dhiisuu kee beekuuf, gaaffiiwwan sadii qoruun kee barbaachisaa dha. Gaaffiiwwan kun kanatti fufanii jiru: (1) Murtoo kana gochuudhaaf gaʼeessa taʼeeraa? (2) Kana gochuuf fedhiin qabaa? (3) Yihowaadhaaf of murteessuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubadheeraa? Mee gaaffiiwwan kana haa qorru.

YOMMUU GAʼEESSA TAATU

4, 5. (a) Cuuphamuu kan qaban namoota guguddaa qofa kan hin taane maaliifi? (b) Kiristiyaanni gaʼeessa jedhamu kan akkamii ti?

4 Kitaabni Qulqulluun, cuuphaan tarkaanfii umurii seera biratti mirgawwan tokko tokko argachuuf dandeessisutti ykn isaa olitti fudhatamuu qabu akka taʼetti hin ibsu. Fakkeenyi 20:11, “Mucaan iyyuu qullaaʼaa fi qajeelaa taʼuun isaa, hojii isaatiin in beekama” jedha. Ijoolleen illee wanta sirrii taʼee hojjechuu fi Uumaa isaaniitiif of murteessuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuu ni dandaʼu. Kanaafuu, dargaggeessi gaʼeessa akka taʼe argisiisee fi Yihowaadhaaf of murteesse, cuuphamuun isaa tarkaanfii sirrii fi barbaachisaa taʼe dha.—Fak. 20:7.

5 Gaʼeessa taʼuu jechuun maal jechuu dha? Gaʼeessummaan qaamaan guddachuu caalaa waan dabalatu qaba. Kitaabni Qulqulluun, namoonni gaʼeessota taʼan “sammuun isaanii hojiidhaan itti baree hamaa fi gaarii gargar baasuu” akka dandaʼan dubbata. (Ibr. 5:14) Kanaafuu, namoonni gaʼeessa taʼan wanta Yihowaa duratti gaarii taʼe kan beekan siʼa taʼu, wanta gaarii kanatti maxxanuuf murteessaniiru. Kanaan kan kaʼes, wanta hamaa hojjechuuf salphaatti hin dogoggorfaman; akkasumas, waan gaarii hojjechuuf yeroo hunda namni isaan kakaasu hin barbaachisu. Dargaggeessi cuuphame tokko warri isaa ykn namni guddaan utuu hin jiraatin iyyuu, ulaagaalee Waaqayyoo akka deggeru irraa eeguun sirrii dha.—Filiphisiiyus 2:12 wajjin wal bira qabi.

6, 7. (a) Rakkinoota yommuu Daaniʼel Baabilon keessa ture isa mudatan ibsi. (b) Daaniʼel gaʼeessa akka taʼe kan argisiise akkamitti?

6 Dhuguma dargaggoonni gaʼeessummaa akkasii argisiisuu ni dandaʼuu? Fakkeenya Daaniʼel isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee haa ilaallu. Boojiʼamee warra isaa irraa gara Baabilonitti kan fudhatame, jalqaba umurii waggoota kurnanii keessa utuu jiruu taʼuu hin oolu. Utuu baayʼee hin turin, Daaniʼel namoota hamaa fi gaarii ilaalchisee ilaalcha kan isaa irraa guutummaatti adda taʼe qaban gidduu jiraachuu jalqabe. Wanti Daaniʼelitti qorumsa taʼu gara biraanis jira ture; Baabilon keessatti iddoo guddaa qaba ture. Dargaggoota mootiidhaaf akka hojjetaniif filataman arfan keessaa tokko ture! (Dan. 1:3-5, 13) Daaniʼel carraawwan yommuu Israaʼel keessa ture hin arganne hedduu waan argate fakkaata.

7 Daaniʼel haalawwan kana hunda keessatti maal godhe? Bareedina Baabiloniin gowwoomfameeraa? Naannoon haaraa taʼe kun eenyummaa isaa akka jijjiiruu fi amantii isaa akka balleessu heyyameeraa? Matumaa! Kitaabni Qulqulluun Daaniʼel yeroo Baabilon keessa turetti, wanta amantii sobaa wajjin wal qabatu kamiin iyyuu ‘akka of hin xureessineef garaa muratee’ akka ture dubbata. (Dan. 1:8) Daaniʼel gaʼeessa akka taʼe argisiiseera!

Dargaggeessi gaʼeessa taʼe tokko Galma Mootummaatti michuu Waaqayyoo, mana barumsaatti immoo michuu addunyaa hin taʼu (Keeyyata 8 ilaali)

8. Fakkeenya Daaniʼel irraa maal baranna?

8 Fakkeenya Daaniʼel irraa maal baranna? Namni gaʼeessi wantoota itti amanuu wajjin haala wal qabateen ejjennoo cimaa qaba. Akka gaararraa naannoo isaa fakkaachuuf jecha bifa isaa jijijjiiruu miti. Galma Mootummaatti michuu Waaqayyoo mana barumsaatti immoo michuu addunyaa hin taʼu. Yeroo qorumsi amantii isa mudatutti illee asiif achi raafamuu mannaa jabaatee dhaabata.Efesoon 4:14, 15 dubbisi.

9, 10. (a) Dargaggeessi tokko qorumsa amantii dhiheenyatti isa mudate irratti tarkaanfii akkamii akka fudhate yaaduun isaa kan isa fayyadu akkamitti? (b) Cuuphamuu jechuun maal jechuu dha?

9 Dhugaa dha namni hirʼina hin qabne hin jiru; dargaggoonnis taʼan namoonni guguddaan darbee darbee dogoggora ni raawwatu. (Lal. 7:20) Taʼus, cuuphamuuf yeroo yaaddutti, ulaagaalee Yihowaatti maxxanuuf kan murteessite hamma maaliitti akka taʼe qoruun kee gaarii dha. Murtoon kee hammam cimaa akka taʼe madaaluu kan dandeessu akkamitti? ‘Ulaagaalee Waaqayyoo hordofuu wajjin haala wal qabateen kanaan dura maal godheera?’ jedhii of gaafadhu. Qorumsa amantii dhiheenyatti si mudate irratti tarkaanfii akkamitti akka fudhatte yaadi. Hubannaa, hamaa fi gaarii addaan baasuuf barbaachisu akka qabdu argisiisteettaa? Akkuma Daaniʼel, namoonni addunyaa keessatti argaman dandeettii qabdu tokkotti fayyadamuu akka qabdu akka sitti dhagaʼamu yoo godhan hoo? Fedhiin Yihowaa fi wanti ati raawwachuuf qoramte kan walitti buʼu yoo taʼe illee, ‘jaalalli gooftaa maal akka taʼe hubachuu’ ni dandeessaa?—Efe. 5:17.

10 Gaaffiiwwan kana kaasuun kan barbaachise maaliifi? Cuuphaadhaaf ilaalcha sirrii akka qabaattu si gargaaruufi dha. Akkuma olitti caqasame, cuuphaan Yihowaadhaaf waadaa cimaa galuu kee argisiisa. Garaa kee guutuudhaan bara baraaf isa jaallachuu fi isa tajaajiluuf waadaa seenteetta. (Mar. 12:30) Namni cuuphame hundi waadaa isaa eeguuf murteessuu qaba.Lallaba 5:4, 5 dubbisi.

FEDHII KEETIIN MURTEESSITEE?

11, 12. (a) Namni cuuphamuuf yaadaa jiru waaʼee maalii mirkanaaʼaa taʼuu qaba? (b) Cuuphaadhaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuuf maaltu si gargaara?

11 Kitaabni Qulqulluun dargaggoota dabalatee sabni Yihowaa tajaajila isaatiif ‘jaalala isaaniitiin akka of dhiʼeessan’ dubbata. (Far. 110:3) Kanaafuu, namni cuuphamuuf yaadu murtoon kun fedhii dhuunfaa isaa taʼuu isaa mirkanaaʼaa taʼuu qaba. Kun immoo of qoruun akka si barbaachisu argisiisa. Maaliif? Dargaggeessa taʼuu keetiin kan kaʼe haalli kee hamma tokko adda waan taʼeefi dha. Fakkeenyaaf, dhugaa keessatti guddatte taʼa.

12 Hiriyoota kee fi obboloota kee dabalatee namoonni hedduun yeroo cuuphaman waggoota hedduudhaaf argaa turte taʼa. Haala akkanaa keessa jirta taanaan of eeggannoo akkamii gochuu qabda? Umurii taʼe tokko irra waan geesseef ykn warri kaan waan cuuphamaniif qofa cuuphamuu akka qabdu akka sitti hin dhagaʼamne of eeggadhu. Cuuphaadhaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu kee akkamitti beekuu dandeessa? Yeroo xinnoo fudhadhuutii cuuphamuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe yaadi. Mata duree kanaa fi isa itti aanu irratti sababiiwwan gaggaarii argachuu dandeessa.

13. Cuuphamuuf kan murteessite garaa keetii akka taʼe beekuu kan dandeessu akkamitti?

13 Cuuphamuuf murtoon goote garaadhaa taʼuu isaa beekuuf wantoonni si gargaaran jiru. Fakkeenyaaf, garaadhaa Yihowaa tajaajiluu kan barbaaddu taʼuun kee kadhannaa kee irratti ni beekama. Yeroo hunda kan kadhattuu fi wanta barbaaddu addaan baastee kan caqastu taʼuun kee, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu hammam cimaa akka taʼe argisiisa. (Far. 25:4) Karaan Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii itti kennu inni tokko Dubbii isaa ti. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf carraaqqii gochuudhaan, dhugumaan Yihowaatti dhihaachuu fi garaadhaa isa tajaajiluu akka barbaadnu argisiisuu dandeenya. (Iya. 1:8) Kanaafuu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Kadhannaa koo irratti wantan barbaadu addaan baasee nan caqasaa? Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti godhu hammam dhaabbataa dha?’ Maatiin keessan Waaqeffannaa Maatii qaba taanaan, ‘Qophii kana irratti fedhiidhaan nan hirmaadhaa?’ jedhii of gaafadhu. Deebiin gaaffiiwwan kanaaf laattu, murtoon cuuphamuuf goote fedhii dhuunfaa kee irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa fi dhiisuu isaa beekuuf si gargaara.

OF MURTEESSUUN MAALI DHA?

14. Garaa garummaa of murteessuu fi cuuphamuu gidduu jiru ibsi.

14 Dargaggoonni tokko tokko garaa garummaa of murteessuu fi cuuphamuu gidduu jiru hin beekan. Fakkeenyaaf, tokko tokko Yihowaadhaaf akka of murteessanii fi cuuphamuuf garuu qophaaʼoo akka hin taane dubbatu. Kun taʼuu dandaʼaa? Of murteessuu jechuun, bara baraaf isa tajaajiluu akka barbaadnu Yihowaatti himuu jechuu dha. Namni tokko yeroo cuuphamu of murteessuu isaa namootatti argisiisa. Kanaafuu, isa kadhannaadhaan dhuunfaatti Yihowaadhaaf of murteessite cuuphamuudhaan uummatatti argisiista jechuu dha. Cuuphamuu kee dura, of murteessuu jechuun maal jechuu akka taʼe beekuu qabda.

15. Of murteessuu jechuun maal jechuu dha?

15 Jireenya kee Yihowaadhaaf murteessuu jechuun, kan ofii akka hin taane isatti himuu jechuu dha. Jireenya kee keessatti wanta kaan caalaa fedha isaa raawwachuudhaaf dursa akka kennitu Yihowaadhaaf waadaa galaa jirta. (Maatewos 16:24 dubbisi.) Waadaa galle kamiif iyyuu bakka guddaa kennuu qabna; waadaa Yihowaadhaaf galleef immoo caalaatti bakka guddaa kennuu hin qabnuu ree? (Mat. 5:33) Haa taʼu malee, akka of gantee fi qabeenya Yihowaa akka taate akkamitti argisiisuu dandeessa?—Rom. 14:8.

16, 17. (a) Of ganuu jechuun maal jechuu akka taʼe fakkeenyaan ibsi. (b) Namni tokko yeroo of murteessu maal jechuu isaa ti?

16 Kana fakkeenyaan ibsuuf, michuun kee tokko konkolaataa siif kenne haa jennu. Dookmantii konkolaatichaa hunda sii kennee, “Konkolaataan kun kan kee ti” siin jedhe. Haa taʼu malee, michuun kee kun, “Furtuun isaa garuu ana bira taaʼa. Konkolaaticha kan oofus si utuu hin taʼin ana dha” siin jedhe. Waaʼee “kennaa” kanaa fi waaʼee nama sii kennee maaltu sitti dhagaʼama?

17 Mee amma Yihowaan nama isaaf of murteessee fi “Ani siif of kenneera; ani kan kee ti” isaan jedhe tokko irraa maal eeguu akka dandaʼu yaadi. Namni sun tarii nama Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin gaaʼelaaf wal qorachuudhaan jireenya bifa lamaa kan jiraatu yoo taʼe hoo? Yookiin immoo hojii, tajaajila irratti ykn walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti guutummaatti akka hin hirmaanne godhu kan hojjetu yoo taʼe hoo? Furtuu konkolaatichaa kennuu dhiisuu wajjin wal hin fakkaatuu? Namni Yihowaadhaaf of murteessu akkana akka jedhutti ilaalama: “Jireenyi koo kan kee ti malee kan koo miti. Wanti ati barbaadduu fi wanti ani barbaadu yoo walitti buʼe illee, yeroo hundumaa wanta ati jettetu dursa.” Kun yaada Yesus yeroo lafa irra turetti, “Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu’e malee” jedhee dubbate calaqqisiisa.Yoh. 6:38.

18, 19. (a) Wanti Roozii fi Kiristoofar dubbatan, cuuphamuun mirga eebba argamsiisu taʼuu isaa kan argisiisu akkamitti? (b) Mirga cuuphamuu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

18 Cuuphaan tarkaanfii cimaa atis taʼe namni tokko iyyuu akka laayyootti ilaaluu hin qabne dha. Taʼu iyyuu, of murteessuu fi cuuphamuun mirga guddaa dha. Dargaggoonni Yihowaa jaallatanii fi of murteessuu jechuun maal akka taʼe hubatan, cuuphamuu irraa duubatti hin jedhan; akkasumas of murteessuu isaaniitti yoom iyyuu hin gaabban. Shamarreen cuuphamtee fi Rooz jedhamtu, “Yihowaa nan jaalladha; isa tajaajiluu caalaa wanti na gammachiisu hin jiru. Murtoon cuuphamuuf godhe caalaa wantin mirkanaaʼaa itti taʼe tokko illee hin jiru” jetteetti.

19 Waaʼee Kiristoofar isa jalqaba irratti caqasamee hoo maal jechuu dandeenya? Umurii isaa waggaa 12tti cuuphamuuf sababii gaʼaa qaba turee? Kiristoofar yeroo itti of murteessee fi cuuphame yeroo yaadatu gammachuu guddaatu itti dhagaʼama. Yeroo umuriin isaa waggaa 17 taʼu qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluu kan jalqabe siʼa taʼu, umurii isaa waggaa 18tti tajaajilaa gumii taʼee muudame. Yeroo ammaatti immoo Betʼel keessatti tajaajilaa jira. “Cuuphamuun murtoo sirrii taʼe dha. Jireenyi koo Yihowaa fi jaarmiyaa isaatiif hojii gammachiisaa hojjechuudhaan kan guutame dha” jedheera. Cuuphamuu yaaddeetta taanaan, cuuphaadhaaf qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti? Mata dureen itti aanu gaaffii kanaaf deebii kenna.