3 Namoonni Gaariin Kan Rakkatan Maaliifi?
Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?
Namoonni gaariin rakkachuun isaanii haqa akka hin taane nutti dhagaʼama. Namoonni tokko tokko, rakkachuun isaanii erga hin oollee nama gaarii taʼuun barbaachisaa akka hin taane isaanitti dhagaʼama.
Mee Yaadi
Namoonni tokko tokko jireenyi ilmaan namootaa duʼuu fi deebiʼanii dhalachuu qofa akka taʼe amanu. Warri wanta gaarii hojjetan haala gaarii keessatti deebiʼanii dhalatu, warri wanta gadhee hojjetan immoo haala rakkisaa keessatti deebiʼanii dhalatu jedhu. Akka amantii kanaatti namoonni gaariin illee “jireenya isaanii darbe keessatti” wanta gadhee hojjetaniiru yoo taʼe, rakkachuu dandaʼu. Haa taʼu malee . . .
-
Namni deebiʼee akka dhalate yaadamu tokko jireenya isaa isa darbe hin yaadatu illee yoo taʼe, rakkachuun isaa faayidaa maalii qaba?
-
Nageenyi keenya irra caalaan wanta jireenya keenya duraa keessatti raawwanne irratti kan hundaaʼe erga taʼee, fayya buleeyyii taʼuu fi balaa nu irra gaʼu hambisuuf jabaannee kan hojjennu maaliifi?
CAALAATTI BARADHU
Viidiyoo Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi? jedhu jw.org irraa ilaali.
Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Rakkinni adaba Waaqayyoo miti.
Kanaa mannaa, garri caalaan isaa akka tasaa kan mudatu siʼa taʼu, yeroo baayʼee immoo namni tokko yeroo sirrii hin taanetti bakka sirrii hin taanetti argamuu isaatiin kan kaʼe isa irra gaʼa.
“Aduu jalatti waan tokko nan arge; innis isa fiiganii nama dura darbuu dadhaban, lolanii moʼuu dadhaban, ogeessa taʼanii buddeena dhaban, afchaala taʼanii sooromuu dadhaban, waa hojjechuu utuma beekanii jajamuu dadhabanii dha; isaan kana hundumaattis yeroon tokkichii fi wanti tokkichi in dhufa.”—LALLABA 9:11.
Cubbuu kan dhaalle taʼuun keenya rakkina keenyaaf gumaacha godha.
Namoonni yeroo baayʼee gocha gadhee namni tokko raawwate argisiisuuf, jecha “cubbuu” jedhutti fayyadamu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluunis haala ilmaan namootaa hunda, jechuunis gaariis taʼe gadhee wanta isaan dhaalan argisiisuuf itti fayyadama.
“Haati koo isheen garaatti na baatte iyyuu cubbamtuu turte, anis yakkaa taʼee nan dhaladhe.”—FAARFANNAA 51:5.
Cubbuun ilmaan namootaa irratti miidhaa guddaa geessisaa jira.
Hariiroo Uumaa keenyaa wajjin qabnu balleessuu qofa utuu hin taʼin, uumamawwan isaa warra kaan wajjinis akka wal hin simne nu godheera. Kun immoo dhuunfaattis taʼe, akka walii galaatti ilmaan namootaa irratti miidhaa guddaa geessiseera.
“Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka ana keessa jiru nan hubadha.”—ROOMAA 7:21.
‘Uumamni hundi hanga ammaatti walii wajjin aadaa fi cinqamaa jira.’—ROOMAA 8:22.