Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa

Seensa

Barumsawwan Ijoolleen Barachuu Qaban Jaʼa

Ijoolleen keessan gaʼeessota yommuu taʼan amalawwan akkamiitiin akka beekaman barbaaddu?

  • Kan of toʼatan

  • Kan gad of qaban

  • Rakkoowwan kan dandamatan

  • Itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu

  • Bilchaatoo

  • Amanamoo kan taʼan

Ijoolleen amalawwan kanneen ofii isaaniitiin horachuu hin dandaʼan. Gargaarsi keessan isaan barbaachisa.

Barruun kun barumsawwan barbaachisoo ijoollee keessan barsiisuu qabdan jaʼa ibsa; ijoolleen barumsawwan kanneen barachuun isaanii, jireenya yeroo gaʼeessota taʼanitti isaan eeggatuuf isaan qopheessu.