GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU
Ijoollee Keessan Waaʼee Saalqunnamtii Barsiisaa
HAALA RAKKISAA
Waggoota kudhaniin lakkaaʼaman dura, warri yeroo jalqabaatiif waaʼee saalqunnamtii ijoollee isaaniitti himuuf carraa gaarii qabu turan. Achiis, umurii ijoollee isaanii fi wanta isaan barbaachisu irratti hundaaʼuudhaan suuta suuta isaaniif ibsu turan.
Kun hundi amma jijjiirameera. Kitaabni The Lolita Effect jedhamu akkana jedheera: “Ijoolleen, xinnummaa isaaniitii eegalee ergaawwan fedhii saalaa kakaasan isaaniif ergamu, akkasumas sabqunnamtii ijoollee keessatti qabiyyeen dhimma kana irratti xiyyeeffatu dabalaa jira.” Kun ijoollee ni fayyada moo ni miidha?
WANTA BEEKUU QABDAN
Wantoonni qabiyyee gadhiisii qaban baayʼataniiru. Dibooraa Roofman kitaaba ishii Talk to Me First jedhamu irratti akkana jetteetti: “Dubbiin namootaa, beeksisni, fiilmiin, kitaabonni, walaloowwan sirbaa, qophiileen televizyinii, barreeffamoonni, taphoonni, gabateewwan beeksisaa, bilbillii fi koompiitarri, fakkiiwwan, akkasumas akkaataa dubbii fedhii saalaa kakaasuu fi naamusa hin qabneen kan guutaman taʼuun isaanii, [dargaggoonni, ijoolleen, darbees daaʼimman] baayʼeen utuu hin beekin xumura . . . saalqunnamtiin baayʼee barbaachisaa dha jedhu irra akka gaʼan gochaa jira.”
Sirni daldalaa hamma tokko gumaacha godheera. Beeksistoonnii fi daldaltoonni uffata fedhii saalaa kakaasu ijoolleedhaaf qopheessuudhaan, xinnummaa isaaniitii kaasee bifa isaaniitiif xiyyeeffannaa addaa akka kennan isaan leenjisu. Kitaabni So Sexy So Soon jedhamu akkana jedheera: “Daldaltoonni, ijoolleen fudhatama argachuu fi hiriyoota isaanii fakkaachuu akka barbaadan waan beekaniif isaanitti fayyadamu. Fakkiiwwanii fi oomisha fedhii saalaa kakaasan kanatti kan fayyadaman ijoolleen wanta haaraa akka hawwan gochuuf qofa dha.”
Odeeffannoo kennuun qofti gaʼaa miti. Konkolaataan akkamitti akka hojjetu beekuu fi konkolaachisaa gaarii taʼuu gidduu garaa garummaan akkuma jiru, waaʼee saalqunnamtii beekuu fi beekumsa kanatti fayyadamuudhaan murtoo gaarii gochuu gidduu garaa garummaan jira.
Dhugaa jiru: Yeroo harʼaatti yeroo kam iyyuu caalaa, ijoolleen keessan “wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuu” akka dandaʼaniif “dandeettii hubannaa” isaanii akka leenjisan gargaaruu qabdu.”—Ibroota 5:14.
WANTA GOCHUU DANDEESSAN
Irratti hirmaadhaa. Kan nama saalfachiisu taʼus, ijoollee keessanitti waaʼee saalqunnamtii himuun itti gaafatamummaa keessani dha. Amanaa fudhadhaa.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 22:6.
Maree gaggabaabaa godhaa. Takkaatti yeroo dheeraadhaaf haasaʼuu mannaa, sochii guyyaa guyyaa keessatti, tarii konkolaataadhaan yeroo waliin deemtan ykn hojii mana keessaa yeroo waliin hojjetan haasaʼaa. Mucaa keessan gaaffii ilaalcha isaa akka ibsu godhu gaafadhaa. Fakkeenyaaf, “Beeksisni fedhii saalaa kakkaasu akkasii si hawwataa?” jechuu mannaa, “Beeksistoonni miʼa isaanii gurguruuf fakkiiwwan akkasiitti kan fayyadaman maaliifi?” jettanii gaaffachuu dandeessu. Mucaan keessan erga isinii deebisee booda, “Waaʼee kanaa maaltu sitti dhagaʼama?” jedhaa gaafadhaa.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Keessa Deebii 6:6, 7.
Leenjii umurii isaaniitiif taʼu kennaa. Daaʼimman mana barumsaa hin galle maqaa sirrii qaama wal hormaataa fi namoota miidhaa saalaa isaan irraan gaʼan irraa akkamitti of eeguu akka dandaʼan barsiisuu dandeessu. Umuriin isaanii yeroo dabalus waaʼee wal hormaataa wantoota buʼuuraa barsiisuun ni dandaʼama. Dargaggummaatti yommuu seenan immoo saalqunnamtii ilaalchisee wantoota qaamaa fi naamusaa wajjin wal qabatan caalaatti hubachuu qabu.
Naamusa barsiisaa. Ijoollee keessan xinnummaadhaa kaasee waaʼee amanamummaa, ejjennoo qabaachuu fi kabajaa barsiisuu irraa jalqaba. Sana booda, waaʼee saalqunnamtii yommuu mariʼattan buʼuura gaarii qabaattu. Naamusa itti amantanis ifatti dubbadhaa. Fakkeenyaaf, saalqunnamtiin gaaʼela dura raawwatamu dogoggora akka taʼe amantu taanaan, kana isaanitti himaa. Dogoggora kan taʼe ykn miidhaa kan geessisu maaliif akka taʼes isaaniif ibsaa. Kitaabni Beyond the Big Talk jedhamu akkana jedheera: “Dargaggoonni, warri isaanii saalqunnamtiin dargaggummaatti raawwatamu dogoggora akka taʼetti akka ilaalan beekan, carraan saalqunnamtii raawwachuuf qaban dhiphaa dha.”
Fakkeenya taʼaa. Naamusa isaan barsiistan hojii irra olchaa. Fakkeenyaaf, qoosaa gadheetti ni kolfituu? Uffata fedhii saalaa kakaasu ni uffatuu? Ni kolomsituu? Gochawwan akkasii ijoolleen naamusa isaan barsiisuuf yaaltaniif iddoo guddaa akka hin kennine godhu.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Roomaa 2:21.
Ilaalcha gaarii qabaadhaa. Saalqunnamtiin iddoo sirriitti, jechuunis gaaʼela keessatti itti fayyadamaan kennaa Waaqayyoo madda gammachuu guddaa taʼuu dandaʼu dha. (Fakkeenya 5:18, 19) Ijoolleen keessan miidhaa fi yaaddoo gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun fidu utuu isaan hin mudatin, yeroo booda kennaa kanatti gammaduu akka dandaʼan beekuu qabu.—1 Ximotewos 1:18, 19.