Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

RAKKINICHA

Wantoota Nageenya Keenya Balaadhaaf Saaxilan

Wantoota Nageenya Keenya Balaadhaaf Saaxilan

“Dhaloonni kun teknoolojii, saayinsii fi maallaqatti karaa kanaan dura taʼee hin beekneen fayyadamaa jira . . . Haa taʼu malee, dhaloonni [gama siyaasaa, diinagdee fi qilleensa naannootiin] addunyaa gara qarqara badiisaatti geessaa jiru inni jalqabaas dhalootuma kana taʼuu hin oolu.”—The Global Risks Report 2018, World Economic Forum.

NAMOONNI HAALA KANA HUBATAN HEDDUUN EGEREEN KEENYAS TAʼE KAN LAFAA KAN ISAAN YAADDESSU MAALIIFI? RAKKOOWWAN NU MUDACHAA JIRAN TOKKO TOKKO ILAALI.

  • YAKKA INTARNEETIIDHAAN RAAWWATAMU: Gaazexaan The Australian jedhamu akkana jedheera: “Intarneetiin yeroodhaa gara yerootti caalaatti balaadhaaf kan nama saaxilu taʼaa dhufeera. Intarneetiin iddoo namoonni daaʼimman gudeedan, namoota doorsisan, dhimmoota falmii kakaasan maxxansanii fi odeeffannoo warra kaanii hatan itti dhokatan taʼeera. Hanni eenyummaa intarneetiidhaan raawwatamu yakka addunyaarratti baayʼee babalʼachaa jiru keessaa tokkodha. . . . Intarneetiin ilmaan namootaa hammam gara jabeeyyii fi hamoo taʼuu akka dandaʼan carraa ifatti itti mulʼatu baneera.”

  • GARAAGARUMMAA SADARKAA DIINAGDEE: Gabaasni dhaabbanni Oksifaam Intarnaashinaal jedhamu dhiheenyatti baase akka argisiisutti, qabeenyi namoonni baayʼee sooreyyii taʼan saddeet qaban qabeenya namoonni baayʼee hiyyeeyyii taʼanii fi addunyaarra jiran keessaa walakkaan isaanii qaban wajjin qixxeedha. Oksifaam akkana jedhee gabaaseera: “Diinagdeen keenya inni dadhabaa taʼe namoonni muraasni sooreyyii taʼan caalaatti akka badhaadhanii fi namoonni hiyyeeyyiinimmoo gadadoodhaan akka jiraatan gochaa jira; baayʼeen isaaniimmoo dubartootadha.” Namoonni tokko tokko garaagarummaan dabalaa deemu kun jeequmsa hawaasaa kaasuu dandaʼa jedhanii sodaatu.

  • WALITTI BUʼIINSAA FI ARIʼATAMA: Dhaabbanni Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara 2018tti, “Amma lakkoofsi namoota qeʼee isaaniirraa buqqaʼanii isa hanga ammaatti galmaaʼerra baayʼee akka caalu argaa jirra” jedhee gabaaseera. Namoonni miliyoona 68 ol taʼan qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru; baayʼeen isaanii kan buqqaʼan walitti buʼiinsa ykn ariʼatamaan kan kaʼedha. Gabaasichi, “Sekoondii lama keessatti namni 1 dirqisiifamee qeʼee isaarraa buqqaʼa jechuun ni dandaʼama” jedhee ibseera.

  • MIIDHAA UUMAMARRA GAʼAA JIRU: The Global Risks Report 2018 akka ibsetti, “sanyiin biqiltootaa fi bineeldota hedduu saffisa guddaadhaan badaa jira,” akkasumas “qilleensii fi galaanni faalamuunsaa fayyaa namootaa balaadhaaf saaxilaa jira.” Kana malees, biyyoota tokko tokko keessatti lakkoofsi ilbiisotaa baayʼee xiqqaachaa jira. Biqiltoonni akka wal horan kan godhan ilbiisota waan taʼaniif, saayintistoonni naannoon keenya balaa guddaadhaaf saaxilamaa akka jiru akeekkachiisaniiru.

Maarree, addunyaan iddoo caalaatti tasgabbiidhaan keessa jiraannu akka taʼuuf jijjiirama barbaachisu gochuu ni dandeenyaa? Namoonni tokko tokko barumsa kennuun kanaaf gumaacha akka godhu yaadu. Taanaan, barumsa akkamii? Mata dureewwan ittaanan gaaffilee kanaaf deebii kennu.