Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Ijoollee Kee Irratti
Namoonni guguddaan meeshaalee elektiroonikii ykn appilikeeshiniiwwan haaraatti fayyadamuun isaan rakkisuu dandaʼa; ijoolleen garuu daaʼimummaa isaaniitii kaasee waan beekaniif itti fayyadamuun isaaniif salphaa dha.
Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko akka hubatanitti ijoolleen intarneetii fayyadamuudhaan yeroo dheeraa dabarsan . . .
-
meeshaalee elektiroonikii isaanii tuttuquun araada isaaniitti taʼa.
-
intarneetiidhaan wanta gadhee dubbatu ykn namoonni kaan wanta gadhee isaanitti dubbatu.
-
akka tasaa ykn fedhiidhaan poornoogiraafii ilaaluuf saaxilamu.
WANTA BEEKUU QABDU
ARAADA
Wantoonni intarneetii irra jiran tokko tokko fakkeenyaaf, geemiiwwan araada cimaa isaanitti taʼuu dandaʼu. Kitaabni Reclaiming Conversation jedhamu akka jedhetti, appilikeeshiniiwwanii fi geemiiwwan tokko tokko kan qophaaʼan araada akka taʼan yaadamee ti. Appilikeeshinii akkasiitti hammuma fayyadamne daldaltoota oomisha isaanii beeksisaniif galii argamsiisna.
MEE YAADI: Ijoolleen kee meeshaalee elektiroonikii isaanii tuttuqaa ooluu? Taanaan, yeroo isaaniitti akka gaariitti akka fayyadaman gargaaruu kan dandeessu akkamitti?—EFESOON 5:15, 16.
DUBBII GADHEE
Namoonni tokko tokko yeroo intarneetii fayyadaman warra kaan sossodaachisuu dabalatee amala naamusaan ala taʼe argisiisu.
Namoonni tokko tokko hordoftoota isaanii baayʼifachuuf jecha weebsaatiiwwan hawaasaa irratti wantoota naamusaan ala taʼan dubbatuu ykn raawwatu. Tarii immoo namni tokko namoonni kaan affeerraa irra akka turanii fi isa affeeruu akka dhiisan yeroo beeku akka miidhame isatti dhagaʼamuu dandaʼa.
MEE YAADI: Ijoolleen kee yeroo intarneetiidhaan haasaʼan naamusa gaarii ni argisiisuu? (Efesoon 4:31) Sagantaa tokko irratti akka hin affeeramne yeroo beekan maaltu isaanitti dhagaʼama?
POORNOOGIRAAFII
Intarneetii irratti wantoota naamusaan ala taʼan salphaatti arguun ni dandaʼama. Sooftiweeriiwwan tokko tokko warri wanta ijoolleen isaanii ilaalan toʼachuuf kan isaan dandeessisan taʼus, yeroo tokko tokko garuu wantoonni kun guutummaatti waan hin hojjenneef, ijoolleen isaanii wantoota gadhee ilaaluu akka dandaʼan yaadachuu qabu.
Suuraawwan qullaa namaa argisiisan walii erguun seeraan kan nama gaafachiisu taʼuu dandaʼa. Haalawwan tokko tokko keessatti, ijoolleen ergaa akkasii walii erguu irratti hirmaatan yakka cimaa poornoogiraafii ijoollee babalʼisuudhaan himatamuu dandaʼu.
MEE YAADI: Ijoolleen kee suuraawwan qullaa argisiisan ilaaluuf ykn namaaf erguuf akka hin qoramne gargaaruu kan dandeessu akkamitti?—EFESOON 5:3, 4.
WANTA GOCHUU DANDEESSU
IJOOLLEE KEE LEENJISI
Ijoolleen teknoolojii fayyadamuu irratti qaxalee dha; taʼus, qajeelfamni isaan barbaachisa. Kitaabni Indistractable jedhamu akka ibsetti ijoolleen meeshaalee elektiroonikii karaa sirrii taʼeen akkamitti fayyadamuu akka dandaʼan beekuu isaanii dura meeshaa akkasii isaaniif kennuun “bishaan daakuu utuu hin beekin bishaan keessa akka seenan gochuu wajjin tokko dha.”
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Mucaa karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—FAKKEENYA 22:6, MIILJALEE.
Wantoota irratti hojjechuu barbaaddu irratti mallattoo godhi ykn yaada kee barreeffadhu.
-
Yeroo intarneetii fayyadamu naamusa argisiisuu qabu irratti mucaa koo wajjin mariʼachuu
-
Mucaan koo sagantaa tokko irratti yeroo hin affeeramnetti miirri isaa akka hin miidhamne gargaaruu
-
Mucaan koo wantoota gadhee intarneetii irratti baʼaniif akka hin saaxilamne gochuuf wantan dandaʼu hundumaa gochuu
-
Wantoota bilbila mucaa kootii keessa jiran yeroo yerootti sakattaʼuu
-
Yeroo bilbila isaatti fayyadamuudhaan dabarsu daangessuu
-
Saʼaatii hirribaatti bilbila akka hin fayyadamne gochuu
-
Yeroo maatiidhaan waliin nyaannutti bilbila fayyadamuu dhorkuu