Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Of Kabajuun

Of Kabajuun

OF KABAJUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Namoonni ofiif kabaja qaban rakkina jireenya keessatti isaan mudatu ofitti amanannaadhaan dandamatu. Salphaatti abdii hin kutatan.

  • Qorannoon akka argisiisutti namoonni ofiisaaniitiif ilaalcha gaarii hin qabne salphaatti yaaddoo fi dhiphina sammuutiin qabamuu, akkasumas garmalee nyaachuu ykn nyaata lagachuu dandaʼu. Carraan araada dhugaatii alkoolii fi qoricha sammuu hadoochuun itti qabamanis guddaadha.

  • Namoonni ofiif kabaja qaban warra kaan wajjin wal bira of hin qaban; kunimmoo namoota naannoosaanii jiran wajjin walii galuu fi michummaa cimaa uumuun akka isaaniif salphatu godha. Karaa kan biraatiinimmoo, namoonni ofiif kabaja hin qabne warra kaan dafanii qeequu dandaʼu; kunimmoo michummaa namootaa wajjin qaban isaan jalaa balleessa.

  • Namoonni kabaja ofiif qaban yeroo haalli rakkisaan isaan mudatullee ciminasaanii hin dhaban; gufuun isaan mudatu galmasaaniirra gaʼuu akka isaan dhoowwu hin heyyaman. Faallaa kanaatiin, namoonni kabaja ofiif hin qabne yeroo baayʼee rakkina xixiqqaa isaan mudatu akka gufuu guddaatti ilaalu. Kunimmoo salphaatti akka abdii kutatan isaan taasisuu dandaʼa.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Michoota si jajjabeessan filadhu. Namoota warra kaan kabajan, garaadhaa siif yaadanii fi si ijaaran wajjin yeroo dabarsi.

“Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.

Namoota gargaari. Namoota deebisanii waa sii gochuu hin dandeenye dabalatee, namootatti gaarummaa yeroo argisiistuu fi waa yeroo isaaniif gootu gammachuu dhugaa kennuudhaan argamu argatta. Warri kaan wanta goote beekuu baatanillee ni gammadda.

“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”—Hojii Ergamootaa 20:35.

Ijoolleen kee kabaja akka ofiif qabaatan gargaari. Karaan kana gochuu itti dandeessu tokko, rakkina isaan mudatu hamma dandaʼan ofumasaaniitiin akka furan isaaniif heyyamuudha. Akkas gochuun kee rakkina isaan mudatu dandamachuu fi furmaata kennuu akka baratan isaan gargaara. Kana barachuunsaanii ammas taʼe yeroo guddatanitti caalaatti kabaja akka ofiif qabaatan isaan gargaara.

“Mucaa karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—Fakkeenya 22:6, miiljalee.

WANTA GOCHAA JIRRU

Walgaʼiiwwanii fi sagantaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan namoonni jireenyisaanii akka jijjiiramuu fi kabaja akka ofiif qabaatan gargaaraa jiru.

WALGAʼIIWWAN TORBANITTI GODHANNU

Walgaʼiiwwan torbanitti godhannurratti haasaawwan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii fi yeroo baayʼee akkamitti kabaja ofiif qabaachuu akka dandeenyu gorsa kennan ni dhaggeeffanna. Namni kamiyyuu kaffaltii malee walgaʼiiwwan keenyarratti argamuu dandaʼa. Walgaʼiiwwan keenyarratti waaʼee wantoota armaan gadii ni baratta:

  • Waaqayyo iddoo guddaa kan siif kennu maaliif akka taʼe

  • Jireenyi kee kaayyoo akka qabaatu gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe

  • Michummaa cimaa fi barabaraaf turu horachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe

Walgaʼiiwwan keenyarratti michoota dhugaa “waliif yaadan” ni argatta.—1 Qorontos 12:25, 26.

Waaʼee walgaʼiiwwan keenyaa caalaatti beekuuf viidiyoo gabaabaa Galma Walgaʼii Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhamu jw.org irraa barbaadi.

BARUMSA KITAABA QULQULLUU KENNINU

Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamnee barumsa Kitaaba Qulqulluu tolaan ni kennina. Kitaabni qoʼannaa kun caqasoota ijoo, ibsa ifa taʼe, gaaffilee gaggaarii, viidiyoowwan garaa tuqanii fi fakkiiwwan babbareedoo qaba. Barumsi Kitaaba Qulqulluu nuti kenninu kabaja akka ofiif qabaatanii fi jireenyisaanii akka fooyyaʼu namoota gargaara.

Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee kan si fayyadu akkamitti akka taʼe beekuuf, viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? jedhamu jw.org irraa barbaadi.