Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Duraa duubaan kana gochuu

Duraa duubaan kana gochuu

Namoonni tokko tokko amantoota akka taʼan dubbatanis, “amantiin” hiika akkamii akka qabu hubachuun isaanitti ulfaata. Amantiin maali dha? Barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

Amantiin maali dha?

NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU?

Namoonni hedduun, namni amantii qabu tokko ragaa qabatamaa utuu hin qabaatin, amantii tokko akkanumaan akka fudhatu godhanii yaadu. Fakkeenyaaf, nama amantii qabuu fi “Ani Waaqayyotti nan amana” jedhu tokkoo ilaali. Namni tokko “Maaliif amanta?” jedhee yoo isa gaafate, tarii namichi, “Warri koo akkanatti na guddisan” ykn “Yeroo hunda kana barachaan guddadhe” jedhee deebisa taʼa. Haala akkanaa keessatti, amantii qabaachuu fi doofummaa gidduu garaa garummaan kan hin jirre fakkaata.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Amantiin wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu jechuu dha, akkasumas ragaa wantoonni dhugaa taʼan kan hin mulʼanne taʼanis jiraachuu isaanii kan argisiisu dha.” (Ibroota 11:1) Namni tokko wanti inni eegu mirkanaaʼaa akka taʼu yoo barbaadame, inni ykn ishiin wanta mirkanaaʼaa itti taʼan sanaaf ragaa quubsaa qabaachuun isaan barbaachisa. Afaan jalqabaatiin as irratti gaaleen, “mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu” jedhu, wanta keessa namaatti namatti dhagaʼamu ykn hawwii qofa argisiisuu caalaa wanta dabalatu qaba. Kanaafuu, amantiin ragaa irratti hundaaʼanii amanuu kan dabalatu dha.

“Amalawwan isaa [Waaqayyoo] warri ijaan hin argamne, jechuunis humni isaa inni bara baraa fi Waaqayyummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas amalawwan isaa wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.”Roomaa 1:20.

Amantii qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddataniif gatii isaanii akka kennu amanuu qaba.”—Ibroota 11:6.

Akkuma olitti ibsame namoonni hedduun Waaqayyotti kan amanan, akkana akka godhan waan barataniif qofa dha. Tarii, ‘Amantii kana keessattan guddadhe’ jedhu taʼa. Haa taʼu malee, Waaqayyo namoonni isa waaqeffatan inni akka jiruu fi akka isaan jaallatu isa irratti amanannaa dhugaa akka qabaatan barbaada. Kitaabni Qulqulluun dhugumaan isa beekuu akka dandeenyutti, garaadhaa isa barbaachuun barbaachisaa kan taʼe kanaaf akka taʼe ibsa.

“Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.”Yaaqoob 4:8.

Amantii qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Kitaabni Qulqulluun, “Amantiin dubbicha dhagaʼuu irraa argama” jedha. (Roomaa 10:17) Kanaafuu, amantii Waaqayyo irratti qabnu cimsachuuf tarkaanfiin inni jalqabaa wanta Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoon ilaalchisee dubbatu “dhagaʼuu” dha. (2 Ximotewos 3:16) Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee gaaffiiwwan barbaachisoo kan akka, ‘Waaqayyo eenyu? Inni jiraachuu isaatiif ragaa akkamiitu jira? Waaqayyo dhuguma waaʼee koo ni yaadaa? Waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee kaayyoon Waaqayyoo maali dha?’ jedhaniif deebii quubsaa argachuuf si gargaara.

Wanti naannoo keenya jiru hundi Waaqayyo jiraachuu isaatiif ragaa taʼa

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu si gargaaruu barbaadu. Akkuma weeb saayitii keenya jw.org jedhamu irratti ibsame, “Dhugaa Baatonni Yihowaa waaʼee Kitaaba Qulqulluu namoota barsiisuu ni jaallatu; haa taʼu malee, miseensa amantii keenyaa akka taʼu eenyuun iyyuu hin dirqisiisnu. Kanaa mannaa, tokkoon tokkoon namaa wanta itti amanu filachuuf mirga akka qabu amanuudhaan wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu kabajaan itti himna.”

Dhuma irrattis, amantiin kee wanti Kitaaba Qulqulluu keessaa dubbiste dhugaa taʼuu isaa madaaltee hubachuudhaan ragaa ati argattu irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Akka kanaan, fakkeenya barattoota jaarraa jalqabaa warra, “wanti dhagaʼan sun dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf, guyyuma guyyaadhaan Kitaabota Qulqulluu of eeggannoodhaan qoranii hawwii guddaadhaan dubbicha fudhatan” jedhaman sanaa hordofta.—Hojii Ergamootaa 17:11.

“Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.”Yohaannis 17:3.