BARUMSA 4
Itti Gaafatamummaan kan Itti Dhagaʼamu Taʼuu
ITTI GAAFATAMUMMAA KAN ITTI DHAGAʼAMU TAʼUUN MAALFAA DABALATA?
Namoonni itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu amanamoo dha. Hojii isaaniif kenname akka gaariitti fi yeroo isaanii kenname keessatti hojjetanii xumuru.
Dandeettiin isaanii kan daangeffame taʼu illee, ijoolleen xinnummaa isaaniitii kaasanii itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu akka taʼan leenjiʼuu ni dandaʼu. Kitaabni Parenting Without Borders jedhamu akkana jedheera: “Ijoolleen jiʼa kudha shan yeroo guutan, wanta godhaa jedhaman raawwachuu eegalu. Jiʼa kudha saddeet yeroo guutan immoo, wanta namoonni kaan raawwatan hunda raawwachuu jalqabu.” Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Aadaawwan hedduu keessatti, warri ijoolleen isaanii yeroo umuriin isaanii waggaa shanii hanga torbaa taʼu hojii mana keessaa akka isaan gargaaran taasisu; ijoolleen umurii kana irra jiran illee warra isaanii wajjin hojjechuudhaan hojii hedduu isaan gargaaruu dandaʼu.”
ITTI GAAFATAMUMMAA KAN ITTI DHAGAʼAMU TAʼUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
Bakkawwan tokko tokkotti dargaggoonni of dandaʼanii erga manaa baʼanii booda jireenyi waan isaanitti ulfaatuuf gara mana warra isaaniitti deebiʼu. Sababiiwwan kun itti taʼu keessaa tokko, ijoolleen akkaataa maallaqa itti qaban, akkaataa mana itti qaban ykn itti gaafatamummaa guyyaa guyyaa isaan irra jiru itti raawwatan ilaalchisee leenjiin waan isaaniif hin kennamneefi dha.
Kanaafuu, ijoollee keessan itti gaafatamummaa gaʼeessota yeroo taʼanitti isaan eeggatuuf ammumaa isaan leenjisuun keessan baayʼee gaarii dha. Kitaabni How to Raise an Adult akkana jedheera: “Hanga isaan waggaa kudha saddeet guutanitti gatiittii keessanitti isaan baattanii erga turtanii booda, gad baastanii addunyaatti isaan gatuu akka hin barbaanne beekamaa dha.”
IJOOLLEEN ITTI GAAFATAMUMMAAN KAN ITTI DHAGAʼAMU AKKA TAʼAN BARSIISUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
Hojii mana keessatti hojjetan isaaniif ramadaa.
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 14:23.
Ijoolleen xixinnoon warra isaanii wajjin hojjechuun baayʼee isaan gammachiisa. Ijoollee keessaniif hojii mana keessatti hojjetamu isaaniif ramaduudhaan fedhii uumamaan qaban kanatti akka gaariitti itti fayyadamaa.
Warri tokko tokko akkas gochuun sirrii akka hin taane isaanitti dhagaʼama. Ijoolleen mana barumsaatii hojii manaa hedduun waan isaaniif kennamuuf, baʼaa dabalataa isaan irratti feʼuu hin barbaadan.
Haa taʼu malee, ijoolleen hojii mana keessaa hojjetan, hojii isaaniif kenname fudhachuu fi guutummaatti raawwachuu waan barataniif, carraan mana barumsaatti milkaaʼina argachuuf qaban balʼaa dha. Kana malees, kitaabni Parenting Without Borders akkana jedheera: “Hawwii ijoolleen keenya yeroo xixinnoo turanitti namoota kaan gargaaruuf qabaniif xiyyeeffannaa hin kenninu taanaan, ijoolleen namoota kaan gargaaruun barbaachisaa akka hin taane yaaduu dandaʼu . . . Kana malees, yeroo hunda namoonni kaan akka isaan tajaajilan eeguu jalqabu.”
Yaanni kitaaba kana irratti ibsame akka argisiisutti, ijoolleen hojii mana keessaa hojjechuun isaanii, fudhachuu mannaa kennuu, namoonni kaan akka isaan tajaajilan eeguu mannaa warra kaan kan gargaaran akka taʼan isaan leenjisa. Hojii mana keessaa isaaniif kennuun, ijoolleen maaticha keessatti bakka guddaa akka qabanii fi itti gaafatamummaa kanaa wajjin wal qabatee dhufu akka isaan irra jiru akka hubatan isaan gargaara.
Ijoolleen keessan miidhaa balleessaa raawwatan geessisu akka hubatan godhaa.
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Booda irratti ogeessa akka taatuuf, gorsa dhagaʼi, adabas fudhadhu.”—Fakkeenya 19:20.
Ijoolleen keessan dogoggora yeroo hojjetan, fakkeenyaaf, akka tasaa meeshaa nama kan biraa yoo balleessan ykn yoo cabsan balleessaa isaanii isaaniif hin dhoksinaa. Kanaa mannaa, dhiifama akka gaafatan, akkasumas meeshaa cabsan ykn balleessan sana bakka buusuuf tarkaanfii akka fudhatu godhaa.
Balleessaa isaanii amananii kan fudhatanii fi gocha isaaniitiif itti gaafatamummaa kan fudhatan yoo taʼe wantoota armaan gadii baratu:
Amanamoo taʼuu fi balleessaa isaanii amananii fudhachuu
Namootatti qabachuu irraa of qusachuu
Sababii baayʼisuu irraa of qusachuu
Yeroo barbaachisaa taʼutti dhiifama gaafachuu