Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maatii Kabajuun

Maatii Kabajuun

MAATII KABAJUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Miseensonni maatii wal kabajuunsaanii nagaa akka qabaatan godha.

  • Kitaabni The Seven Principles for Making Marriage Work jedhamu hiriyoonni gaaʼelaa wal kabajan “karaa guddaa taʼeen qofa utuu hin taʼin guyyaa guyyaadhaan karaawwan xixinnoo taʼaniinis” jaalalasaanii akka ibsan dubbateera.

  • Qorannoon akka argisiisutti ijoolleen warra kaan akka kabajan baratan kabaja ofiif qabaatu, warrasaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaatu, akkasumas carraan dhibee sammuutiin itti qabaman ni xiqqaata.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Maatii kee wajjin taʼuudhaan karoora baafadhaa. Jalqaba, hundi keessaniyyuu kabaja argisiisuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuu keessan mirkaneeffadhaa. Lammaffaa, amaloota hundi keessan akka argisiistan isinirraa eegamuu fi amaloota dhiisuu qabdan barreeffadhaa. Sadaffaa, isinis taatan ijoolleen keessan kabaja argisiisuuf wanta gochuu dandeessan akka hubattaniif maatiidhaan karoora keessanirratti mariʼadhaa.

“Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.”—Fakkeenya 21:5.

Fakkeenya taʼi. Miseensonni maatii kee dogoggora yeroo raawwatan isaan ni qeeqxaa? Ilaalcha isaaniitti ni qoostaa? Yeroo si haasofsiisan xiyyeeffannaa isaaniif hin kennituu? Yeroo dubbatan addaan isaan kuttaa?

Gorsa gaarii: Akka isaaniif malu sitti dhagaʼamus dhagaʼamuu baatus hiriyaa gaaʼelaa kee fi ijoollee keetti kabaja argisiisi.

“Kabaja walii kennuuf dursa fudhadhaa.”—Roomaa 12:10.

Yaadasaaniirratti walii galuu baattus kabaja argisiisi. Yeroo miira kee ibsitu jechoota “ati yeroo hundumaa” ykn “ati matumaa” jedhan fayyadamuurraa of qusadhu. Dubbiin ceephoo akkasii miseensota maatii kee miidhuu fi mufachiisuu, akkasumas walitti buʼiinsi isin gidduutti uumame akka itti hammaatu gochuu dandaʼa.

“Deebii laafaan aarii qabbaneessa, dubbii hamaan garuu aarii kakaasa.”—Fakkeenya 15:1.

WANTA GOCHAA JIRRU

Dhugaa Baatonni Yihowaa miseensonni maatii akka wal kabajan jajjabeessu; yeroo baayʼee mata dureewwan, kitaabota, birooshurootaa fi viidiyoowwan kaffaltii malee qopheessinutti fayyadamnee waaʼee kanaa ni barsiisna.

HIRIYOOTA GAAʼELAATIIF: Mata dureen walitti aanee baʼuu fi Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu jedhu abbaan manaa fi haati manaa wantoota armaan gadii akka godhan isaan gargaara:

  • Akka gaariitti dhaggeeffachuu

  • Waliin ooduu dhiisuu

  • Wal qoccoluu dhiisuu

(Mata duree, “Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu” jedhu jw.org irraa barbaadi)

WARRAAF: Mata dureen walitti aanee baʼuu fi Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu jedhu warri gama armaan gadiitiin ijoolleesaanii leenjisuuf isaan gargaara:

  • Ajajamoo akka taʼan

  • Hojii mana keessaa akka isaan gargaaran

  • “Maaloo” fi “galatoomi” akka jedhan

(Mata duree, “Ijoollee Guddisuu” fi “Ijoollee Dargaggoota Taʼan Guddisuu” jedhu jw.org irraa barbaadi)

Kutaa Dabalataa “Gaaffilee Warri Gaafatan” jedhuu fi kitaaba Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1​ffaarratti argamu ilaali. (Mata duree, “Gaaffilee Warri Gaafatan” jedhu jw.org irraa barbaadi)

DARGAGGOOTAAF: Kutaan Dargaggoota jedhuu fi jw.org irratti argamu mata dureewwan, viidiyoowwanii fi gilgaalota gama armaan gadiitiin dargaggoota gargaaran qabateera:

  • Warraa fi obbolaa wajjin walii galuu

  • Seerota isaan baasan ilaalchisee warraa wajjin mariʼachuu

  • Warrisaanii akka isaan amanan gochuu

(Mata duree, “Dargaggoota” jedhu jw.org irraa barbaadi)

Weebsaayitii jw.org kaffaltii malee fayyadami. Akka kaffaltu, miseensa akka taatu ykn odeeffannoo dhuunfaa akka kennitu sirraa hin eegamu.