Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa Tasgabbii hin Qabne—Dandamachuu ni Dandeessa

Addunyaa Tasgabbii hin Qabne—Dandamachuu ni Dandeessa

Rakkoowwan addunyaa keessatti uumamaa jiran dhiibbaa sirraan gaʼaa akka jiran sitti dhagaʼamaa? Rakkoowwan armaan gadii keessaa naannoo keetti miidhaa geessisaa kan jiru isa kami?

  • waraana

  • weerara dhibee

  • balaa uumamaa

  • hiyyummaa

  • jibba halaalaa

  • yakka cimaa

Rakkinni akkasii yeroo gaʼu namoonni baayʼeen garmalee naʼu, akkasumas abdii kutatu. Namoonni tokko tokkommoo naasuudhaan kan kaʼe akka hadoodan isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, yeroo haalli akkasii mudatu yeroo dheeraadhaaf naasuudhaan hadooduun rakkinichi akka hammaatu godha.

Yeroo haalli rakkisaan uumamu namoota jaallattuuf eegumsa gochuuf, akkasumas fayyaa kee, qabeenya kee fi gammachuu kee eeggachuuf tarkaanfii fudhachuu qabda.

Dhiibbaa addunyaan tasgabbii hin qabne kun sirraan geessisu dandamachuuf maal gochuu dandeessa?