LAFTI BADIISARRAA NI OOLTII?
Qilleensa
QILLEENSI nu barbaachisa; garuu oksijiinii irraa argachuuf qofa miti. Qilleensi pilaaneetiin keenya madana aduurraa madduu fi miidhaa geessisu hedduurraa eegumsa akka argattu godha. Qilleensi hin jiru utuu taʼee tempireecharri addunyaa baayʼee qorraa taʼa.
Qilleensi Balaadhaaf Saaxilameera
Faalamni qilleensaa lubbu qabeeyyii lafarra jiraatan balaa cimaadhaaf saaxileera. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhetti uummata addunyaa keessaa qilleensa qulqulluu argachaa kan jiru parsantii tokko qofadha.
Faalamni qilleensaa dhukkuboota sirna hargansuu miidhan, kaansarii sombaa fi dhukkuba onneetiif sababa taʼuu dandaʼa. Waggaa waggaadhaan namoonni gara 7,000,000 taʼan faalama qilleensaatiin kan kaʼe umurii isaanii malee duʼu.
Lafti Rakkina Dandamachuu Akka Dandeessu Godhamtee Uumamte
Pilaaneetiin keenya qilleensa qulqulluu lubbu qabeeyyii ishiirra jiraatan hundaaf gaʼu maddisiisuu akka dandeessu godhamtee uumamte. Kun taʼuu kan dandaʼu garuu namoonni faalama naannoo yoo hirʼisan qofadha. Fakkeenyota muraasa ilaali.
-
Bosonni qilleensa keessaa kaarboon daayoksaayidii akka ofitti fudhatu beekamaadha. Haa taʼu malee, naannoowwan caffaaʼaan qarqara bishaaniitti argamanii fi bakki mukkeen maangiruuv jedhaman itti biqilan kana caalaa faayidaa qabu. Mukkeen maangiruuv jedhaman kun bosona naannoowwan hoʼa qabanitti argamu caalaa harka shan qilleensa keessaa kaarboon daayoksaayidii balleessuurratti shoora guddaa taphatu.
-
Qorannoowwan dhiheenya kana geggeeffaman akka argisiisanitti algee guguddaan keelpi jedhaman tokko tokko kaarboon daayoksaayidii qilleensa keessaa balleessuu dandaʼu. Baalli keelpi afuuffeewwan bishaan gubbaa fageenya dheeraa deemuu dandaʼan qaba. Afuuffeewwan kun qarqara galaanaarraa erga fagaatanii deemanii booda ni dhoʼu; achiis baalli keelpi inni kaarboon daayoksaayidiidhaan guutame bishaan keessa gadi lixa. Sana booda jaarraawwan hedduudhaaf garba keessa awwaalamee hafa.
-
Qilleensi naannoo keenya faalama dandamachuu akka dandaʼu yeroo weerara dhibee Kooviid-19tti ifa taʼeera. Bara 2020tti yeroo warshaaleen addunyaa fi konkolaataawwan qilleensa faalamaa gadhiisuu dhaabanitti qulqullinni qilleensaa saffisaan fooyyaʼee ture. “Gabaasni Qulqullina Qilleensaa Addunyaa 2020” akka argisiisutti biyyoota qorannoon keessatti geggeeffame keessaa dhibbeentaa 80 ol kan taʼan sababa Kooviid-19n dhorkaan kaaʼamee utuma baayʼee hin turin qilleensa qulqulluu akka argatan gabaasaniiru.
Namoonni Rakkoo Kana Furuuf Maal Gochaa Jiru?
Mootummoonni warshaaleen faalama qilleensaa akka hirʼisan dhiibbaa gochuu isaanii itti fufaniiru. Kana malees, saayintistoonni malawwan haaraa miidhaa faalamni qilleensaa geessisu hambisuuf gargaaran argachaa jiru. Fakkeenyaaf, malli tokko wantoota faalama fidan gara wantoota miidhaa hin geessisneetti jijjiiruuf maayikiroobotatti fayyadama. Akkasumas namoonni konkolaataadhaan deemuurra miilaan ykn saayikiliidhaan akka deeman, mana keessattis itti fayyadama anniisaa hirʼisuuf mala akka barbaadan hayyoonni gorsaa jiru.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Baankii Addunyaa dabalatee gabaasni dhaabbileen idil addunyaa bara 2022tti baasan akka argisiisutti garuu kun qofti gaʼaa miti.
Gabaasni kun akka argisiisutti bara 2020tti uummata addunyaa keessaa tokko sadaffaan nyaata bilcheessuuf wantoota qilleensa faalanitti fayyadamu. Naannoowwan hedduutti midijjaa haaraa ykn teknoolojiiwwan wal fakkaatan argachuu kan dandaʼan namoota muraasa qofadha.
Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?
“Waaqa dhugaa kan taʼe Yihowaan, Uumaan samiiwwanii . . . inni lafaa fi oomisha ishii tolche, inni namoota lafa irra jiraniif hafuura, warra ishii irra deddeebiʼaniifis jireenya kenne akkana jedha.”—Isaayyaas 42:5.
Qilleensa fudhannus taʼe marsaa uumamaa qilleensa qulqulleessu kan uume Waaqayyodha; inni humna daangaa hin qabne qaba, ilmaan namootaatiifis jaalala qaba. Kanaafuu, faalama qilleensaa ni balleessa jedhanii amanuun sirriidha. Mata duree “Waaqayyo Lafti Badiisarraa Akka Ooltu Waadaa Galeera” jedhu ilaali.