Warraaf Gargaarsa Dabalataa
Tarii akkuma isin iyyuu hubattan, gorsi barreeffama kana keessa irra jiru Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe dha. Kitaabni Qulqulluun qajeelfama hunda irra caaluu fi miseensa maatii hundaaf fayyadu qabateera. Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu hundi dandeettii yaaduu fi murtoo gaarii gochuu namni tokko qabu kan guddisu dha.—Fakkeenya 1:1-4.
KITAABNI QULQULLUUN GAAFFIIWWAN GUGUDDAA JIREENYA KEESSATTI KAʼAAN KANNEENIIF DEEBII KENNA:
Deebii gaaffiiwwan kanaa fi kan biroo argachuuf ofuma keetii Kitaaba Qulqulluu akka qortu si jajjabeessina. Viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? jedhu ilaaluuf koodii kana dubbisiisi ykn jw.org ilaali.