Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQAA! Lakk. 1 2024 | Kabajni kan Hafe Maaliifi

Yeroo baayʼee namoonni kabaja waan hin argisiisneef, nama kabaja argisiisu yeroo argan baayʼee isaan ajaaʼiba.

Fakkeenyaaf, namoonni hedduun waliisaaniitti, warrasaaniitti, maanguddootatti, poolisootatti, hoggantootatti, akkasumas barsiisotatti hagas mara kabaja hin argisiisan. Kana malees, miidiyaalee hawaasaarratti wanta namoota salphisu baasu! Barruun Harvard Business Review jedhamu akka ibsetti, kabaja dhabuun “baayʼee babalʼachaa jira.” Barruun kun itti fufuudhaan “kana ilaalchisee gabaasni dhihaatu akka dabalee fi namoonni amala akkasii argisiisuu erga jalqabanii akka ture” ibseera.

 

Warra Kaan Kabajuun

Warra kaanitti kabaja qabaachuun barbaachisaa kan t⁠a⁠ʼe maaliif akka t⁠a⁠ʼee fi kabaja argisiisuuf maal gochuu akka dandeessu baradhu.

Jireenya Kabajuun

Gorsa Kitaaba Qulqulluu jireenya ofiifis t⁠a⁠ʼe kan warra kaaniitiif kabaja qabaachuuf gargaaru ilaali.

Maatii Kabajuun

Maatiin hundi miseensonni maatichaa kan wal kabajan yoo t⁠a⁠ʼe caalaatti gammadoo t⁠a⁠ʼa.

Of Kabajuun

Kitaabni Qulqulluun kabaja akka ofiif qabaatanii fi jireenyisaanii akka fooyy⁠a⁠ʼu namoota gargaara.

Kabajni kan Hafe Maaliifi?

Mata dureewwan wa⁠a⁠ʼee kabaja argisiisuu fi Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti hawaasasaanii keessatti kabaja argisiisuun akka baba⁠⁠l⁠ʼatu gochaa kan jiran akkamitti akka t⁠a⁠ʼe ibsan dubbisi.