Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Sitti Taʼeeraa?

Gaaffii Sitti Taʼeeraa?
  • Waaqayyo nuuf yaada taanaan yeroo dheeraa hammanaatiif hamminnii fi rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame?

  • Bara dhumaa keessa jiraachaa akka jirru akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

  • Abdiin Kitaabni Qulqulluun Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee dubbatu akka raawwatamu akkamitti beekna?

  • Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti murtoo gaarii akka goonu nu gargaaruu dandaʼaa?

Uumaan keenya waan nu jaallatuuf, deebii gaaffilee kanaa fi kan biroo hedduu akka argannu qophii nuuf godheera. Deebii gaaffilee kanaa beekuuf weebsaayitii Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf qophaaʼee fi www.pr418.com jedhamu ilaali.

Weebsaayitii kanarratti Kitaaba Qulqulluu dabalatee gilgaalota, mata dureewwan, wantoota sagaleedhaan qophaaʼan, viidiyoowwan, gaafannoowwanii fi barreeffamoota garaagaraa argatta. Wantoota kana hunda kaffaltii malee argachuu dandeessa.