GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA
Rakkoowwan Irratti Mariʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
HAALA RAKKISAA
Atii fi hiriyaan gaaʼelaa kee rakkina tokko irratti yommuu mariʼattan, yeroo baayʼee yommuu maree sana jalqabdan irra caalaa yommuu xumurtan akka aartan sitti dhagaʼamaa? Taanaan, haala isaa fooyyessuu ni dandeessa. Jalqaba garuu, akkaataa dhiironnii fi dubartoonni itti yaada isaanii ibsan irratti garaa garummaan akka jiru wanta muraasa beekuu qabda. *
WANTA BEEKUU QABDU
Dubartoonni furmaata isaa dhagaʼuu isaanii dura yeroo baayʼee waaʼee rakkina tokkoo dubbachuu filatu. Dhugaa dha, yeroo tokko tokko dubbachuun mataan isaa furmaata dha.
“Miira koo yommuun ibsuu fi abbaan manaa koo akka na hubate yommuun beeku boqonnaa guddaatu natti dhagaʼama. Wanta natti dhagaʼamu ergan dubbadhee booda, jechuunis yeroo baayʼee maree sana erga goonee daqiiqaa muraasa keessatti caalaatti boqonnaa akkan argadhe natti dhagaʼama.”—Sirpaa. *
“Wanta natti dhagaʼamu abbaa manaa kootiif sirriitti ibsuuf yoon carraa argachuu baadhe, waaʼee rakkina sanaa irraanfachuu hin dandaʼu. Waaʼee rakkina koo ergan dubbadhee booda, waaʼeen isaa na hin dhiphisu.”—Eejiin.
“Dubbachuun wanta tokko qorachuu wajjin wal fakkaata. Yommuun dubbadhu, rakkinichi sadarkaa akkamii irra akka jiru gamaaggamaa fi hundee rakkinichaa hubachuuf yaalii gochaan jira jechuu dha.”—Lardees.
Dhiironni furmaata rakkina tokkoo yaaduu barbaadu. Rakkina tokkoof furmaata kennuun dhiirri tokko faayidaa akka qabu akka itti dhagaʼamu waan godhuuf, kun waanuma eegamu dha. Abbaan manaa yaada furmaataa dhiheessuun isaa, karaa itti haati manaa isaa gargaarsaaf isatti akka amanamtu itti argisiisu dha. Kanaafuu, abbootiin manaa furmaanni isaan dhiheessan gammachuudhaan hin fudhatamu taanaan ni burjaajaʼu. Abbaan manaa Karki jedhamu tokko, “Ati furmaata isaa hin barbaaddu taanaan, waaʼee rakkina tokkoo maaliif akka dubbattu naaf hin galu” jedheera.
Haa taʼu malee, kitaabni Za Saveen Pirinsiippils foor Meeking Mereej Woork jedhamu akkana jechuudhaan akeekkachiisa: “Hubachuun gorsa kennuu irra dursuu qaba. Yaada furmaataa tokko dhiheessuu kee dura, hiriyaan gaaʼelaa kee guutummaatti
akka isa hubattee fi wanti bitaa itti taʼe sun akka si gaddisiise akka beeku gochuu qabda. Yeroo baayʼee hiriyaan gaaʼelaa kee kan si gaafattu akka gaariitti akka ishii dhaggeeffattu malee furmaata tokko akka ishiidhaaf kennitu miti.”WANTA GOCHUU DANDEESSU
Abbaa manaatiif: Xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu baradhu. Abbaan manaa Toomaas jedhamu tokko akkana jedheera: “Yeroo tokko tokko ergan dhaggeeffadhee booda, ‘Dhaggeeffachuun koo faayidaa hin qabu ture’ jedheen yaada. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee wanti haati manaa koo barbaaddu akkan ishii dhaggeeffadhu qofa dha.” Abbaan manaa Isteefan jedhamu tokkos yaada kana irratti walii gala. “Haati manaa koo utuun haasaa ishii gargar hin kutin yaada ishii akka ibsitu gochuun gaarii akka taʼe hubadheera. Yeroo baayʼee dubbattee erga fixxee booda, caalaatti boqonnaa akka argatte natti himti” jedheera.
Akkana gochuuf yaali: Yeroo itti aanutti waaʼee rakkina tokkoo yommuu haadha manaa kee wajjin mariʼattu, miira utuu hin gaafatamin gorsa kennuuf sitti dhagaʼamu moʼuuf yaali. Yommuu ishiin dubbattu ija ishii keessa ilaali; wanta ishiin jechaa jirtu irratti xiyyeeffadhu. Mataa kee raasuudhaan irratti walii galuu kee argisiisi. Yaada isaa hubachuu kee argisiisuuf, yaada ijoo isaa irra deebiʼi. Abbaan manaa Chaarlis jedhamu tokko, “Yeroo tokko tokko wanti haati manaa koo barbaaddu, akkan yaada ishii hubadhee fi ishii cinaa akkan dhaabadhu beekuu qofa dha” jedheera.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Yaaqoob 1:19.
Haadha manaatiif: Wanta inni akka godhu barbaaddu qofa abbaa manaa keetti himi. Haati manaa Eleenii jedhamtu tokko, “Hiriyaan gaaʼelaa keenya wanta nuti barbaannu beekuu akka qabu ni yaanna taʼa; yeroo tokko tokko garuu yaada isaa ifa goonee itti himuu qabna” jetteetti. Haati manaa Enees jedhamtu tokko immoo yaada armaan gadii kenniteetti: “Abbaa manaa kootiin, ‘Wanti na jeeqe tokko jira, akka na dhaggeeffattu nan barbaada. Maaltu akka natti dhagaʼamu akka naaf hubattu malee, furmaata akka naaf kennitu si irraa hin barbaaduun’ isaan jedha.”
Akkana gochuuf yaali: Abbaan manaa kee dafee yaada furmaataa yoo dhiheesse, inni miira keetiif kan hin yaanne akka taʼe gootee hin yaadin. Yeroo kanatti baʼaa kee sii salphisuuf yaalii gochaa jira taʼa. Haati manaa Eestar jedhamtu tokko, “Dheekkamuu mannaa, abbaan manaa koo naaf yaaduu fi na dhaggeeffachuu kan barbaadu qofa utuu hin taʼin, furmaata isaa naaf kennuu akka barbaadus hubachuuf yaaliin godha” jetteetti.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Roomaa 12:10.
Lamaan isaaniitiif: Wanta warri kaan akka nuuf godhan barbaannu, nutis isaaniif gochuu barbaanna. Haa taʼu malee, karaa buʼa qabeessa taʼeen rakkoowwan irratti mariʼachuuf, hiriyaan gaaʼelaa kee maaltu akka isaaf godhamu akka barbaadu yaaduun si barbaachisa. (1 Qorontos 10:24) Abbaan manaa Miguʼel jedhamu tokko akkana jechuudhaan dubbateera: “Abbaa manaa yoo taate, dhaggeeffachuuf fedhii qabaadhu. Haadha manaa yoo taate, yeroo tokko tokko yaada furmaataa dhihaatu dhagaʼuuf fedhii qabaadhu. Lamaan isaanii iyyuu yaada isaaniitti cichuu yoo dhiisan, hiriyoonni gaaʼelaa faayidaa argatu.” —Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: 1 Pheexiros 3:8.
^ KEY. 4 Amalawwan armaan gaditti irratti mariʼannu, abbaa manaa fi haadha manaa hundaaf hojjechuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yaadawwan mata duree kana keessatti ibsaman namni gaaʼela godhate tokko hiriyaa gaaʼelaa isaa caalaatti akka hubatuu fi wajjin akka mariʼatu isa gargaaruu dandaʼu.
^ KEY. 7 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.