Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abdii Dhugaa Eessaa Argachuu Dandeessa?

Abdii Dhugaa Eessaa Argachuu Dandeessa?

Abdii Dhugaa Eessaa Argachuu Dandeessa?

SAʼAATIIN kee hojjechuu dideera; kan cabe taʼuu hin oolu. Yommuu hojjechiisuuf yaaddu filannoo hedduun si mudate. Beeksisawwan hedduun saʼaatii akka suphan amanannaadhaan dubbatu, taʼus isaan keessaa tokko tokko wanti isaan dubbatan wal faallessa. Haa taʼu malee, waggoota hedduu dura saʼaaticha kan hojjete ollaa kee dandeettii qabu tokko akka taʼe yoo beekte hoo? Kana malees, inni saʼaatii kee tola suphuuf fedhii akka qabu hubatte. Amma eenyuun akka filattu ifadha mitii?

Mee amma saʼaaticha abdii qabdu wajjin walbira qabii ilaali. Yeroo rakkisaa kanatti akkuma namoota hedduu abdiin qabdu badeera taanaan gargaarsaaf garamitti garagaluu dandeessa? Namoonni hedduun rakkina kana furuu akka dandaʼan dubbatu, yaanni isaan kennan garuu kan nama burjaajessuu fi wal faalleessu taʼuu dandaʼa. Yoos qaama ilmaan namootaa dandeettii abdii qabaachuu akka qabaatan godhee uume irraa gargaarsa maaliif hin argattu? Kitaabni Qulqulluun, “Inni tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo miti” jedha; nu gargaaruufis fedhii guddaa qaba.​—Hojii Ergamootaa 17:27; 1 Pheexiros 5:7.

Hiika Balʼaa Abdiidhaaf Kenname

Kitaabni Qulqulluun yaada baramaa yeroo harʼaa doktaroonni, saayintistoonni fi saayikoolojistoonni dubbatan caalaa ibsa balʼaa kenna. Afaan jalqabaa Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen jechi “abdii” jedhamee hiikame hawwiidhaan eeguu fi wanta gaarii abdachuu jechuu dha. Akka walii galaatti abdiin wantoota lama of keessatti qabateera. Kunis wanta gaarii hawwuu fi wanti gaariin sun ni dhufa jedhanii amanuuf buʼuura qabaachuu dabalata. Abdiin Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame hawwii buʼuura hin qabne miti. Buʼuura cimaa dhugaa fi ragaa irratti hundaaʼe qaba.

Gama kanaan abdiin, amantii isa wanta qabatamaa hin taane irratti utuu hin taʼin, ragaa qabatamaa irratti hundaaʼe wajjin wal fakkaata. (Ibroota 11:⁠1) Taʼus Kitaabni Qulqulluun amantii fi abdii gidduu garaagarummaan akka jiru ibsa.​—1 Qorontos 13:13.

Fakkeenyaan ibsuuf, michuun kee amantu tokko wanta tokko akka siif godhu yommuu gaafattu, wanta kana akka siif godhu ni abdatta. Abdiin kee buʼuura kan hin qabne miti; sababiin isaas michuu kee akka gaariitti beekta, gochawwan gaarummaa fi arjummaa inni kanaan dura raawwate waan argiteefis isa irratti amantii qabda. Abdiin kee fi amantiin kee walitti dhufeenya cimaa kan qabu taʼus, wantoota adda adda taʼani dha. Waaqayyo irratti abdii akkasii qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

Wanta Abdiidhaaf Buʼuura Taʼu

Waaqayyo madda abdii dhugaa ti. Bara duriitti Yihowaan “abdii Israaʼel” jedhameera. (Ermiyaas 14:⁠8) Abdii amansiisaan sabni isaa qaban hundi isa biraa kan argame dha; kanaafuu, inni abdii isaanii ture. Abdiin akkasii akkasumaan wanta tokko hawwuu jechuu miti. Waaqayyo abdii isaaniitiif buʼuura cimaa isaaniif kennee ture. Isaan wajjin haala walqabateen waggoottan dhibbaan lakkaaʼamaniif, waadaa gale akka eegu argisiiseera. Geggeessaan isaanii Iyyaasuun akkas isaaniin jedheera: “Waadaawwan gaggaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif gale hundumaa keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin akka hin hafne . . . akka gaariitti beektu.”​—Iyyaasuu 23:⁠14.

Waggoottan kumaan lakkaaʼaman boodas yaanni kun amma iyyuu dhugaa dha. Kitaabni Qulqulluun waadaawwan dinqisiisoo Waaqayyo kennee fi raawwii isaanii ilaalchisee seenaa hedduu qabateera. Waadaawwan inni kenne baayʼee amansiisoo waan taʼaniif, yommuu dubbatamanitti akka waan raawwatamanitti ibsamaniiru.

Kitaabni Qulqulluun kitaaba abdiiti jechuu kan dandeenyu kanaafi. Hariiroo Waaqayyo ilmaan namootaa wajjin qabu ilaalchisee seenaa jiru yommuu qoʼattu, caalaatti isa irratti abdii qabaachuuf kakaata. Phaawulos ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Jabaannee dhaabbachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.”​—Roomaa 15:⁠4.

Waaqayyoo Abdii Akkamii Nuuf Kenneera?

Abdiin baayʼee akka nu barbaachisu kan nutti dhagaʼamu yoomi? Yeroo duuti nu mudatutti mitii? Taʼus, namoonni hedduun yommuu nama jaallatan duʼaan dhabanitti abdii akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Kana malees, duʼa caalaa wanti nama abdii kutachiisu jiraa? Duuti utuu wal irraa hin kutin tokkoon tokkoon keenya ariʼaa jira. Yeroo baayʼee amanne fudhachuu baannus yeroo nutti dhufu garuu hambisuu hin dandeenyu. Kitaabni Qulqulluun duʼa “diina isa dhumaa” jedhee ibsuun isaa sirriidha.​—1 Qorontos 15:26.

Kanaafuu, yeroo duuti nu mudatu abdii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Caqasni Kitaaba Qulqulluu duuti diina isa dhumaa akka taʼe dubbatu, akka ‘balleeffamus’ ni ibsa. Yihowaan duʼa caalaa humna guddaa qaba. Kanas, yeroo baayʼee mirkaneesseera. Akkamitti? Warra duʼan duʼaa kaasuudhaani. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo namoota duʼan duʼaa kaasuuf yeroo adda addaa sagal humna isaatti akka fayyadame ni ibsa.

Isaan keessaa inni guddaan Yihowaan Ilmi isaa Yesuus michuu isaa Alaazaar isa guyyaa afuriif duʼee ture duʼaa akka kaasu humna isaaf kennuu isaa kan ibsu dha. Yesuus kana kan godhe dhoksaadhaan utuu hin taʼin, ifatti namoota hedduu fuulduratti dha.​—Yohaannis 11:38-​48, 53; 12:​9, 10.

‘Namoonni duʼan sun duʼaa kan kaafaman maaliifi? Isaan dulloomanii deebiʼanii duʼaniiru mitii?’ jettee of gaafatta taʼa. Eeyyee duʼaniiru. Taʼus, seenaawwan waaʼee duʼaa kaʼuu amansiisoo taʼan akkasiitiin kan kaʼe namoonni jaallannu deebiʼanii akka jiraatan abdii amansiisaa qabaachuu dandeenya. Eeyyee, duʼaa akka kaʼan amanuuf ragaa quubsaa qabna. Jecha biraatiin abdii dhugaa qabna.

Yesuus, “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana” jedheera. (Yohaannis 11:25) Yihowaan addunyaa maratti namoota duʼaa akka kaasu humna kan kenne isaafi. Yesuus akkas jedheera: ‘Saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼanii fi awwaala keessaa itti baʼan ni dhufa.’ (Yohaannis 5:​28, 29) Eeyyee, warri awwaala keessa rafanii jiran hundi lafa jannata taatu irra jiraachuuf deebiʼanii duʼaa kaʼuuf abdii qabu.

Isaayyaas raajichi duʼaa kaʼuu ilaalchisee yaada garaa namaa tuqu kana dubbateera: “Namoonni kee warri duʼan deebiʼanii ni jiraatu. Reeffawwan koos ni kaʼu. Isin warri biyyoo keessa jiraattan, dammaqaa, ililchaas! Sababiin isaas, fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti, laftis warri duʼaan moʼaman gara jireenyaatti akka deebiʼan ni gooti.”​—Isaayyaas 26:19.

Kun kan nama jajjabeessu mitii? Namoonni duʼan akkuma daaʼima gadameessa haadha isaa keessa jiruu iddoo amansiisaa keessa jiru. Eeyyee, warri duʼanii awwaalcha keessa jiran yaadannoo Waaqayyo hundumaa dandaʼuu isa daangaa hin qabne keessatti eegamanii jiru. (Luqaas 20:37, 38) Akkasumas dhiheenyatti gara jireenyaatti kan deebiʼan siʼa taʼu, akkuma daaʼima reefu dhalatee maatii isaatiin simannaan isaaf godhamutti, isaanis gammachuudhaan simatamu. Kanaafuu, yeroo duuti nu mudatutti illee abdii qabaachuu dandeenya.

Abdiin Maal Siif Raawwata?

Phaawulos faayidaa abdiin qabu waan hedduu barsiiseera. Inni abdiin meeshaa waraanaa hafuuraa isa guddaa, jechuunis baarmeexaa sibiilaa akka taʼe ibseera. (1 Tasalonqee 5:⁠8) Maal jechuu isaa ture? Bara duriitti loltuun tokko waraana irratti baarmeexaa huccuu ykn gogaa irraa tolfame irratti baarmeexaa sibiilaa kaaʼata ture. Baarmeexaan sibiilaa kun wantoonni darbataman mataa isaa irratti miidhaa utuu hin geessisiin akka deebiʼan godha. Wanti Phaawulos ibsuu barbaade maali? Akkuma baarmeexaan sibiilaa mataadhaaf eegumsa godhu abdiinis sammuu, jechuunis dandeettii yaaduu keenyaaf eegumsa godha. Kaayyoo Waaqayyoo irratti abdii cimaa kan qabdu yoo taʼe, yommuu rakkinni si mudatu sodaadhaan ykn abdii kutachuudhaan nagaa sammuu kee hin dhabdu. Nu keessaa baarmeexaa akkasii kan hin barbaanne eenyudha?

Phaawulos abdii fedha Waaqayyoo irratti hundaaʼe ibsuuf fakkeenya kan biratti fayyadameera. “Abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu kana qabna” jedhee barreessera. (Ibroota 6:​19) Phaawulos yeroo tokkoo ol balaa doonii irraa waan ooleef faayidaa qofoo doonii akka gaariitti beeka. Yommuu obomboleettiin isaan mudatu hojjettoonni doonii qofoo doonii isaanii gadi buusu. Qofoon doonii lafa galaana jala jiru ciniinee yeroo qabutti, doonichi obomboleettiidhaan oofamee dhagaa qarqara galaanaa jirutti akka hin rukutamne isa eega.

Haaluma walfakkaatuun, abdiin Waaqayyo nuuf kenne “jabaa fi amansiisaa” yoo nuuf taʼe, yeroo rakkisaa keessa jabaannee dhaabbachuu fi keessa darbuuf nu gargaara. Yihowaan yeroon waraanni, yakki, gaddi ykn duuti itti hin jiraanne dhiheenyatti akka dhufu abdii kenneera. (Saanduqa fuula 10 irra jiru ilaali.) Abdii kana jabeessinee qabachuun keenya naamusa dogoggoraa yeroo harʼaa addunyaa maratti babalʼatee jiruuf harka kennuu mannaa, ulaagaa Waaqayyootiin akka jiraannu nu jajjabeessuudhaan balaa irraa nu eeguu dandaʼa.

Kana malees, abdiin Yihowaan kenne siinis dhuunfaatti si ilaallata. Inni jireenya inni siif yaade akka jiraattu barbaada. Fedhiin isaa “akaakuun namootaa hundi” akka fayyani dha. Akkamitti? Jalqaba irratti, tokkoon tokkoon namaa “beekumsa dhugaa isa sirrii” argachuu qaba. (1 Ximotewos 2:⁠4) Maxxansitoonni barreeffama kanaa waaʼee dhugaa dubbii Waaqayyoo beekumsa jireenya siif argamsiisu akka argattu si jajjabeessu. Kana gochuu keetiin abdiin Waaqayyo siif kennu abdii addunyaan kun siif kennu kam irra iyyuu kan caalu dha.

Abdii akkasii qabda taanaan, gargaarsa akka hin qabne sitti hin dhagaʼamu. Sababiin isaas, Waaqayyo galmawwan kee isa fedhii isaa wajjin wal simu bira gaʼuuf jabina si barbaachisu siif kenna. (2 Qorontos 4:7; Filiphisiyus 4:​13) Maarree, kan si barbaachisu abdii akkasii mitii? Kanaafuu abdiin kan si barbaachisu yoo taʼee fi abdii kanas barbaadaa jirta yoo taʼe onnadhu. Abdiin sitti dhihoo jira, argachuus ni dandeessa!

[Saanduqa/Fakkii]

Wantoota Abdiidhaaf Buʼuura Taʼan

Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu kun abdii kee guddifachuuf si gargaaruu dandaʼu:

◼ Waaqayyo yeroo gaariin akka dhufu waadaa galeera.

Dubbiin isaa guutummaan lafaa jannata akka taatu, akkasumas ilmaan namootaa gammadoo fi tokkummaa qabaniin akka guutamtu dubbata.​—Faarfannaa 37:11, 29; Isaayyaas 25:8; Mulʼata 21:​3, 4.

Waaqayyo sobuu hin dandaʼu.

Inni soba akkamii iyyuu ni jibba. Yihowaan guutummaatti qulqulluu dha, kanaafuu sobuu hin dandaʼu.​—Fakkeenya 6:​16-​19; Isaayyaas 6:​2, 3; Tiitoo 1:2; Ibroota 6:​18.

Waaqayyo humni isaa daangaa hin qabu.

Hundumaa kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. Uumama cufa keessatti waadaa gale akka hin raawwanne wanti isa dhowwuu dandaʼu hin jiru.​—Baʼuu 15:11; Isaayyaas 40:25, 26.

Waaqayyo bara baraaf akka jiraattu barbaada.

​—Yohaannis 3:​16; 1 Ximotewos 2:​3, 4.

Waaqayyo Abdii nutti hin kutatu.

Inni hirʼinaa fi dadhabina qabnu irratti utuu hin taʼin, amalawwan gaggaarii qabnu irratti xiyyeeffachuu filata. (Faarfannaa 103:12-​14; 130:3; Ibroota 6:​10) Inni wanta sirrii akka goonu abdata, yeroo goonus ni gammada.​—Fakkeenya 27:11.

Waaqayyo galma kee irra akka geessu si gargaaruuf waadaa galeera.

Tajaajiltoonni isaa matumaa gargaarsa akka hin qabne itti dhagaʼamuu hin qabu. Waaqayyo nu gargaaruuf hafuura qulqulluu isaa isa humna hunda irra caalu qabu arjummaadhaan nuu kenna.​—Filiphisiyus 4:​13.

Waaqayyotti amanamuun matumaa gatii kan hin qabne miti.

Inni guutummaatti amanamaa waan taʼeef matumaa si hin dhiisu.​—Faarfannaa 25:3.

[Fakkii]

Baarmeexaan sibiilaa mataadhaaf akkuma eegumsa godhu, abdiinis sammuudhaaf eegumsa godha

[Fakkii]

Akkuma qofoo doonii, abdiin buʼuura cimaa qabu tasgabbii namaaf argamsiisa

[Madda]

Courtesy René Seindal/Su concessione del Museo Archeologico Regionale A. Salinas di Palermo