LAFTI BADIISARRAA NI OOLTII?
Bishaan Qulqulluu
JIREENYI lafarra jiru bishaan malee, keessumaa bishaan qulqulluu malee itti fufuu hin dandaʼu. Wanti lubbu qabeeyyii hunda keessatti baayʼinaan argamu bishaani. Haroon, lageen, caffeewwanii fi bishaan lafa jalaa namootaa fi bineeldotaaf bishaan dhugaatii argamsiisu, akkasumas biqiltoota misoomsuuf oolu.
Bishaan Qulqulluun Balaadhaaf Saaxilameera
Lafti garri caalaan bishaaniin uwwifameera. Haa taʼu malee, Dhaabbanni Raaga Haala Qilleensaa Addunyaa akka gabaasetti, “bishaan lafarra jiru keessaa faayidaarra ooluu kan dandaʼuu fi qulqulluu kan taʼe 0.5% qofadha.” Bishaan qulqulluun baayʼee xinnoo taʼe kun jireenya lafarra jiruuf gaʼaadha; taʼus baayʼeen isaa faalameera ykn fedhiin dabaluusaatiin, akkasumas jijjiirama qilleensaatiin kan kaʼe argachuun rakkisaa taʼeera. Hayyoonni, waggaa 30 keessatti namoonni biliyoona shan taʼan bishaan qulqulluu argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru.
Lafti Rakkina Dandamachuu Akka Dandeessu Godhamtee Uumamte
Lafti uumamaan dandeettii yeroo hunda bishaan gaʼaan akka jiraatu godhu qabdi. Kana malees, biyyoon, uumamawwan bishaan keessa jiranii fi ifti aduu waliin taʼanii bishaan qulqulleessu. Ragaa lafti rakkina dandamachuu akka dandeessu godhamtee akka uumamte argisiisu tokko tokko ilaali.
-
Biyyoon bishaan faalama hedduurraa qulqulleessuu ni dandaʼa. Lafa caffee keessatti biqiltoonni naayitiroojiinii, fosfarasii fi summii balleessan tokko tokko jiru.
-
Saayintistoonni bishaan uumamaan kan qulqullaaʼu akkamitti akka taʼe hubataniiru. Wantoonni faalama geessisan yeroo bishaan saffisaan yaaʼu dadhabaa deemu, achiis baakteeriyaan isaan balleessa.
-
Uumamawwan xixinnoon bishaan keessatti argaman keemikaalota miidhaa geessisan guyyoota muraasa keessatti bishaan keessaa calaluu ni dandaʼu; uumamawwan kun biqiltoota bishaan qulqulleessan caalaa buʼa qabeeyyii taʼuu hin oolan.
-
Pilaaneetiin keenya karaa marsaa bishaanii bishaan kuusti. Marsaan kun adeemsawwan uumamaa kan biroo wajjin taʼuudhaan bishaan qilleensa naannoo keenya keessaa akka hin baane eega.
Namoonni Rakkoo Kana Furuuf Maal Gochaa Jiru?
Hayyoonni yeroo hunda bishaan akka qusannu gorsu. Faalama bishaanii hirʼisuuf zayitni akka keessaa hin coccophneef konkolaataa keenya akka suphinu, akkasumas qoricha itti hin fayyadamne ykn summiiwwan adda addaa ujummoo mana fincaanii fi ujummoo balfaa keessatti gatuurraa akka of qusannu gorsu.
Injinaroonni mala haaraa soogidda bishaan galaanaa keessaa itti balleessan argataniiru. Kaayyoon isaanii bishaan dhugamu baayʼinaan akka argamu gochuudha.
Kun qofti garuu gaʼaa miti. Soogidda bishaanirraa adda baasuun maallaqaa fi humna hedduu waan gaafatuuf furmaata gaarii hin taʼu. Gabaasni waaʼee eegumsa bishaanii ibsuu fi maddisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taʼe tokko bara 2021tti akkana jedhee ture: “Addunyaa maratti yeroo ammaatti guddinni gama kanaan jiru dachaa taʼuu qaba.”
Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?
“Waaqayyo . . . coccopha bishaanii ol ni harkisa; hurriin isaas gara bokkaatti ni jijjiirama; achiis duumessi gad isa roobsa; innis ilmaan namaa irratti gad ni dhangalaʼa.”—Iyyoob 36:26-28.
Waaqayyo bishaan lafarra jiruuf eegumsa gochuuf marsaawwan adda addaa uumeera.—Lallaba 1:7.
Uumaan lafti bishaan ishiirra jiru qulqulluu taʼee akka itti fufu gochuuf dandeetti akka qabaattu godhee erga uumee, rakkoowwan ilmaan namootaatiin dhufan furuuf fedhiis taʼe humna qaba jedhanii amanuun sirriidha. Mata duree “Waaqayyo Lafti Badiisarraa Akka Ooltu Waadaa Galeera” jedhuu fi fuula 15rra jiru ilaali.