Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenya Kabajuun

Jireenya Kabajuun

JIREENYA KABAJUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Gochi jireenyaaf kabaja akka hin qabne argisiisu fayyaa fi nageenya hawaasa tokkoo balaadhaaf saaxiluu dandaʼa.

  • Tamboo xuuxuun dhukkuba kaansarii geessisuu qofa utuu hin taʼin, dandeettii qaamni dhukkubicha dandamachuuf qabus baayʼee miidha. Namoota kaansarii sombaatiin qabamanii duʼan keessaa gara dhibbeentaa 90 kan taʼan, dhibee kanaan kan qabaman tamboo waan xuuxaniif ykn namni isaan biratti tamboo waan xuuxeefi.

  • Namoonni hedduun dhukaasni banamee duʼuunsaanii waggaa waggaadhaan namoonni baayʼeen dhiphina cimaa keessa akka galan gochaa jira. Yuunivarsiitiin Istaanfoordi akkana jedhee gabaaseera: “Qorannaan akka argisiisutti namoonni [yeroo mana barumsaa keessatti dhukaasni banametti] karaa qaamaa miidhaan ijaan mulʼatu utuu isaanirra hin gaʼin oolanillee godaannisa waggoota hedduudhaaf jireenyasaaniirratti dhiibbaa godhu qabaachuu dandaʼu.”

  • Namoonni dhugaatii alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochu fudhatanii konkolaataa oofan namoota daandicharra jiranirra balaa geessisuu dandaʼu. Namoonni jireenyaaf kabaja dhabuunsaanii hawaasicharratti miidhaa geessisuu dandaʼa.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Fayyaa kee kunuunsi. Barsiifatawwan miidhaa geessisan kanneen akka tamboo xuuxuu, garmalee dhuguu fi qoricha sammuu hadoochu fudhachuu jiran umurii kamirrattiyyuu dhiisuun ni dandaʼama. Barsiifata akkasiirratti hirmaachuun kee jireenya kee miidha, akkasumas miseensota maatii kee dabalatee jireenya namoota naannoo kee jiraniitiif kabaja akka hin qabne argisiisa.

“Wanta foon . . . xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.”—2 Qorontos 7:1.

Balaa akka hin geessisne of eeggadhu. Balaa ittisuuf mana kee keessa wanti balaa uumu akka hin jiraanne gochuuf yaali. Konkolaataa yeroo ooftu balaa akka hin geessisne of eeggadhu, akkasumas konkolaataa kee sirriitti suphi. Dhiibbaa namaatiin moʼamtee sochiiwwan miidhaa guddaa ykn duʼa geessisuu dandaʼanirratti hin hirmaatin.

“Mana haaraa yommuu ijaartu, namni tokko achi irraa kufee manni kee dhiigaan akka itti gaafatamu akka hin gooneef, baaxii kee irratti ittisa tolchi.” —Keessa Deebii 22:8. a

Warra kaanitti gaarummaa argisiisi. Jireenyaaf kabaja yoo qabaanne sanyiin, lammummaan ykn akkaataan guddinaasaanii maaliyyuu yoo taʼe namoota hundatti gaarummaa argisiisna. Wanti addunyaa keessatti jeequmsaa fi waraana kaasaa jiru inni guddaan jibbadha.

“Jibba guddaa, aarii, dheekkamsa, iyya, arrabsoo fi wanta miidhaa geessisu hundumaa of irraa fageessaa. Kanaa mannaa gaarummaa walitti argisiisaa.”—Efesoon 4:31, 32.

WANTA GOCHAA JIRRU

Dhugaa Baatonni Yihowaa akkaataa jireenyaa madaalamaa fi fayya buleessa taʼe jiraachuu jajjabeessu. Barumsi Kitaaba Qulqulluu namootaaf kenninu araadaa fi barsiifata miidhaa guddaa geessisu akka injifatan isaan gargaareera.

Piroojektii ijaarsaa keenyarratti balaa ittisuuf of eeggannoo guddaa goona. Namoonni iddoowwan walgaʼii keenyaa fi manneen hojii Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf gargaaran kan biroo ijaaruurratti fedhiidhaan hirmaatan leenjiin balaa ittisuuf gargaaru isaaniif kennameera. Gamoowwan keenya seerota naannichaa balaa ittisuuf baʼanirratti hundaaʼuudhaan yeroo yerootti ni sakattaʼamu.

Gargaarsa namoomaa ni kennina. Balaawwan ciccimoo addunyaa maratti gaʼan keessaa jiʼa 12 gidduutti balaawwan gara 200 taʼan irratti gargaarsa gooneerra, namoota miidhaan irra gaʼe gargaaruuf maallaqa buusiidhaan argame keessaa gara doolaara miliyoona 12 baasneerra.

Yeroo Afrikaa Dhihaa (2014) fi Riippabliika Dimookraatawaa Koongoo (2018) keessatti dhukkubni Iboolaa kaʼetti, dhukkuba duʼa geessisu kana akkamitti ittisuun akka dandaʼamu namoota barsiisneerra. Mata duree, “Ajajamuun Lubbuu Oolcha” jedhurratti haasaa akka dhiheessaniif bakka buutota ergineerra. Balbala iddoowwan waaqeffannaa keenyaa hundumaarra miʼa harka dhiqachuuf gargaaru keenyeerra, harka dhiqachuun hammam barbaachisaa akka taʼe barsiisneerra, akkasumas of eeggannoo dabalataa akkamii gochuun akka dandaʼamu ibsineerra.

Seeraa Liyoon keessatti Dhugaa Baatonni Yihowaa Iboolaa akka ofirraa ittisan namoota Dhugaa Baatota taʼanis taʼe hin taane waan gargaaraniif raadiyoodhaan galateeffatamaniiru.

Bara 2014​tti Laayibeeriyaa keessatti dhukkubni Iboolaa yeroo kaʼetti iddoo Galma Walgaʼii keessatti harka itti dhiqachaa turan

a Giddu Gala Bahaa durii keessatti namoonni gorsa ogummaarratti hundaaʼe kana hojiirra oolchuudhaan miseensota maatii isaaniitiifis taʼe warra kaaniif akka yaadan argisiisuu dandaʼu turan.