Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra Kaan Kabajuun

Warra Kaan Kabajuun

WARRA KAAN KABAJUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Warra kaan kabajuun dhiphina hirʼisa, haalli gaarii hin taanes akka hin hammaanne godha.

  • Kitaabni Qulqulluun, “Deebii laafaan aarii qabbaneessa, dubbii hamaan garuu aarii kakaasa” jedha. (Fakkeenya 15:1) Wanta kabaja hin argisiisne dubbachuu fi gochuun akkuma ibiddatti bobaʼaa dabaluuti, yeroo baayʼee miidhaa guddaa geessisa.

  • Yesuus, “Afaan wanta garaa keessa guute dubbata” jedheera. (Maatewos 12:34) Namoota sanyii, gosa, lammummaa ykn akkaataa guddinaa nurraa adda taʼe qabanitti dubbii kabaja hin qabne kan dubbannu yoo taʼe, keessa keenyatti ilaalcha gaarii hin taane akka isaaniif qabnu argisiisna.

    Qorannaa namoonni 32,000 ol taʼan irratti hirmaatanii fi biyyoota 28 keessatti geggeeffamerratti, namoonni dhibbeentaa 65 taʼan akka yeroo ammaa wal kabajuun badee akka hin argine dubbataniiru.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Mana barumsaattis taʼe bakka hojiitti, namoota ilaalcha sirraa adda taʼe qaban dabalatee namoota hunda kabaji. Wantoota irratti walii galuu dandeessu adda baafadhu. Akkas gochuun kee namoota qeequu ykn isaanitti murteessuurraa of qusachuuf si gargaara.

“Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa.”—Maatewos 7:1.

Karaa namoonni akka si qaban barbaadduun namoota qabi. Namootaaf kan yaadduu fi gaarummaa kan isaanitti argisiistu yoo taʼe isaanis caalaatti gaarummaa sitti argisiisuuf kakaʼuu dandaʼu.

“Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan, isinis akkanuma isaaniif godhaa.”—Luqaas 6:31.

Dhiifama godhi. Dubbii fi gocha gaarummaa hin argisiisne irra darbuudhaan kakaʼumsasaanii akka amantu argisiisi.

“Hubannaan, namni tokko aariin isaa akka qabbanaaʼu godha, balleessaa tuffatee bira darbuun isaas miidhagina isaaf ni kenna.”—Fakkeenya 19:11.

WANTA GOCHAA JIRRU

Dhugaa Baatonni Yihowaa hawaasasaanii keessatti wal kabajuun akka jiraatu gumaacha godhu.

Tolaan Kitaaba Qulqulluu akka baratan namoota hunda ni affeerra; taʼus amantii ykn ilaalcha keenya akka fudhatan hin dirqisiisnu. Kanaa mannaa, ergaa keenya “garraamummaa fi ulfina guddaadhaan” namootatti himuudhaan gorsa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuuf yaalla.—1 Pheexiros 3:15; 2 Ximotewos 2:24.

Loogiirraa ni fagaanna, akkaataan jireenyaasaanii maaliyyuu yoo taʼe namoota Kitaaba Qulqulluu barachuu barbaadan hunda walgaʼiiwwan gumii keenyarratti ni simanna. Namoota wajjin wal dandeenyee jiraachuu fi “namoota akaakuu hundumaa [kabajuuf]” ni carraaqna.—1 Pheexiros 2:17.

Aangoo mootummaa biyya keessa jiraannuu ni kabajna. (Roomaa 13:1) Seeraaf ni ajajamna, gibiras ni kaffalla. Siyaasa keessa kan hin galle taʼus, mirga namoonni dhimmoota siyaasaarratti murtoo mataasaanii gochuuf qaban ni kabajna.