Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tokkummaa Keenya Cimsuu Irratti Hirmaachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Tokkummaa Keenya Cimsuu Irratti Hirmaachuu kan Dandeessu Akkamitti?

“Qaamni hundi isa buʼuura godhachuudhaan . . . wal taʼuudhaan walitti hidhameera.”—EFE. 4:16, NW.

FAARFANNAA: 53, 16

1. Jalqabaa kaasee wanti hojii Waaqayyoo adda baasee beeksisu maali dha?

KAAYYOO tokko qabachuun jalqaba uumamaa irraa eegalee kan ture dha. Uumamni Waaqayyoo inni jalqabaa ogummaatti fakkeeffame, “Ani hojjetaa isa angafa taʼeen isa [Yihowaa] bira ture. Guyyaa guyyaattis sababii kootiin kan kaʼe gammachuu addaatu isatti dhagaʼama ture” jedheera. (Fak. 8:30, NW) Abbaa fi Ilmi waliin taʼuudhaan lubbu qabeeyyii gosa garaa garaa yeroo harʼaatti argaa jirru hunda uumaniiru. Sana boodas hojii Waaqayyoo keessatti tokkummaadhaan hojjechuun itti fufeera. Fakkeenyaaf, Nohii fi maatiin isaa waliin taʼanii markaba ijaaraniiru. Israaʼeloonnis godoo qulqullaaʼaa dhaabuu, diiguu fi bakkaa bakkatti geessuu irratti tokkummaadhaan hojjetu turan. Mana qulqullummaa keessatti immoo, Yihowaa jajachuuf waliin taʼanii faarfachaa fi meeshaalee muuziqaa taphachaa turan. Hojiin kun hundi hojjetamuu kan dandaʼe tokkummaan waan jiruufi dha.—Uma. 6:14-16, 22; Lak. 4:4-32; 1 Sen. 25:1-8.

2. (a) Gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti turee wajjin haala wal qabateen wanti xiyyeeffannaa namaa harkisu maali dha? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

2 Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti turee fi mataa isaa kan taʼe Yesus Kiristos jala ture, waliin hojjechuudhaan beekama ture. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni dibamoon ‘kennaa gosa garaa garaa’ kan qaban, akkasumas “ergaa garaa garaa” fi “hojii garaa garaa” irratti kan hirmaatan taʼanis, hundi isaanii kutaa ‘dhagna tokkoo’ akka turan ibseera. (1 Qorontos 12:4-6, 12 dubbisi.) Haa taʼu malee, waaʼee yeroo harʼaa hoo maal jechuutu dandaʼama? Misiraachicha lallabuu irratti tokkummaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gumii keessattis taʼe maatii keessatti tokkummaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

HOJII LALLABAA IRRATTI TOKKUMMAA QABAADHAA

3. Yohannis ergamaan mulʼata akkamii arge?

3 Yohannis ergamaan, Dh.K.B. xumura jaarraa jalqabaatti ergamoota malakata afuufan torba mulʼataan argee ture. Ergamaan inni shanaffaan malakata isaa yommuu afuufu, Yohannis ‘urjiin tokko’ samii irraa yommuu lafa dhaʼu arge. ‘Urjichi’ banaa boolla lafa jalaa ittiin banu of harkaa qaba ture. Aarri guddaan kan kaʼe siʼa taʼu, aaricha keessaas gurmuun hawaannisaa ol yaaʼe. Gurmuun hawaannisaa fakkeenyaan ibsame kun biqiltoota nyaachuu mannaa, “namoota warra mallattoo Waaqayyoo addattii hin qabne” miidhe. (Mul. 9:1-4) Yohannis badii guddaa gurmuun hawaannisaa geessisuu dandaʼu akka beeku hin shakkisiisu. Dhaʼichi hawaannisaa bara Museetti Gibxii durii keessatti miidhaa guddaa geessisee ture. (Bau. 10:12-15) Fakkeenyi hawaannisaa Yohannis arge, Kiristiyaanota dibamoo ergaa murtoo Yihowaa cimaa taʼe labsan akka gaariitti ibsuu dandaʼa. Michoonni isaanii miliyoonaan lakkaaʼamanii fi lafa irra jiraachuuf abdii qabanis isaanii wajjin hojjechaa jiru. Hojii lallabaa kana irratti tokkummaa qabaachuun keenya, dhiibbaa Seexanni amantii sobaatti fayyadamee addunyaa maratti geessisaa jiru laaffisuun isaa nama hin dinqisiisu!

4. Sabni Waaqayyoo hojii akkamii hojjechuu qaba? Kana hojjechuu kan dandaʼu hoo karaa kamiin qofa dha?

4 Sabni Yihowaa sirni kun baduu isaa dura hojii guddaa hojjechuu, jechuunis addunyaa maratti “wangeela” lallabuu qaba. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Kunis “namni dheebote” “utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu” akka dhugu afeeruu dabalata. (Mul. 22:17) Miseensota gumii Kiristiyaanaa waan taaneef, hojii kana hojjechuu irratti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti? ‘Wal taʼuudhaan yoo walitti hidhamne’ qofa dha.—Efe. 4:16, NW.

5, 6. Misiraachicha lallabuu irratti tokkummaa kan qabaanne akkamitti?

5 Ergaa misiraachoo Mootummichaa hamma dandeenye namoota hedduudhaan gaʼuuf hojii lallabaa keenya karaa gurmaaʼina qabuun hojjechuu qabna. Kanaafuu, qajeelfamni nuu kennama. Qajeelfamni addunyaa maratti karaa gumiiwwanii nuu kennamu, tokkummaadhaan carraaqqii gochuuf nu qopheessa. Walgaʼii tajaajila dirree erga godhannee booda, ergaa Mootummichaa ilmaan namootaatti himuu deemna. Dubbiidhaan, akkasumas barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi miliyoonaan lakkaaʼamanitti fayyadamuudhaan ergicha babalʼisna. Qajeelfama duulawwan lallabaa adda taʼan irratti hirmaachuu ilaalchisee kennamu hordofuuf ni carraaqxaa? Taanaan, namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi tokkummaadhaan ‘ergamaa bantii waaqaa gidduu balaliʼaa’ jiru, isa Mulʼata 14:6 irratti caqasamee wajjin labsaa jiranii wajjin hojjechaa jirta jechuu dha.

6 Buʼaan hojii keenyaa walitti qabamee Kitaaba Waggaa irratti yeroo baʼu dubbisuun baayʼee nama gammachiisa! Kana malees, walgaʼiiwwan naannootiif, walgaʼiiwwan naannoo adda taʼaniif, akkasumas walgaʼiiwwan biyyoolessaatiif waraqaa afeerrii raabsuu irratti tokkummaa qabnu yaadi. Walgaʼiiwwan kana irratti haasaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi nama jajjabeessan dhaggeeffanna; diraamaa fi hojiin argisiisa hedduus xiyyeeffannaadhaan ilaalla. Yeroo baayʼee kutaawwan kun Waaqayyo garaa guutuu akka isa tajaajillu akka barbaadu kan ibsani dha. Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus kabajuunis tokkummaa akka qabaannu godha. Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa waan dinqisiifannuu fi qajeelfama Yesusiif waan ajajamnuuf, ayyaana kanaaf waggaa waggaadhaan, erga aduun lixxee booda Niisaan 14tti walitti qabamna. (1 Qor. 11:23-26) Ayyaana kana irratti namoonni hundi argamuu dandaʼu. Namoonni kaan ayyaana adda taʼe kana irratti nuu wajjin akka argamaniif, torbanoota Ayyaana Yaadannoo kana dura jiranitti naannoo tajaajilaa gumii keenyaa hamma dandeenye waliin geenya.

7. Tokkummaadhaan yoo hojjenne maal gochuu dandeenya?

7 Hawaannisni tokko kophaa isaa dhiibbaa guddaa geessisuu hin dandaʼu. Haaluma wal fakkaatuun kophaa keenya namoota hundumaatiif lallabuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, tokkummaadhaan hojjechuudhaan waaʼee Yihowaa isa ulfinnii fi kabajni isaaf maluu namoota miliyoonaan lakkaaʼamanitti himuu dandeenya! Tokkummaa saba Waaqayyootiif gumaacha kan goonu garuu gama kanaan qofa miti.

GUMII KEESSATTI TOKKUMMAA QABAADHAA

8, 9. (a) Phaawulos Kiristiyaanonni tokkummaa akka qabaatan barsiisuuf fakkeenya kamitti fayyadame? (b) Gumii keessatti tokkummaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Phaawulos xalayaa warra Efesooniif barreesse irratti gurmaaʼina gumii, akkasumas barbaachisummaa ‘wanta hundumaan guddachuu’ ibseera. (Efesoon 4:15, 16, NW dubbisi. [1]) Dhuunfaatti galma kana irra gaʼuudhaaf maaltu nu gargaara? Phaawulos qaama namaa akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan tokkummaa, mataa gumii Kiristiyaanaa kan taʼe Yesus Kiristos jalatti argamu irratti xiyyeeffateera. Ergamaan kun waaʼee ‘buusaawwan wanta barbaachisu hundumaa kennaniin’ tokkummaa qabaachuu dubbateera. Dargaggootas taane maanguddoo, cimoos taane dadhaboo, tokkummaa fi guddina hafuuraa gumichaatiif gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Kana gochuu kan dandeenyu, namoota Yesus gumii keessatti qajeelfama akka kennaniif muudeef, jechuunis jaarsoliidhaaf bitamuu fi isaan kabajuu dhaani. (Ibr. 13:7, 17) Kana gochuun yeroo hunda salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, Waaqayyo qajeelfama akka nuu kennu gaafachuudhaan kana gochuu ni dandeenya. Hafuurri isaa, qophii gumii garaa guutuudhaan akka deggerru nu gargaaruu dandaʼa. Kanaafuu, darbee darbee qajeelfama kennamu hordofuun yoo nutti toluu baate illee, gad of qabuudhaan irratti walii galuun keenya tokkummaa gumiitiif gumaacha akkamii akka godhu yaaduu qabna. Kana malees, dhimmoota akkanaa irratti tokkummaa qabaachuun keenya jaalalli waliif qabnu akka guddatu gochuu dandaʼa.

10. Tajaajiltoonni gumii, gumiin tokkummaa akka qabaatu gochuu irratti gumaacha kan godhan akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

10 Tajaajiltoonni gumii tokkummaa gumiitiif gumaacha guddaa godhu. Obboloonni kun umurii kam irratti iyyuu kan argaman yoo taʼe, ofittummaa irraa walaba taʼanii hojii nama hunda fayyadu hojjetu. Fakkeenyaaf, tajaajilaaf barreeffamoonni gaʼaan akka jiraatan gochuudhaan jaarsolii gargaaru. Kana malees, Galmi Mootummaa yeroo hunda akka qulqullaaʼuu fi akka suphamu godhu; akkasumas keessummoota walgaʼii keenya irratti argamuudhaaf dhufan ni simatu. Obboloota kanaa wajjin yoo walii galle gumichi rakkina tokko malee sochoʼuu dandaʼa.—Hojii Ergamootaa 6:3-6 wajjin wal bira qabi.

11. Dargaggoonni, gumiin isaanii tokkummaa akka qabaatuuf maal gochuu dandaʼu?

11 Obboloonni muuxannoo qaban hedduun itti gaafatamummaa gumii keessatti qaban waggoota hedduudhaaf raawwachaa turaniiru. Garuu sababa dullumaatiin kan kaʼe akka kanaan duraatti hojjechuu hin dandaʼan taʼa; kanaafuu jijjiiramni tokko tokko barbaachisaa dha. Obboloonni dargaggoota taʼan gargaarsa guddaa gochuu dandaʼu. Muuxannoo argachuun kan isaan barbaachisu taʼus, leenjii isaaniif kennuudhaan itti gaafatamummaa dabalataa akka fudhatan gochuun ni dandaʼama. Tajaajiltoonni gumii, jaarsolii taʼuudhaaf ulaagaa barbaachisu guutuuf yommuu carraaqan arguun baayʼee nama gammachiisa! (1 Xim. 3:1, 10) Dargaggoonni jaarsolii taʼan tokko tokko, guddina gochuudhaan hojii aanaa hojjechuu, jechuunis obboloota gumiiwwan hedduu keessatti argaman gargaaruu dandaʼaniiru. Deggersa obboloonni dargaggoota taʼan godhaniif galateeffachuu hin qabnuu?—Faarfannaa 110:3; Lallaba 12:1 dubbisi.

MAATII KEESSATTI TOKKUMMAA QABAADHAA

12, 13. Miseensonni maatii hundi tokkummaa akka qabaataniif wanti isaan gargaaruu dandaʼu maali dha?

12 Tokkummaa wajjin haala wal qabateen wanta gochuu dandeenyu kan biraa ilaaluudhaaf, maatii keessatti tokkummaa uumuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Obboloonni hedduun Waaqeffannaa Maatii buʼa qabeessa taʼe torban torbaniin godhachuun, walitti dhufeenya warraa fi ijoollee gidduu jiru cimsuuf isaan gargaareera. Yeroo gammachiisaa akkanaatti dhimmoota hafuuraa irratti xiyyeeffanna; kun immoo maatichi tokkummaa akka qabaatu godha. Tajaajilaaf shaakaluun, maatichi akka gaariitti lallabuudhaaf akka qophaaʼu gargaaruu dandaʼa. Miseensonni maatii hundi yaada Dubbii Waaqayyoo irraa argatan walitti himuun isaanii, akkasumas hundi isaanii Yihowaa akka jaallatanii fi isa gammachiisuu akka barbaadan arguun isaanii walitti isaan dhiheessa.

Waaqeffannaan maatii walitti dhufeenya warraa fi ijoollee gidduu jiru cimsa (Keeyyata 12 fi 15 ilaali)

13 Hiriyoonni gaaʼelaa tokkummaadhaan Yihowaa jajachuuf maal gochuu dandaʼu? Lamaan isaanii iyyuu amanamummaadhaan Yihowaa kan tajaajilan yoo taʼe, tokkummaa waliin tajaajiluu isaaniitiin argatanitti ni gammadu. Abrahaamii fi Saaraan, Yisihaaqii fi Ribqaan, Elqaanaa fi Haannaan jaalala isaanii waliif ibsaniiru. Nutis akkana gochuuf kutachuu qabna. (Uma. 26:8; 1 Sam. 1:5, 8; 1 Phe. 3:5, 6) Kana gochuun keenya hiriyaa gaaʼelaa keenyaa wajjin tokkummaa akka qabaannu godha; akkasumas Abbaa keenya isa samiitti nu dhiheessa.—Lallaba 4:12 dubbisi.

14. Hiriyaan gaaʼelaa kee Yihowaa kan hin tajaajille yoo taʼe gaaʼelli keessan cimaa akka taʼuuf maal gochuu dandeessa?

14 Kiristiyaanonni, warra hin amannee wajjin walitti hidhamuu hin qaban. (2 Qor. 6:14) Waaʼee obboloota keenya maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa jiraatanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko, gaaʼela kan dhaabbattan dhugaa barachuu isaanii dura waan taʼeef, hiriyaan gaaʼelaa isaanii Dhugaa Baatuu miti. Yeroo kanattis taanaan, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman hojii irra oolchuun maatichi tokkummaa akka qabaatu godha. Kun immoo ejjennoo ofii utuu hin laaffisin hamma dandaʼametti walii galuu kan dabalatu dha. Kun ulfaataa taʼuu dandaʼa; garuu eebba argamu yaadaa. Akkasumas yeroo hiriyaan gaaʼelaa gumii irraa fagaatu, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haalli akkanaa obboleettii Meerii jedhamtu tokko mudateera. Ishii fi abbaan manaa ishii Deevid waliin Yihowaa tajaajilaa turan; waggaa 25 booda garuu abbaan manaa ishii walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu dhiise. Meeriin amanamummaadhaan gara walgaʼii fi walgaʼiiwwan guguddaa deemuu ishii kan itti fufte siʼa taʼu, ijoollee isaanii jaʼan barsiisuu dabalatee, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu manatti hojii irra oolchuuf carraaqaa turte. Ijoolleen isaanii guddatanii yommuu manaa baʼan, Meeriin kophaa akka taate itti dhagaʼamuu jalqabe. Achiis Deevid barruulee ishiin isaaf keessu dubbisuu jalqabe. Yeroo booda, gara Galma Mootummaa deemuu kan jalqabe siʼa taʼu, ilma ilma isaatu iddoo isaaf qaba ture. Yeroo Deevid gumii irraa hafutti mucichi, “Akaakayyu, harʼa walgaʼii irraa hafuu keetti baayʼeen gadde” jedhaan ture. Deevid yeroo ammaatti gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa kan jiru siʼa taʼu, Meeriinis waliin tajaajiluu isaaniitti baayʼee gammaddeetti.

15. Hiriyoonni gaaʼelaa maanguddoo taʼan, hiriyoota gaaʼelaa dargaggoota taʼan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

15 Yeroo harʼaatti Seexanni maatiiwwan miidhuu waan barbaaduuf, tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi maatii keessatti tokkummaa isaanii eeguun isaanii barbaachisaa dha. Gaaʼela erga dhaabbattanii kan turtan hammam iyyuu yoo taʼe, hiriyaa gaaʼelaa keessan jajjabeessuuf dhuunfaatti maal dubbachuu fi gochuu akka dandeessan yaadaa. Gama kanaan maanguddoonni, miseensota gumii dargaggoota taʼan gargaaruu dandaʼu. Darbee darbee hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼan waaqeffannaa maatii keessan irratti akka argaman mana keessanitti afeeruu dandeessu. Hiriyoonni gaaʼelaa kun yeroo isin faana dabarsanitti, gaaʼela keessa kan turame yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe jaalalaa fi tokkummaa qabaachuun barbaachisaa akka taʼe hubachuu dandaʼu.—Tit. 2:3-7.

‘KOTTAA GARA TULLUU MANA WAAQAYYOOTTI OL IN BAANA’

16, 17. Sabni Waaqayyoo tokkummaa qabu maal eeggachaa jira?

16 Israaʼeloonni bara duriitti mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti argamutti Yihowaa yommuu jajatan yaadi. Adeemsa kanaaf ni qophaaʼu, karaa irratti wal gargaaru, akkasumas mana qulqullummaatti waliin waaqeffatu turan. Kun hundi tokkummaa barbaada. (Luq. 2:41-44) Nutis, yeroo gara addunyaa haaraatti adeemaa jirru kanatti, wal taʼuu fi tokkummaa qabaachuu qabna. Kunis yeroo hundumaa tattaaffii gochuu gaafata. Dhimma kanaaf caalaatti xiyyeeffannaa kennuun si barbaachisaa?

17 Mee eebbawwan akkamii nu eeggachaa akka jiran yaadaa! Tokkummaa dhabuu fi burjaajaʼuu sirna kana keessa jiru dhiisnee dhufneerra. Raajiin Isaayaasii fi Miikiyaas dursanii dubbatan yommuu raawwatamu, jechuunis Sabni Waaqayyoo tokkummaadhaan gara “tulluu mana Waaqayyootti” yommuu yaaʼan argaa jirra. (Isa. 2:2-4; Miikiyaas 4:2-4 dubbisi.) Dhuguma iyyuu, “bara booddee” kanatti akkaataan nuti itti waaqeffannu baayʼee ol kaʼeera. Yeroo ilmaan namootaa hundi wal taʼiinsaa fi tokkummaadhaan jiraatanitti gammachuu guddaa qabaanna!

^ [1] (keeyyata 8) Efesoon 4:15, 16 (NW): “Kanaa mannaa dhugaa dubbachuudhaan, wanta hundumaan gara isaatti, jechuunis gara Kiristoos isa mataa taʼeetti jaalalaan haa guddannu. Qaamni hundi isa buʼuura godhachuudhaan buusaawwan wanta barbaachisu hundumaa isaaf kennaniin wal taʼuudhaan walitti hidhameera. Kutaan qaamaa hundi akka gaariitti yommuu hojii isaa hojjetu, qaamni sun akka guddatuu fi jaalalaan akka of ijaaru gochuu irratti gumaacha godha.”