Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo ilmaan namootaatii fi lafaaf yeroo gaariin akka dhufu waan abdii kenneef, raajiin Saʼaatii Guyyaa Badiisaa ilaalchisee dubbatame hin raawwatamu

MATA DUREE FUULA JALQABAA | ADDUNYAAN TOʼANNAADHAA ALA TAʼAA JIRAA?

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

HAALA sodaachisaa addunyaan yeroo ammaatti keessatti argamu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun jaarraa hedduu dura raajii dubbatee ture. Dabalataanis, Kitaabni Qulqulluun keessattuu ilmaan namootaatiif yeroo gaariin akka dhufu dubbata. Wantoonni Kitaabni Qulqulluun kanaan dura dursee dubbate haala nama dinqisiisuun raawwii isaanii waan argataniif, yaadni kun waan taʼu miti jennee murteessuuf ariifachuu hin qabnu.

Fakkeenyaaf, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadii haa ilaallu:

  • “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; hanqinni nyaataa, akkasumas bakka garaa garaatti kirkirri lafaa ni taʼa.”—Maatewos 24:7.

  • “Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe [ni dhufa]. Sababiin isaas namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, kan nama arrabsan, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, kooraan kan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu.”—2 Ximotewos 3:1-4.

Raajiiwwan kun akkuma namoonni tokko tokko jedhanitti addunyaan haala toʼannaadhaa ala taʼeen mancaʼaa akka dhufe argisiisu. Gama tokkoon addunyaan toʼannaadhaa ala taʼeera; jechuunis toʼannaa ilmaan namootaatiin ala taʼeera. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti garuu, ilmaan namootaa furmaata bara baraa kennuuf ogummaas taʼe humna hin qaban. Yaanni kun caqasoota armaan gadii keessatti ifatti ibsameera:

  • “Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa duʼaa ti.”—Fakkeenya 14:12.

  • “Yeroon inni tokko warra kaan irratti moʼee isaan [miidhu] jira.”—Lallaba 8:9.

  • “Namni . . . karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin [dandaʼu].”—Ermiyaas 10:23.

Ilmaan namootaa wanta barbaadan hunda raawwachuu isaanii yoo itti fufan, addunyaan gaagaʼamuun isaa waan hin oolle dha. Haa taʼu malee kun waan taʼu miti! Maaliif? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha:

  • Waaqayyo “lafa hundee isaa irra [dhaabe], innis yeroo hundumaa baruma baraan iddoo isaatii hin butatu.”—Faarfannaa 104:5.

  • “Dhaloonni tokko in darba, dhaloonni biraas in dhufa; lafti garuu yeroo hundumaaf dhaabatee in hafa.”—Lallaba 1:4.

  • “Warri qajeelonni biyya in qabaatu [“ni dhaalu,” hiika bara 1899] yeroo hundumaafis keessa in taaʼu.”— Faarfannaa 37:29.

  • “Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu.”— Faarfannaa 72:16.

Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu kun deebii ifa taʼe kennu. Ilmaan namootaa faalama qilleensaatiin, hanqina nyaataa fi bishaaniitiin ykn dhukkuba daddarbaa guutummaa addunyaa irratti dhufuun haxaaʼamanii hin balleeffaman. Addunyaan dhumaatii nuukileeriin geessisuunis hin barbadaaʼu. Maaliif? Yeroo gara fuulduraa pilaaneetii keenyaa kan toʼatu Waaqayyo waan taʼeefi dha. Waaqayyo ilmaan namootaatiif mirga filannaa isaaniitti akka fayyadaman isaaniif heyyameera. Taʼus buʼaa murtoo isaan godhan isaan irraan gaʼu ni haammatu. (Galaatiyaa 6:7) Addunyaan akka baabura karaa isaa irraa kaatee, guutummaatti toʼannaadhaa ala taʼee fi gara xumura gaagaʼamaatti deemaa jiruu miti. Waaqayyo ilmaan namootaa badiisaa fi miidhaa of irraan gaʼaniif daangaa kaaʼeera.—Faarfannaa 83:18; Ibroota 4:13.

Waaqayyoo kana caalaa gochuufis karoorfateera. Inni ‘nagaa guutuun’ akka dhufu ni godha. (Faarfannaa 37:11) Ilaalchi qajeelaan mata duree kana keessatti ibsame, wantoota baayʼee gaarii gara fuulduraatti dhufuuf jiran keessaa baayʼee muraasa isaanii akka taʼe, Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyonaan lakkaaʼaman qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaanii irraa barataniiru.

Dhugaa Baatonni Yihowaa hawaasa guutummaa addunyaatti argaman, dhiiraa fi dubartii umurii hunda irratti argaman, akkasumas gosa hundaa keessaa dhufani dha. Waaqa dhugaa tokkicha, Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi maqaan isaa Yihowaa jedhamu waaqeffatu. Kitaabni Qulqulluun waan akkana jedhuuf wanti gara fuulduratti dhufuuf jiru isaan hin sodaachisu: “Waaqayyo inni bantiiwwan waaqaa uume, inni Waaqayyoo dha; inni lafa bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee, bifa hin qabnee fi onaa akka taʼuuf hin uumne; inni, ‘Ani Waaqayyoo dha, ana malee kan biraa hin jiru’ [jedheera].”—Isaayaas 45:18.

Mata dureen kun waaʼee gara fuulduraa lafaa fi ilmaan namootaa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu tokko tokko ibsa. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, birooshura Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu barumsa 5 ilaali; weebsaayitii www.pr418.com/om irrattis ni argama

Akkasumas viidiyoo Waaqayyo Lafa kan Uume Maaliifi? www.pr418.com/om jedhu ilaaluu dandeessa (WANTOOTA QOPHAAʼAN > VIIDIYOOWWAN jalaa argama)