Seensa
Iccitiiwwan Maatiin Akka Milkaaʼu Gargaaran 12
Rakkinni maatiiwwan milkaaʼina dhabanii maal akka taʼe ilaalchisee wanta hedduu ni dhageenya. Haa taʼu malee, wanti maatiiwwan tokko tokkoof milkaaʼina argamsiise maal akka taʼe haa ilaallu.
Bara 1990 hamma 2015tti, Yuunaayitid Isteetisitti lakkoofsi namoota wal hiikanii warri umuriin isaanii 50 olii dachaadhaan kan dabale yeroo taʼu, warri umuriin isaanii 65 oliimmoo harka sadiin dabaleera.
Warri bitaa isaanitti taʼeera: Hayyoonni tokko tokko yeroo hunda ijoollee jajuun sirrii akka taʼe jajjabeessu; kaanimmoo ijoolleedhaaf fuula kennuu dhiisuu jajjabeessu.
Dargaggoonni umurii gaʼeessummaarra kan gaʼan ogummaa isaan barbaachisu utuu hin argatinidha.
Taʼus, dhugaan isaa . . .
Gaaʼelli gammachiisaa fi dhaabbataa taʼuu dandaʼa.
Warri ijoollee isaanii jaalalaan adabuu barachuu ni dandaʼu.
Dargaggoonni ogummaa yeroo gaʼeessummaatti isaan barbaachisu argachuu ni dandaʼu.
Akkamitti? Maxxansi Dammaqaa! kun iccitiiwwan maatiin akka milkaaʼu gargaaran 12 ibsa.