MATA DUREE FUULA JALQABAA | KITAABNI QULQULLUUN DHUGUMA DUBBII WAAQAYYOO TII?
Kitaabni Qulqulluun—Kallattii Hundaan Sirrii Dha
Gama Saayinsiitiin Sirrii Dha
KITAABNI QULQULLUUN, kitaaba saayinsii taʼuu baatus, waaʼee uumamaa yeroo dubbatu odeeffannoo sirrii taʼe dabarsa. Mee qorannoo haala qilleensaa fi jenetiksii akka fakkeenyaatti haa ilaallu.
QORANNOO HAALA QILLEENSAA—AKKAATAA ITTI ROOBNI UUMAMU
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “[Waaqayyo] copha bishaanii ol in harkisa, hurrii keessaas bokkaa in baasa. Duumessoonni isa gad in coccophsu.”—Iyoob 36:27, 28.
Caqasa kana irratti Kitaabni Qulqulluun sadarkaa sadan marsaa bishaanii keessatti argaman ibsa. Waaqayyo inni Madda annisaa aduu taʼe (1) hurkatti fayyadamee ‘copha bishaanii ol harkisa.’ Achii immoo, hurki (2) haala fixeensaatiin walitti kuufame sun, duumessa bishaan of keessaa qabu uumuudhaan (3) bokkaa taʼee gadi rooba. Qorattoonni haala qilleensaa, akkaataa dinqisiisaa roobni itti uumamu hanga yoonaatti illee guutummaatti hin hubanne. Kan nama dinqisiisu garuu, Kitaabni Qulqulluun akkana jedhee gaafata: “Namni tokko illee akka duumessi itti diriiru . . . in hubataa ree?” (Iyoob 36:29) Uumaan garuu, marsaa roobaa kana sirriitti kan hubatu taʼuu isaa irra iyyuu, barreessan kitaaba kanaa haala kana Kitaaba Qulqulluu keessatti sirriitti akka barreessu godheera. Kana kan godhe immoo, ilmaan namootaa gama saayinsiitiin mala kana hubachuu isaanii yeroo dheeraa dura ture.
JENETIKSII—AKKAATAA MICIREEN NAMAA GADAMEESSA KEESSATTI ITTI GUDDATU
Daawit Mootichi inni barreessitoota Kitaaba Qulqulluu keessaa tokko taʼe Waaqayyoon akkana jedheera: “Iji kee yeroon miciree turetti illee na argeera; kutaan isaa hundinuus kitaaba kee keessatti barreeffameera.” (Faarfannaa 139:16, NW) Yaanni Daawit bifa walalootiin dubbate kun, micireen tokko kan guddatu qajeelfama dursee “kitaaba” keessatti barreeffameen, jechuunis wixinee isaaf qophaaʼeen akka taʼe ibseera. Kan nama dinqisiisu immoo, kun kan barreeffame gara waggoota 3000 dura ture!
Haa taʼu malee, hanga naannoo bara 1860tti qorataan biqiltootaa lammii Oostiriyaa taʼee fi Giriigor Meendel jedhamu beekumsa buʼuuraa waaʼee jenetiksii ibsu argatutti waaʼeen isaa hin beekamne ture. Qorattoonni waaʼee duraa duuba jiinoomii namootaa, isa odeeffannoo jiinii guddina nama tokkootiif barbaachisu qabate qoratanii kan xumuran Ebla 2003tti dha. Saayintistoonni koodii keemikaalaa jiinii keessa jiru kana, jechoota galmee jechootaa keessatti tarreeffamanii wajjin akka wal fakkaatu dubbatu. Jechoonni kunis qajeelfamoota jiinii kan qabatani dha. Qajeelfamoota kana irratti hundaaʼuudhaanis, qaamonni miciree kan akka sammuu, onnee, sombaa fi kan biroon kan akka harkaa fi miillaa duraa duuba isaaniif ramadame eeggachuudhaan guddatu. Dhuguma iyyuu, saayintistoonni, jiinoomii kana “kitaaba jireenyaa” jedhanii waamuun isaanii sirrii dha. Barreessitoota Kitaaba Qulqulluu keessaa tokko kan taʼe Daawit odeeffannoo sirrii kana barreessuu kan dandaʼe akkamitti? Gad of qabuudhaan akkana jedheera: “Hafuurri Waaqayyoo ana keessaan in dubbate, dubbiin isaa afaan koo keessa jira.” *—2 Saamuʼel 23:2.
Waaʼee Gara Fuulduraa Raajii Sirrii Dubbata
MOOTUMMOONNII fi magaalonni yoomii fi akkamitti akka kaʼanii fi akka kufan beekuun ykn hamma yoomiitti akka bulchan dursanii dubbachuun baayʼee ulfaataa dha. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun mootummoonni humna guddaa qabanii fi magaalonni akka badan balʼinaan dursee dubbateera. Mee fakkeenya lama haa ilaallu.
RAAJII BAABILON AKKA KUFTUU FI AKKA ONA TAATU DUBBATAME
Baabilon ishiin durii dhiha Eeshiyaatti jaarraawwan hedduudhaaf bulchiinsa humna guddaa qabdu taatee turte. Yeroo tokkotti immoo magaalaa addunyaa irratti guddinaan beekamtu taatee ture. Haa taʼu malee Waaqayyo, geggeessaa hafuura isaatiin barreessitoota Kitaaba Qulqulluu keessaa tokko kan taʼe Isaayaas, mootiin maqaan isaa Qiiros jedhamu tokko Baabiloniin akka injifatuu fi magaalattiinis bara baraaf ona akka taatu gara waggaa 200 dura akka dubbatu godheera. (Isaayaas 13:17-20; 44:27, 28; 45:1, 2) Kun dhuguma raawwatameeraa?
Dhaloota Kiristoos Dura, Onkoloolessa 539tti Qiiros Guddichi halkan tokkotti Baabiloniin injifate. Yeroo booda immoo, jalʼisiiwwan naannoo lalisaa sana obaasaa turan, kunuunsa dhabuu isaaniitiin kan kaʼe goganiiru. Dh.K.B. bara 200tti naannoon kun guutummaatti ona taatee turte jechuun ni dandaʼama. Yeroo harʼaatti, Baabilon tuullaa dhagaa taateetti. Akkuma Kitaabni Qulqulluun dursee dubbate Baabilon ‘ontee hafteetti.’—Ermiyaas 50:13.
Barreessaan Kitaaba Qulqulluu kun seenaa dhugaa akkasii dursee beekuu kan dandaʼe akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, “Wanta Isaayaas ilmi Amoz waaʼee Baabilon mulʼataan arge” jechuudhaan dubbata.—Isaayaas 13:1, NW.
NANAWWEE—‘AKKA LAFA DUWWAA NI GOGDI’
Nanawween ishiin magaalaa guddittii Bulchiinsa Asor turte, ogummaa ijaarsaa keessatti baayʼee dinqisiistuu akka taatetti ilaalamti turte. Magaalattiin daandiiwwan balʼaa taʼan, iddoowwan bashannanaa uummataa, manneen sagadaa fi manneen mootummaa baayʼee guddaa taʼan qabdi turte. Taʼus, Sefaaniyaa raajichi magaalaa ajaaʼibsiistuun kun, ‘raawwattee ontee akka lafa duwwaa akka gogdu’ dursee dubbatee ture.—Sefaaniyaa 2:13-15.
Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa saddeettaffaatti warri Baabilonii fi Medoon tokkummaa uumuudhaan Nanawwee guutummaatti balleessaniiru. Ragaan tokko akka mulʼisutti, magaalattiin badde sun, “waggaa 2500f irraanfatamtee turte.” Nanawween kanaan dura kan turte taʼuu ishii illee namoonni yeroo itti shakkan qabu! Arkiʼooloojistoonni caccabaa Nanawwee qotanii kan argatan naannoo bara 1850tti ture. Yeroo harʼaatti naannoon kun tortoruu isaatiin, akkasumas badii irratti raawwatamaa jiruun kan kaʼe, dhaabbanni Giloobaal Heeriteej Fandi jedhamu, “Caccabaan Nanawwee ishii durii ammas bara baraaf awwaalamuuf jedha” jechuudhaan akeekkachiiseera.
Sefaaniyaan odeeffannoo kana dursee kan argate eessaa ti? Odeeffannoon kun ‘dubbii Waaqayyoo gara isaa dhufe’ akka taʼe dubbateera.—Sefaaniyaa 1:1.
Kitaabni Qulqulluun Gaaffiiwwan Guguddaa Jireenya Keessatti Kaʼaniif Deebii ni Kenna
KITAABNI QULQULLUUN gaaffiiwwan guguddaa jireenya keessatti kaʼaniif deebii quubsa ni kenna. Mee fakkeenyota armaan gadii ilaali.
HAMMEENYII FI RAKKINNI HEDDUUN ADDUNYAA KEESSA KAN JIRAATE MAALIIFI?
Waaʼeen hammeenyaa fi rakkinaa Kitaaba Qulqulluu keessatti balʼinaan ibsameera. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha:
-
‘Inni tokko warra kaan irratti moʼee isaan miidha.’—Lallaba 8:9.
Bulchiinsi namootaa gaʼumsaa hin qabnee fi mancaʼaa taʼe rakkina hedduu fideera.
-
‘Yeroonii fi walitti dhufuun hundumaa waliin gaʼa.’—Lallaba 9:11, hiika bara 1899.
Wantoonni utuu hin yaadamin gaʼan, dhukkubni cimaan, balaan tasa gaʼu ykn balaan uumamaa, eessattii fi yeroo kamitti iyyuu nama kam irra iyyuu gaʼuu dandaʼa.
-
“Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe.” —Roomaa 5:12.
Yeroo dhiirrii fi dubartiin jalqabaa uumamanitti cubbuu fi duuti hin jiru ture. Cubbuun ‘gara addunyaatti kan gale’ yeroo isaan taʼe jedhanii Uumaa isaaniitiif ajajamuu didanitti ture.
Taʼus, Kitaabni Qulqulluun kan dubbatu sababa namoonni itti dhiphatan qofa miti. Waaqayyo hammeenya akka balleessuu fi ‘imimmaan hundumaa ija isaanii irraa akka haqu, duutis kana booda akka hin jirre, gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda akka hin jirre’ abdii kenna.—Mulʼata 21:3, 4.
YEROO DUUNU MAAL TAANA?
Kitaabni Qulqulluun, duuti haala guutummaatti yaadaa fi sochii hin qabne akka taʼe ibsa. Lallabni 9:5, “Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan” jedha. Yeroo duunu ‘akeeki keenya ni bada.’ (Faarfannaa 146:4) Kanaaf, yeroo duunu qaamota miiraa keenyaa dabalatee, sochiin sammuu keenyaa hundi ni dhaabata. Kanaan kan kaʼes, duʼa booda, hojjechuu, dhagaʼuu ykn yaaduu hin dandeenyu.
Taʼus, Kitaabni Qulqulluun haala warri duʼan keessa jiran dubbachuu malees wanta raawwatu qaba. Abdii gammachiisaa namoonni duʼan duʼa isa hirriba cimaatti fakkeeffame keessaa akka dammaqan ibsu qabateera.—Hoseʼaa 13:14; Yohaannis 11:11-14.
KAAYYOON JIREENYAA MAALI DHA?
Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti, Waaqni keenya Yihowaan dhiiraa fi dubartii uume. (Uumama 1:27) Kanaaf, Addaam inni nama isa jalqabaa taʼe “ilma Waaqayyoo” jedhameera. (Luqaas 3:38) Namni kaayyoo itti uumame qaba; innis Abbaa isaa isa samii wajjin michummaa uumuudhaan, gammachuudhaan, akkasumas milkaaʼina argachuudhaan bara baraaf lafa irra akka jiraatuuf ture. Kana fiixaan baasuuf, ilmaan namootaa hundi dandeettii hafuuraa jechuunis fedhii waaʼee Waaqayyoo barachuu akka qabaatan godhamanii uumaman. Kitaabni Qulqulluun, “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha” kan jedhu kanaafi.—Maatewos 5:3.
Dabalataanis Kitaabni Qulqulluun, “Gammadoon . . . namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!” (Luqaas 11:28) Kitaabni Qulqulluun waaʼee Waaqayyoo akka barannu qofa utuu hin taʼin, yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa akka jiraannuu fi bara baraaf akka jiraannu abdii nuuf kenna.
Waaqayyo Inni Kitaaba Qulqulluu Barreessise Akka Isatti Dhihaattu Si Afeera
RAGAA jiru erga qoratanii booda, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman, Kitaabni Qulqulluun barreeffama bara durii qofa akka hin taane hubataniiru. Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo geggeessaa hafuura isaatiin barreeffame akka taʼee fi Waaqayyo siinis dabalatee namootaa wajjin karaa itti wal qunnamu akka taʼe ni amanu. Kitaabni Qulqulluun afeerraa Waaqayyo akka isa beektuu fi michuu isaa akka taatu siif dhiheesse qabateera. Kitaabichumti iyyuu abdii, “Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedhu kenna.—Yaaqoob 4:8.
Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuun kee carraa gaarii siif argamsiisa. Carraa akkamii? Kitaaba tokko yeroo dubbistu yaada nama kitaabicha barreesse sanaa akkuma hubattu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuun kees yaadaa fi miira Waaqayyo isa kitaaba kana barreessisee hubachuuf si gargaara. Mee, kana jechuun siif hiika maalii akka qabu yaadi. Ilaalchaa fi miira Uumaa keetii beekuu dandeessa jechuu dha! Dabalataanis, Kitaabni Qulqulluun wantoota armaan gadii ibsa:
-
Maqaa Waaqayyoo, eenyummaa isaa fi amalawwan isaa dinqisiisoo taʼan.
-
Kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu.
-
Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe.
Odeeffannoo dabalataa argachuu barbaaddaa? Dhugaa Baatonni Yihowaa si gargaaruuf fedhii qabu. Kitaaba Qulqulluu tola akka qoʼattu haala siif mijeessuu dandaʼu. Kunis, Yihowaa isa Kitaaba Qulqulluu barreessisetti caalaatti dhihaachuuf si gargaara.
Mata dureen kun, ragaalee Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame argisiisan muraasa dhiʼeessa. Odeeffannoo dabalataa argachuu yoo barbaadde, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonna 2ffaa ilaali. Weeb saayitii www.pr418.com/om irraa argachuu ykn koodii kana dubbisiisuu dandeessa
Akkasumas viidiyoo Kitaaba Qulqulluu kan Barreessise Eenyu Dha? jedhuu fi www.pr418.com/om irratti argamu ilaaluu dandeessa
WANTOOTA QOPHAAʼAN > VIIDIYOO jalaa ilaali
^ key. 10 Kitaaba Qulqulluu keessatti Waaqayyo maqaa isaa isa Yihowaa jedhamuun ibsameera.—Faarfannaa 83:18, NW.