Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

HAALA RAKKISAA MOOʼUU DANDAʼANIIRU

Seenaa Riikaardoo fi Andirees

Seenaa Riikaardoo fi Andirees

Barumsi Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe humna guddaa jireenya namootaa jijjiiru qaba. Fakkeenya kana argisiisu lama ilaali: Riikaardoo fi Andirees.

RIIKAARDOO: Garee kashalabbootaatti kanan makame umuriin salphaatti itti gowwoomfamutti, jechuunis yeroon waggaa 15 turettidha. Michoonni koo warri haaraan dhiibbaa narraan geessisaniiru. Waggaa kudhaniif mana hidhaatti dabarsuuf galma baafadheen ture! Kun gowwummaa fakkaata taʼa. Garuu naannoon itti guddadhetti namoonni yeroo dheeraa mana hidhaatti dabarsan ni jajamu, akkasumas ni kabajamu turan. Anis akkuma isaanii taʼuu barbaadeen ture.

Wanta jireenya kashalabbummaa wajjin wal qabatu hunda nan raawwadhan ture; fakkeenyaaf, qoricha sammuu hadoochu nan fudhadha, akkasumas halalummaa fi yakka nan raawwadhan ture. Gaaf tokko galgala lola tokkorratti hirmaadheen ture. Yeroo sanatti akkan ajjeefamu yaadee kanan ture taʼus, homaa utuun hin miidhamin miliquu dandaʼeera. Sana booda waaʼee jireenya koo fi galma kootii baayʼee yaaduun jalqabe, jijjiirama gochuufis nan murteesse. Garuu akkamitti? Gargaarsa eessaan argachuu dandaʼa?

Firoonni koo hedduun gammachuu hin qaban. Jireenyi isaanii rakkinaan kan guutamedha. Maatiin eessuma koo tokkoo garuu baayʼee adda ture. Isaan namoota gaarii akka taʼan beeka; qajeelfama Kitaaba Qulqulluutiin akka jiraatanis beeka. Yeroo tokko maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe Kitaaba Qulqulluurraa argeen ture. Kanaafuu, lola sana booda utuma baayʼee hin turin, maqaa isaa caqasee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan akka na gargaarun isa gaafadhe. Guyyuma ittaanutti Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko balbala koo yeroo rurrukutu baayʼee na ajaaʼibe! Achiis Kitaaba Qulqulluu na qoʼachiisuu jalqabe.

Utuma baayʼee hin turin garuu rakkinni guddaan tokko na mudate. Michoonni koo durii bilbilanii akkan yeroo isaan wajjin dabarsu na gaafatan. Salphaa taʼuu baatus isaanan dide. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo itti fufuuf kutadheen ture; akkas gochuu koottis baayʼeen gammada! Jireenyi koo karaa ajaaʼibsiisaa taʼeen jijjiirame, gammachuu dhugaas nan argadhe.

Kanaan dura miseensa garee kashalabbootaa taʼuudhaan ulfina argachuuf waggaa kudhan mana hidhaatti dabarsuu barbaadee akkan ture kadhannaadhaan Waaqayyotti himuu koo nan yaadadha. Kanaafuu, akkuman gargaarsa argadhe warra kaan gargaaruuf yoo xinnaate waggaa kudhaniif tajaajilaa yeroo guutuu taʼee akkan isa tajaajilu akka naaf heyyamun isa gaafadhe. Innis kadhannaa kootiif deebii kenneera; tajaajila yeroo guutuu keessatti waggaa 17 dabarseera!

Michoonni koo durii hedduun garuu waggoota hedduudhaaf hidhamaniiru. Kaanimmoo duʼaniiru. Yeroon duubatti deebiʼee yaadu, firoota koo Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan baayʼeen galateeffadha. Namoota kaanirraa adda taʼanii ulaagaa Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuuf fedhii qabu. Kabajan nama garee kashalabbootaa keessa jiru kamiifiyyuu qabaadhee hin beeknen isaaniif qaba. Hunda caalaammoo, jireenya hundarra caalu waan na barsiiseef Waaqayyoon baayʼeen galateeffadha.

ANDIREES: Kanan guddadhe naannoo qorichi sammuu hadoochu, saamichi, ajjeechaanii fi halalummaan keessatti babalʼatettidha. Abbaan koo nama dhugduu fi araada kookeeyinii qabudha. Haadha koo wajjin yeroo hunda wal lolu, wal arrabsu, akkasumas wal reebu turan.

Anis xinnummaa kootti dhugaatii alkoolii dhuguu fi qoricha sammuu hadoochu fudhachuun jalqabe. Karaarratti hataa fi wantan hate gurguraa yeroo dheeraan dabarsa ture. Yeroon guddachaa deemu abbaan koo karaa gaarii hin taaneen natti dhihaachuu jalqabe; qoricha sammuu hadoochuu fi meeshaalee seeraan alaa kan biroo dhoksaatti biyya alaatii galchuu fi gurguruun akkamitti akka dandaʼamu na barsiise. Kanaafuu, yeroo gabaabaa keessatti maallaqa hedduun argadhe. Gaaf tokko poolisoonni mana koo dhufan. Achiis na qaban; yaalii ajjeechaatiin hidhaan waggaa shanii natti murtaaʼe.

Gaaf tokko ganama maayikiraafoonii mana hidhaatiin marii Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa geggeessanirratti hidhamtoonni akka argaman beeksisni ni himame. Anis argamuufan murteesse. Wantin dhagaʼe waan natti toleef, Dhugaa Baatota sanaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun jalqabe. Isaan akkasumatti caqasa caqasuu mannaa ulaagaalee naamusaa Waaqayyoo warra olaanoo natti argisiisaniiru.

Utuma baayʼee hin turin, keessumaa yeroo namoonni na wajjin hidhamanii fi wantan gochaa jiru hin jaallanne na doorsisan, ofuma kootiin jijjiirama gochuu akkan hin dandeenyen hubadhe. Kanaafuu, jabinaa fi ogummaa akka naaf kennun Yihowaa kadhadhe; innis na gargaare. Doorsisa isaaniitiif harka kennuu mannaa, ija jabinaan hidhamtoota kaanitti waaʼee Kitaaba Qulqulluu himuu dandaʼeera.

Yeroo muraasaaf manuma hidhaa keessa turuu barbaadee waanan tureef, guyyaan itti gadhiifamu yeroo gaʼu baayʼeen nahe! Yeroon baʼu namoonni na wajjin hidhamanii turan hedduun harka isaanii raasanii nagaatti naan jedhan. Isaan keessaa tokko tokko jaalalaan kakaʼanii, “Tiksee xinnoo, nagaadhaan gali” naan jedhan.

Waaqayyo akka na barsiisu utuun heyyamuu baadhee jireenyi koo maal akka fakkaatu yaaduuniyyuu na sodaachisa. Waaqayyo na jaalachuu isaatti, akkasumas akka nama abdii hin qabnetti na ilaaluu dhiisuu isaatti baayʼeen isa galateeffadha. a

a Muuxannoowwan Kitaabni Qulqulluun jireenya namootaa akka jijjiiru argisiisan dabalataa jw.org irraa ilaaluu dandeessa. Kutaa LAAYIBRARII jedhu jalaa mata dureewwan walitti aananii baʼanii fi “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhan barbaadi.