Maxxansa Dammaqaa! Kana Keessatti: Kitaabni Qulqulluun Jireenya Kee Fooyyessuu ni Dandaʼaa?
Kitaaba Bara Durii Yeroo Ammaatti Fayyadu
Kitaabni Qulqulluun kitaaba amantaa qofa miti. Dhimmoota armaan gadii dabalatee dhimmoota garaa garaarratti gorsa yeroo hundumaa nu fayyadu nuuf kenna:
Fayyaa qaamaa
Fayyaa sammuu
Jireenya maatii fi michummaa
Itti fayyadama maallaqaa
Karaa hafuuraa
Kitaaba Hundumaa Caalaa Fayyadu
Kitaabni Qulqulluun jaarraawwan hedduudhaaf jireenyi namootaa akka fooyyaʼu gargaaraa tureera. Yeroo harʼaatti Kitaabni Qulqulluun afaan kumaan lakkaaʼamuun argama. Gorsa gaarii kitaabni kun kennurraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.