Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFANNOO | FAAN YUU

Diizaayinariin Sooftiweerii Amantii Isaa Ibse

Diizaayinariin Sooftiweerii Amantii Isaa Ibse

DOOKTOOR FAAN YUUN, hojii isaa kan jalqabe Institiyuutii Atoomik Inarjii Chaayinaa naannoo Beejiingitti argamu keessatti qorataa herregaa taʼuudhaan ture. Yeroo sanatti Waaqayyotti utuu hin taʼin, jijjiirama tirannaatti amana ture. Amma garuu Dooktar Yuun, jireenyaaf wiixinee kan baasee fi kan uume Waaqa taʼuu isaa amana. Qopheessitoonni barruu Dammaqaa! waaʼee amantii isaa isa gaafatanii turan.

Mee seenaa jireenyaa kee muraasa nutti himi.

Kanan dhaladhe bara 1959 Magaalaa Fuujoo, Godina Jaanshii, Chaayinaatti dha. Yeroon waggaa saddeet taʼu, biyyattiin sirna isa yeroo ammaatti Warraaqsa Aadaa (Cultural Revolution) jedhamu jala turte. Abbaan koo injinarii siviilii waan tureef, naannoo gammoojjii nu irraa fagaatutti daandii baaburaa akka hojjetu gaafatame. Waggoota hedduudhaaf waggaatti al tokko qofa dhufee nu gaafata ture. Yeroo sanatti haadha koo wajjinan jiraadhan ture; haati koo barsiistuu mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa turte. Manni keenya mooraa mana barumsaa ishiin itti barsiistu keessa ture. Bara 1970⁠tti gara mandara Yuufaanji ishii Godina Liinchiwaanitti argamtuu fi yeroo sanatti beelaan beekamtu deemne.

Amantiin warra kee maal ture?

Abbaan koo amantii fi siyaasaaf fedhii hin qabu ture. Haati koo immoo amantii Budihaa hordofti turte. Mana barumsaatti, jireenyi jijjiirama tirannaatiin akka dhufe kanan baradhe siʼa taʼu, wanta barsiisonni koo jedhanis nan amane.

Herrega akka jaallattu wanti si taasise maali dha?

Herrega kanan jaalladhu, ragaa amansiisaa taʼeen, dhugaa barbaaduuf kan nama dandeessisu waan taʼeefi. Yunivarsiitii kanan gale geggeessaa warraaqsa sanaa kan ture Maaʼoo Tsii Guungi bara 1976⁠tti erga duʼee yeroo muraasa booda ture. Achiis herregni filannaa koo isa jalqabaa taʼe. Ergan digirii maastarsii argadhee booda, hojiin koo inni jalqabaa meeshaalee humna maddisiisan ilaalchisee qorannaa herregaa gochuu ture.

Jalqaba irratti Kitaaba Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabda turte?

Bara 1987⁠tti dooktireetii barachuufan gara Yunivarsiitii Teeksaas A&M jedhamuu fi Ameerikaatti argamu dhaqe. Namoonni Ameerikaa keessa jiran hedduun Waaqayyotti akka amananii fi Kitaaba Qulqulluu akka dubbisan beekan ture. Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun gorsa ogummaa irratti hundaaʼee fi hojii irra ooluu dandaʼu akka qabu waanan dhagaʼeef, dubbisuu akkan qabu natti dhagaʼame.

Barumsi Kitaaba Qulqulluu hojii irra ooluu kan dandaʼu natti fakkaate. Haa taʼu malee, kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko hubachuun waan na rakkiseef yeruma sanan dubbisuu dhiise.

Fedhiin Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaaf qabdu kan haarome akkamitti?

Barumsi Uumaan jira jedhu anaaf haaraa waan tureef, mata duree kana irratti qorannaa mataa koo geggeessuufan murteesse

Bara 1990⁠tti Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko mana koo dhuftee, gara fuulduraatti yeroon gaarii taʼe akka dhufu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu natti himte. Sana booda hiriyoonni gaaʼelaa tokko dhufanii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf akka na gargaaran qophii naaf goote. Yeroo booda, haati manaa koo Liipiingi ishiin Fiiziksii mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Chaayinaatti barattee fi Waaqayyotti hin amanne Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegalte. Kitaabni Qulqulluun jireenyi akkamitti akka jalqabe ilaalchisee wanta barsiisu hubanne. Barumsi Uumaan jira jedhu anaaf haaraa waan tureef, mata duree kana irratti qorannaa mataa koo geggeessuufan murteesse.

Qorannoo kana kan goote akkamitti?

Ogeessa herregaa waanan taʼeef, carraa wanti tokko raawwatamuuf qabu shallaguu leenjiʼeen ture. Jireenyi akkuma tasaa akka jalqabuuf, pirootiiniin jiraachuu akka qabus baradheera. Kanaafuu, akkaataa pirootiiniin ofuma isaatiin uumamuu jalqabu irrattan qorannaa gochuu yaale. Pirootiinonni moolekiyuulota baayʼee wal xaxoo taʼan keessaa tokko siʼa taʼan, seeliin jiraataan tokko immoo pirootiinota adda addaa kumaatamaan lakkaaʼamanii fi hariiroo adda taʼeen wal qabatan of keessaa qaba. Anis akkuma namoota kaanii, pirootiiniin Uumaa malee akka tasaa argamuun isaa waan hin fakkaannee fi gonkumaa waan taʼuu hin dandeenye taʼuu isaan hubadhe. Barreeffamoota jijjiirama tirannaa keessaa, lubbu qabeeyyiin kaan pirootinota kana irraa akkamitti akka uumaman mitiitii, pirootiinonni akkamitti akka of uuman ilaalchisee illee deebii quubsaa argachuu hin dandeenye. Kanaaf, ragaan jiru hundi Uumaan akka jiru naaf mirkaneesse.

Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼe mirkanaaʼaa akka taatu kan si taasise maali dha?

Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼannaa koo akkuman itti fufeen, Kitaabni Qulqulluun raajiiwwan raawwii isaanii argatan hedduu kan qabate akka taʼen hubadhe. Akkasumas, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun buʼaa akkamii akka qabu jireenya koo keessatti ilaaluun jalqabe. Achiis, ‘Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu waggoota kumaan lakkaaʼamu dura jiraatan, gorsa ogummaa qabuu fi harʼa hojii irra ooluu dandaʼu akkamitti barreessuu dandaʼan?’ jedheen yaade. Suuta suutas, Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa nan amane.

Uumaan jiraachuu isaa amanuu kee akka itti fuftu kan si gargaare maali dha?

Waaʼee wantoota uumama keessa jiranii yeroon yaadu, Uumaan jiraachuu isaa akkan amanu na taasisa. Amma sooftiweerii kompiitaraa kanan kalaqu siʼa taʼu, akkaataan sammuun namaa itti hojjetu kan kompiitaraa baayʼee akka caalu yommuun argu baayʼee na dinqa. Fakkeenyaaf, dandeettiin sammuun keenya sagalee adda baafachuuf qabu kan baayʼee nama ajaaʼibsiisu dha. Baayʼeen keenya, hima hin xumuramne, kolfa, qufaa, giingaʼuu, loqoda, owwaattuu, sagalee duubaan dhagaʼamu ykn toora bilbilaa addaan ciccitu dabalatee sagalee salphaatti hubachuu dandeenya. Tarii kun kan nama hin dinqisiisne fakkaachuu dandaʼa. Diizaayinaroonni sooftiweerii garuu faallaa kanaa yaadu. Sammuun namaa, sooftiweerii sagalee addaan baafachuuf gargaaruu fi baayʼee fooyyaʼaa taʼe illee guddaa caala.

Sammuun keenya kompiitaroota baayʼee wal xaxoo taʼan irraa haala adda taʼeen, miira, loqodaa fi sagalee nama dubbachaa jiruu addaan baasuu dandaʼa. Diizaayinaroonni sooftiweerii, dandeettii sammuun sagalee addaan baasee hubachuuf qabu kana hordofuun akkamitti akka dandaʼamu baruuf qorannaa gochaa jiru. Kana yeroo godhanitti, hojii harka Waaqayyoo qorachaa akka jiran natti dhagaʼama.