Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

LAFTI BADIISARRAA NI OOLTII?

Bosona

Bosona

BOSONNI “somba [lafaa] fi wanta jireenyi akka itti fufu godhu” akka taʼetti ibsama; akkas jedhamuun isaas sirriidha. Mukkeen kaarboon daayoksaayidii ofitti fudhatu; akkas hin godhan utuu taʼee nu miidha. Kana malees, oksijiinii ofitti fudhannu maddisiisu. Biqiltootaa fi bineeldota lafarra jiran keessaa gara dhibbeentaa 80 kan taʼan bosona keessa jiru. Bosonni hin jiru utuu taʼee lubbuudhaan itti fufuu hin dandeenyu turre.

Bosonni Balaadhaaf Saaxilameera

Waggaa waggaadhaan keessumaa sababa qonnaatiin mukkeen biliyoonaan lakkaaʼaman ni muramu. Dhuma bara 1940manii kaasee bosonni roobaa addunyaa walakkaan isaa barbadaaʼeera.

Bosonni yeroo barbadaaʼu biqiltoonnii fi bineeldonni achi keessa jiran hundis wajjumaan badu.

Lafti Rakkina Dandamachuu Akka Dandeessu Godhamtee Uumamte

Naannoowwan mukkeen hedduun irraa muraman tokko tokko deebiʼanii bosonaan guutamuu dandaʼaniiru. Dhiheenya kana qorattoonni waaʼee uumamaa qoratan naannoowwan mukkeen hedduun irraa muraman saffisaan deebiʼanii bosona taʼuun isaanii isaan ajaaʼibsiiseera. Fakkeenyota armaan gadii ilaali:

  • Qorattoonni naannoowwan bosonaa lafa qonnaatiif mukkeen irraa muramanii yeroo booda dhiifaman maal akka taʼan hordofaa jiru. Ameerikaa fi Dhiha Afrikaa keessatti qorannoon naannoowwan akkasii 2,200 taʼanirratti geggeeffame waggaa kudhan keessatti naannoowwan kanatti mukkeen deebiʼanii biqiluu akka jalqaban argisiisa.

  • Qorannoon barruu Science jedhamurratti baʼe akka argisiisutti saayintistoonni waggaa 100 keessatti naannoowwan mukkeen irraa muraman kun haala isaanii isa duriitti deebiʼuu akka dandaʼan tilmaamaniiru.

  • Dhiheenya kana Biraaziil keessatti saayintistoonni mukkeen haaraa dhaabuuf carraaqqiin yoo godhame bosonni dafee bakka duriitti deebiʼuu kan dandaʼu taʼuu fi dhiisuu isaarratti qorannaa godhaniiru.

  • National Geographic qorannoo kana ilaalchisee, “Qorattoonni mukkeen haaraa dhaabuun barbaachisaa akka hin taane yeroo hubatan baayʼee gammadan” jedhee gabaaseera. Waggaa shan keessatti qofa naannoowwan qorannoon irratti geggeeffame sun “mukkeeniin guutamaniiru.”

Namoonni Rakkoo Kana Furuuf Maal Gochaa Jiru?

Addunyaa maratti bosona amma jiruuf eegumsa gochuu fi warra miidhamanimmoo bakkatti deebisuuf carraaqqiin godhameera. Kanaan kan kaʼes, gabaasni maddisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taʼe tokko akka argisiisutti waggoottan 25nan darbanitti “addunyaa maratti mancaʼiinsi bosonaa dhibbeentaa 50 oliin hirʼateera.”

Bosonaaf eegumsa gochuuf garuu carraaqqiin godhame kun gaʼaa miti. Dhaabbanni Global Forest Watch jedhamu akka gabaasetti “waggoottan muraasa darbanitti baayʼinni bosona barbadaaʼaa jiruu baayʼee hin hirʼanne.”

Dhaabbileen saanqaadhaaf jecha heyyama mootummaa malee mukkeen muran maallaqa doolaara biliyoonaan lakkaaʼamu argatu; sababii guddaan mancaʼiinsa bosonaa sassata kanadha.

Gareewwan kunuunsa bosonaa mukkeen guguddaa muraasa muranii mukkeen haaraa dhaabuudhaan bosonaaf eegumsa gochuuf hojjechaa jiru

Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?

“Yihowaan a muka ilaaluuf nama hawwatuu fi nyaachuuf gaarii taʼe hundumaa lafa irratti ni biqilche.”—Uumama 2:9.

Uumaan bosona hunda kan uume irraa fayyadamuu keenya itti fufuu akka dandeenyu godheeti. Inni bosonnii fi haalli naannoo karaa dinqisiisaa taʼeen tolfame akka eegamuu fi akka itti fufu barbaada.

Waaqayyo namoonni ofittoo taʼan pilaaneetii keenyaa fi jireenya ishiirratti argamu akka balleessan hin heyyamu. Mata duree “Waaqayyo Lafti Badiisarraa Akka Ooltu Waadaa Galeera” jedhuu fi fuula 15rra jiru ilaali.

a Yihowaan maqaa Waaqayyooti.—Faarfannaa 83:18.