Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Saba Isaa Karaa Jireenyaatti ni Geessa

Yihowaan Saba Isaa Karaa Jireenyaatti ni Geessa

“Karichi isa kana, isa irra adeemaa!”—ISA. 30:21.

FAARFANNAA: 32, 48

1, 2. (a) Lubbuu hedduun akeekkachiisa kamiin duʼa irraa ooluu dandaʼe? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Sabni Waaqayyoo qajeelfama lubbuu isaanii oolchu akkamii qabu?

“DHAABADHU, ILAALI, DHAGGEEFFADHU.” Jechoonni kun lubbuu hedduu duʼa irraa oolchaniiru. Ameerikaa Kaabaa keessatti waggoota 100 ol dura mallattoowwan guguddaan jechoonni kun irratti barreeffaman, karaawwan daandii baaburaa qaxxaamuran irra kaaʼamanii turan. Maaliif? Konkolaataawwan daandii baaburaa qaxxaamuran yeroo sirrii hin taanetti daandicha utuu qaxxaamuranii baabura saffisaan deemaa jiruun akka hin rukutamneefi dha. Eeyyee, akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa kennuun lubbuu oolcheera.

2 Yihowaan, waan mallattoowwan akeekkachiisaa maxxansuu irra caalu godha. Saba isaa dura dhaabatee balaa irraa goranii gara jireenya bara baraatti akka deeman isaan qajeelcha jechuun ni dandaʼama. Kana malees, tiksee jaalala qabeessa waan taʼeef, hoolonni isaa daandii balaa geessisu irraa akka fagaatanii fi kallattii sirrii irra akka deddeebiʼaniif isaan akeekkachiisa.—Isaayaas 30: 21 dubbisi.

YIHOWAAN DURII KAASEE SABA ISAA GEGGEESSAA TUREERA

3. Ilmaan namootaa hundi daandii gara duʼaatti geessu irra deemuu kan jalqaban akkamitti?

3 Yihowaan barumsa ykn qajeelfama ifa taʼe kennaa akka ture seenaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, Eeden keessatti qajeelfama ilmaan namootaatiif jireenya bara baraa fi gammachuu argamsiisu kenneera. (Uma. 2:15-17) Addaamii fi Hewwaan qajeelfama isaatiif ajajamaniiru utuu taʼee, haalli gaddisiisaan isaan hin mudatu, jechuunis jireenyi rakkinaan guutamee fi duuti isaanitti hin dhufu ture. Hewwaan garuu ajajamuu mannaa, qajeelfama bofa irraa kan dhufe fakkaatu dhaggeeffatte. Addaam immoo, sagalee ishii, jechuunis sagalee nama bor duʼuu dhaggeeffate. Lamaan isaanii iyyuu, qajeelfama abbaan isaanii jaalala qabeessa taʼe isaaniif kenne fudhachuu didaniiru. Kanaan kan kaʼes, ilmaan namootaa hundi daandii gara duʼaatti geessu irra deemuu jalqaban.

4. (a) Bishaan Badiisaa booda qajeelfamni dabalataa kan barbaachise maaliifi? (b) Haalawwan haaraan ilaalcha Waaqayyoo kan mulʼisan akkamitti?

4 Bara Nohitti Waaqayyo qajeelfama gara fayyinaatti geessu kennee ture. Bishaan Badiisaa booda immoo, dhiiga irraa akka fagaatan ajaja ifa taʼe kenne. Kun kan barbaachise maaliifi? Haalawwan haaraa taʼan waan jiraniif ture. Yihowaan namoonni foon horii akka nyaatan heyyamuuf ture. Kanaafuu qajeelfamni haaraan, “Foon lubbuun keessa jiru, kana jechuunis dhiigni isaa utuu keessa jiruu hin nyaatinaa!” jedhu ni barbaachise. (Uma. 9:1-4) Haalli jijjiirame kun, Waaqayyo lubbuu isa kan isaa taʼeef ilaalcha akkamii akka qabu ifa godhe. Uumaa fi Madda Lubbuu waan taʼeef, lubbuu ilaalchisee seera baasuuf mirga qaba. Fakkeenyaaf, namoonni wal ajjeesuu akka hin qabne ajajeera. Waaqayyo lubbuu fi dhiigni qulqulluu akka taʼetti ilaala; akkasumas nama wantoota kanaa wajjin haala wal qabateen seera isaa cabsu ni gaafata.—Uma. 9:5, 6.

5. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla? Maaliif?

5 Fakkeenyota Waaqayyo jaarraawwan hedduudhaaf qajeelfama kennuu isaa kan itti fufe akka taʼe argisiisan muraasa haa ilaallu. Kana ilaaluun keenya, qajeelfama Yihowaan gara addunyaa haaraatti nu geessuuf nuu kennu hordofuuf murtoo goone nuu jabeessa.

QAJEELFAMA HAARAA SABA HAARAADHAAF KENNAME

6. Sabni Waaqayyoo seera karaa Musee isaaniif kennameef ajajamuun isaanii barbaachisaa kan ture maaliifi? Israaʼeloonni ilaalcha akkamii qabaachuu qabu turan?

6 Bara Museetti amala sirrii fi akkaataa waaqeffannaa ilaalchisee qajeelfamni ifa taʼe barbaachisee ture. Maaliif? Ammas haalawwan jijjiiraman waan jiraniifi dha. Sanyiin Yaaqoob jaarraawwan lamaa oliif, Gibxii ishii warra duʼan waaqeffachuu, waaqolii sobaa, akkasumas amantiiwwanii fi gochawwan Waaqayyoof ulfina hin kennineen guutamte jalatti bulaa turan. Sabni Waaqayyoo cunqursaa Gibxii jalaa yommuu bilisa baʼan, qajeelfamni haaraan ni barbaachise. Sana booda kan jiraatan saba boojuu jala jiru taʼanii utuu hin taʼin, saba bilisa baʼee fi Seera Yihowaa jalatti bulu taʼanii ti. Barreeffamoonni qorannaa tokko tokko akka argisiisanitti, jechi afaan Ibrootaa “seera” jedhu, jechoota “qajeelchuu, karaa irra buusuu, gorsuu” jedhanitti hiikamuu dandaʼa. Seerri Musee, naamusa mancaʼaa fi sochii amantii saba kaanii irraa akka dallaatti isaan eegeera. Sabni Israaʼel yeroo Waaqayyoon dhaggeeffatan eebba isaa argatu turan. Yeroo dhaggeeffachuu didan immoo, rakkina cimaatu isaan irra gaʼa ture.—Keessa Deebii 28:1, 2, 15 dubbisi.

7. (a) Yihowaan saba isaatiif qajeelfama kan kenne maaliif akka taʼe ibsi. (b) Seerichi saba Israaʼeliif akka guddiftuu taʼee kan tajaajile akkamitti?

7 Qajeelfamni sababa biraatiifis ni barbaachisa ture. Seerichi fedha Yihowaa wajjin haala wal qabateen kaayyoo guddaa tokkoof, jechuunis dhufaatii Masiihichaatiif Israaʼeloota kan qopheessu ture. Seerichi haala kanaan dura taʼee hin beekneen, Israaʼeloonni mudaa kan qaban taʼuu isaanii ifa godheera. Akkasumas furiin, jechuunis aarsaan cubbuu guutummaatti qulqulleessu akka barbaachisu akka hubatan godheera. (Gal. 3:19; Ibr. 10:1-10) Kana malees, Seerichi hidda dhalootaa Masiihichatti geessu eeguu fi yeroo inni mulʼatutti isa beekuuf gargaareera. Eeyyee, Seerichi yeroodhaaf qajeelfama ykn “guddiftuu” gara Kiristositti geessu taʼee tajaajileera.—Gal. 3:23, 24, NW.

8. Dhugaawwan buʼuuraa Seera Musee keessatti argamaniin geggeeffamuu kan qabnu maaliifi?

8 Kiristiyaanota waan taaneef, nutis qajeelfama Seericha keessatti Israaʼelootaaf kenname irraa faayidaa argachuu dandeenya. Akkamitti? Dhugaawwan buʼuuraa Seerichi irratti hundaaʼe takka dhaabannee ilaaluu dandeenya. Seerawwan kana jala kan hin jirre taanus, isaan keessaa hedduun isaanii jireenya keenyaaf, akkasumas waaqeffannaa Waaqa keenya isa qulqulluudhaaf dhiheessinu irratti qajeelfama amansiisaa nuuf taʼuu dandaʼu. Seerawwan kana irraa akka barannuuf, dhugaawwan buʼuuraa achi keessatti argamaniin akka geggeeffamnuuf, akkasumas ulaagaalee naamusaa Kiristiyaanotaaf taʼan akka hubannuuf, Yihowaan seerawwan kun Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmaaʼan godheera. Fakkeenyaaf wanta Yesus jedhe dhagaʼaa: “‘Hin ejjin’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” Kanaafuu, kan nu irraa barbaadamu ejja irraa fagaachuu qofa utuu hin taʼin, hawwii gara ejjaatti geessu irraa fagaachuu dha.—Mat. 5:27, 28.

9. Haalawwan haaraan qajeelfamni Waaqayyoo haaraa taʼe akka barbaachisu godhan maal faʼi?

9 Yesus Masiihii taʼee dhalachuun isaa qajeelfamni haaraan akka barbaachisuu fi kaayyoon Yihowaa caalaatti ifa akka taʼu godheera. Sababni isaas, yeroo kanattis haalawwan haaraatu jira ture. Dh.K.B. bara 33tti Yihowaan Israaʼeloota irratti xiyyeeffachuu dhiisee gumii Kiristiyaanaa irratti xiyyeeffachuu jalqabe.

QAJEELFAMA SABA HAFUURAA HAARAATIIF KENNAME

10. Gumii Kiristiyaanaatiif seerawwan haaraan kan kennaman maaliifi? Seerawwan kun hoo seerawwan Israaʼelootaaf kennaman irraa adda kan taʼan akkamitti?

10 Jaarraa jalqabaatti, sabni Waaqayyoo Kiristiyaanota taʼan waaqeffannaa fi amala ilaalchisee qajeelfama haaraa ykn balʼaa taʼetu isaaniif kenname. Tajaajiltoonni Waaqayyoof of kennan kun kakuu haaraa jala turan. Seerri Musee kan kenname saba tokkoof, jechuunis saba Israaʼeliif qofa ture. Israaʼel hafuuraa garuu namoota gosnii fi akkaataan guddinaa isaanii garaa gara taʼe of keessatti kan qabate ture. Dhuguma iyyuu, ‘Waaqayyo nama wal hin caalchisu. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa dha.’ (HoE. 10:34, 35) Sabni Israaʼel Biyyattii Abdachiifamte keessatti Seera Musee dhagaa irratti barreeffameen geggeeffamaa turan. ‘Seerri Kiristos’ inni Israaʼel hafuuraatiif kenname, dhugaawwan buʼuuraa garaa namaa keessatti barreeffaman irratti kan hundaaʼe dha. ‘Seerri Kiristos,’ eessa iyyuu kan jiraatan yoo taʼe, Kiristiyaanota hundaaf hojjechuu fi isaan fayyaduu dandaʼa.—Gal. 6:2.

11. Wantoonni Kiristiyaanonni gochuu qabanii fi “seera Kristos” irratti hundaaʼan lamaan kam faʼi?

11 Israaʼeloonni hafuuraa, qajeelfama Waaqayyo karaa Ilma isaa isaaniif kennu irraa faayidaa guddaa argatu. Kakuu haaraan hundeeffamuu isaa dura, Yesus ajajawwan guguddaa lama kennee ture. Seerri inni tokko hojii lallabaa wajjin wal qabata. Inni kan biraan immoo amala duuka buutota Kiristosii fi akkaataa namoota hidhata amantii isaanii taʼan itti qabuu qaban irratti xiyyeeffata. Qajeelfamoonni kun kan kennaman Kiristiyaanota hundaaf ture; kanaafuu abdiin isaanii samii irras taʼe lafa irra jiraachuu, waaqeffattoota dhugaa yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta.

12. Hojii lallabaa ilaalchisee wanti haaraan maal ture?

12 Hojii misiraachicha lallabuu Yesus barattoonni isaa akka hojjetan godhe haa ilaallu. Jaarraawwan darbanitti, saboonni kaan kan simataman Yihowaa tajaajiluuf gara Israaʼel yommuu dhaqan ture. (1 Mot. 8:41-43) Kun kan taʼaa ture, utuu Yesus ajaja Maatewos 28:19, 20 irratti argamu hin kennin dura dha. (Dubbisi.) Barattoonni Yesus gara saba hundumaa akka ‘dhaqan’ itti himame. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti ragaan Yihowaan mala itti fayyadamaa ture akka jijjiire argisiisu ni mulʼate, jechuunis addunyaa maratti wangeela lallabuun ni jalqabame. Hafuurri Qulqulluun, miseensonni gumii haaraa 120 taʼan dinqiidhaan afaanota Yihudoonnii fi namoonni amantii Yihudii fudhatan dubbataniin akka dubbatan godhe. (HoE. 2:4-11) Achiis, naannoon isaan itti lallaban gara Samaariyaatti babalʼate. Itti fufees, Dh.K.B. bara 36tti hojiin kun caalaatti babalʼachuudhaan saboota dhagna hin qabanneef dhugaa baʼuu akka dabalatu godhame. Kana jechuun Kiristiyaanonni nama addunyaa keessa jiru hundumaaf dhaqanii lallabuu qabu turan jechuu dha.

13, 14. (a) ‘Abboommii haaraan’ Yesus kenne maal dabalata? (b) Fakkeenya Yesus nuuf kaaʼe irraa maal baranna?

13 Amma immoo akkaataa namoota hidhata amantii keenya taʼan itti qabnu haa ilaallu. Yesus “abboommii haaraa” kenne. (Yohannis 13:34, 35 dubbisi.) Ajajni kun obboloota keenya jaallachuu qofa utuu hin taʼin, isaaniif jecha lubbuu keenya dabarsinee kennuuf illee fedhii qabaachuu kan dabalatu dha. Seerri Musee garuu kana hin ajaju ture.—Mat. 22:39; 1 Yoh. 3:16.

14 Yesus gama kanaan fakkeenya guddaa taʼeera. Fedhii isaa aarsaa gochuudhaan barattoota isaa jaallateera. Jaalalli akkanaa kun barattoota isaatiif duʼuu kan isa gaafatu siʼa taʼu, Yesus kana gochuuf qophaaʼaa ture. Nu dabalatee barattoonni isaas kana gochuuf fedhii akka qabaatan isaan irraa eega. Kiristiyaanota hidhata amantii keenya taʼaniif jennee, duʼa illee dabalatee rakkina kam iyyuu keessa darbuuf fedhii qabaachuu qabna.—1 Tas. 2:8.

QAJEELFAMAWWAN BARA KEENYAA FI GARA FUULDURAATIIF KENNAMAN

15, 16. Yeroo ammaa haalawwan haaraa akkamii keessa jirra? Waaqayyo nu geggeessaa kan jiru hoo akkamitti?

15 Keessumaa “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” erga muudamee kaasee, Yesus yeroodhaan nyaata hafuuraa saba isaatiif kennaa jira. (Mat. 24:45-47) Nyaanni kun, haalawwan haaraan yommuu uumaman qajeelfamoota barbaachisoo taʼan kennuu kan dabalatu dha.

16 Kan jiraannu yeroo Kitaabni Qulqulluun “Guyyoota gara dhumaa” jedhee waamu keessa siʼa taʼu, gara fuulduraatti immoo rakkina guddaa kanaan dura taʼee hin beeknetu nu eeggata. (2 Xim. 3:1; Mar. 13:19) Kana malees, Seexannii fi ergamoonni isaa samii irraa gad darbatamanii naannoo lafaatti daangeffamaniiru; kun immoo namoota lafa irra jiraatanitti rakkina guddaa fideera. (Mul. 12:9, 12) Akkasumas namoota afaan garaa garaa dubbatan haasofsiisuudhaan, duula lallabaa seena qabeessaa fi kanaan dura taʼee hin beekne akka raawwannuuf hojiin nuuf kennameera!

17, 18. Qajeelfamawwan nuu kennamaa jiran akkamitti ilaaluu qabna?

17 Meeshaalee lallabaaf gargaaranii fi jaarmiyaan Waaqayyoo qopheessutti fayyadamuu qabna. Kana gochuuf fedhii qabduu? Akkaataa meeshaalee kanatti karaa buʼa qabeessa taʼeen itti fayyadamuu dandeenyu ilaalchisee qajeelfamawwan walgaʼii keenya irratti kennaman dammaqinaan hordoftuu? Qajeelfamawwan kun Waaqayyo biraa akka kennamanitti ilaaltuu?

18 Eebba Waaqayyoo argachuu keenya itti fufuuf, qajeelfamawwan karaa gumii Kiristiyaanaa nuuf kennaman hundaaf xiyyeeffannaa kennuu akka qabnu beekamaa dha. Yeroo ammaatti ajajamuu amaleeffachuun keenya, qajeelfamawwan yeroo “rakkinni guddaan” sirna Seexanaa hamaa taʼe kana balleessu dhufutti nuuf kennaman hordofuuf nu gargaara. (Mat. 24:21) Sana booda, addunyaa haaraa keessa lafa dhiibbaa Seexanaa irraa guutummaatti bilisa taate irra yeroo jiraannutti qajeelfamawwan haaraatu nu barbaachisa.

Lafa Jannata taatu irratti qajeelfamawwan haaraa addunyaa haaraatiif taʼan nuu kennuuf macaafonni haaraan ni banamu (Keeyyata 19 fi 20 ilaali)

19, 20. Macaafota akkamiitu banama? Achii hoo buʼaa akkamiitu argama?

19 Saba Israaʼel warra Musee jala turanii fi gumii Kiristiyaanaa ‘seera Kiristos’ jala tureef qajeelfamawwan haaraa kennuun barbaachisee ture. Haaluma wal fakkaatuun, jireenya addunyaa haaraatiif qajeelfamawwan haaraa nuu kennuudhaaf, macaafonni haaraan akka banaman Kitaabni Qulqulluun nutti hima. (Mulʼata 20:12 dubbisi.) Macaafonni kun, wanti Yihowaan yeroo sanatti namoota irraa barbaadu maal akka taʼe kan dubbatan taʼuu hin oolu. Warra duʼaa kaafaman dabalatee, namoonni hundi macaafota kana qoʼachuudhaan, kaayyoo Waaqayyo isaaniif qabu beekuu dandaʼu. Macaafonni kun, yaada Yihowaa ilaalchisee hubannaa dabalataa akka nuu kennan beekamaa dha. Namoonni lafa jannata taatu irra jiraatan, hubannaa Dubbii Waaqayyoo irraa argatan isa yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemuu fi wantoota macaafota haaraa keessatti mulʼachuuf jedhaniin geggeeffamuudhaan, namoota kaan jaalalaa fi kabajaan akka qaban ifa dha. (Isa. 26:9) Sagantaan barumsaa qajeelfama Mootii keenya Yesus Kiristosiin geggeeffamu maal akka fakkaatu yaadaa!

20 Namoonni wanta ‘macaaficha keessatti caafame’ hojii irra oolchan jireenya bara baraa argatu. Yihowaan namoota amanamummaa isaanii eeggatanii qorumsa isa xumuraa keessa darban, macaafa ‘warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman’ irratti maqaa isaanii barreessa. Wanti nu eeggatus kana taʼuu dandaʼa! Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo qoruuf yoo DHAABANNE, hiika inni nuuf qabu hubachuuf yoo ILAALLE, akkasumas yeroo ammaatti qajeelfama Waaqayyootiif ajajamuudhaan yoo DHAGGEEFFANNE, rakkina guddaa keessa darbuu fi waaʼee Waaqa keenya Yihowaa isa ogeessaa fi jaalala qabeessa taʼee bara baraaf barachuu dandeenya.—Lal. 3:11; Rom. 11:33.