Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abdiin Kan Nu Barbaachisu

Abdiin Kan Nu Barbaachisu

Abdiin Kan Nu Barbaachisu Maaliifi?

DAANIʼEL inni jalqaba mata duree darbe irratti ibsame utuu abdii isaa eeggateera taʼee maaltu taʼa? Kaansarii isaa irraa ni fayya turee? Yeroo harʼaatti lubbuudhaan ni jiraata turee? Namoonni abdiin fayyaadhaaf gumaacha akka godhu cimsanii amanan illee yaada kana hin deggeran. Kun qabxii baayʼee barbaachisaa taʼe dha. Humni abdiin qabu arbeeffamee ilaalamuu hin qabu. Abdiin qoricha waan hundumaa fayyisu miti.

Doktar Naataan Cheernii gaafannoo CBS Niiwus wajjin godhan irratti, namoota garmalee dhukkubsatan ilaalchisee humna abdiin qabu arbeessuun balaa inni qabu akka itti aanutti akeekkachiisaniiru: “Abbootiin manaa, haadhotiin manaa isaanii gad fageenyaan akka hin xiinxalle, jechuunis ilaalcha gaarii qabaachuuf carraaqqii akka hin goone isaan komatan nu mudataniiru.” Itti dabaluudhaan akkas jedhaniiru: “Yaadni akkasii ilaalcha dogoggoraa namni tokko dhukkuba isaa toʼachuu ni dandaʼa jedhu uumeera. Kana jechuun, dhukkubichi yommuu itti hammaachaa deemu, namni kun dhukkuba isaa toʼachuuf carraaqqii gaʼaa hin goone akka jechuu ti; kun immoo ilaalcha sirrii miti.”

Dhugaa dubbachuuf, namoonni dhukkuba cimaa wajjin waldhaansoo godhan, waraana humna baayʼee fi carraaqqii cimaa gaafatu irratti hirmaachaa jiru. Namoonni isaan jaallatan baʼaa ulfaataa isaan baatan irratti miirri balleessaa akka isaanitti dhagaʼamu matumaa hin barbaadan. Kanaafuu, abdiin gatii hin qabu jechuu dhaa?

Matumaa akkas jechuu miti. Fakkeenyaaf, doktarumti kun dhibee fi mallattoo dhukkubbii yaaluu irratti ispeeshaalaayizii godhaniiru. Yaaliin kun dhukkuba fayyisuu ykn umurii dhukkubsataa dheeressuu utuu hin taʼin, hamma dhukkubichi jirutti jireenya dhukkubsatichaa mijataa fi gaarii gochuu irratti xiyyeeffata. Doktarri kun utuu namni tokko baayʼee dhukkubsatee jiruu gammachuu akka qabaatu yaalii isaaf godhamutti baayʼee amana. Gammachuun sammuun keenya nagaa akka argatuu fi wantoota kan biroo gochuu akka dandaʼu ragaawwan argisiisan hedduun jiru.

Faayidaa Abdiin Qabu

Doktar Jiifoordi Joonsi inni gaazexessaa yaalii fayyaa taʼe, “Abdiin yaalii fayyaa humna guddaa qabu dha” jedheera. Inni qorannoowwan duraan godhamanii fi faayidaa gama miiraatiin nama dhukkubsateef gargaarsa gochuun qabu hubachuuf godhaman ilaaleera. Gargaarsi akkasii namoonni abdii fi ilaalcha gaarii akka qabaatan akka isaan gargaaru yaadama. Qorannoon bara 1989tti godhame tokko dhukkubsattoonni gargaarsa akkasii argatan umurii dheeraa akka jiraatan ibseera. Qorannoowwan dhiheenyatti godhaman garuu faayidaa gargaarsi kun qabu hamma duraanii mirkanaaʼaa miti. Haa taʼu malee, dhukkubsattoonni gargaarsa miiraa argatan dhiphinnii fi dhukkubbiin isaanitti dhagaʼamu warra hin arganne irra akka hirʼatu qorannoowwan ni argisiisu.

Mee qorannoo kan biraa dhukkuba onnee (CHD) wajjin haala wal qabateen abdii qabaachuu fi qabaachuu dhiisuun gaʼee inni qabu argisiisu haa ilaallu. Dhiirota 1,300 ol irratti jireenya ilaalchisee abdii qabaachuu fi qabaachuu dhiisuu isaanii qorannoon godhamee ture. Qorannoon waggaa kudhan booda namootuma kana irratti godhame dhiironni dhibbeentaa 12 taʼan dhukkuba onnee tokko tokkoon akka qabaman argisiiseera. Namoota kana keessaa warri abdii hin qabne warra abdii qaban harka lamaan caalanii turan. Laawuraa Kubzaaniskii inni mana barumsaa yaalii fayyaa Haarvaarditti fayyaa fi amala hawaasaa irratti gargaaraa piroofeesaraa taʼe akkas jedheera: “‘Ilaalcha gaarii qabaachuun’ fayyaaf gaariidha yaada jedhu ilaalchisee ragaawwan argaman hedduun, yaadni kun qorannoo saayinsii irratti utuu hin taʼin, madda odeeffannoo kan biroo irratti akka hundaaʼe argisiisu. Ilaalcha gaarii qabaachuun dhukkuba onneetiif gaarii taʼuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee qorannoon kun ragaa quubsaa qabateera.”

Qorannoowwan tokko tokko akka argisiisutti namoonni haalli fayyaa isaanii gaarii akka hin taanetti yaadan yommuu yaaliin fayyaa baqaqsanii hodhuu isaaniif godhamu, namoota haalli fayyaa isaanii gaarii akka taʼe yaadan caalaa carraan isaan dafanii itti dammaqan gad aanaa dha. Umurii dheeraa jiraachuun iyyuu abdii qabaachuu wajjin wal qabata. Qorannoon tokko maanguddoonni dullumaaf ilaalcha gaarii qabaachuu fi dhiisuun isaanii dhiibbaa akkamii akka isaan irratti godhu gamaaggameera. Maanguddoonni, ergaa gabaabaa dullumni ogummaa fi muuxannoo isaanii akka dabalu ibsu yommuu argan, sana booda ciminnii fi humni isaanii dabalee argameera. Siruma iyyuu fooyyaʼiinsi godhan kun sagantaa sochii qaamaa torban 12 wajjin wal qixa dha.

Abdii, amanannaa fi ilaalchi sirriin fayyummaa keenyaaf faayidaa kan qaban kan fakkaatan maaliifi? Saayintistoonnii fi doktaroonni deebii quubsaa kennuuf hamma yoonaatti sammuu fi qaama namaa akka gaariitti hin hubanne taʼa. Taʼus, hayyoonni tilmaama beekumsa irratti hundaaʼe kennuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Piroofeesarri sirna narvii irratti qorannoo godhu tokko akkas jedheera: “Gammachuu fi abdii qabaachuun wanta namatti tolu dha, yommuu gammadnu baayʼee hin dhiphannu, akkasumas haala kana keessatti qaamni keenya fayyummaa qabaata. Kun wanta dabalataa namoonni fayya buleeyyii taʼanii itti fufuuf isaan barbaachisu dha.”

Yaadni kun doktaroota, ogeessota xiinsammuu fi saayintistoota tokko tokkoof haaraa taʼuu dandaʼa; barattoota Kitaaba Qulqulluutiif garuu akkas miti. Gara waggaa 3000 dura Solomoon inni ogeessa taʼe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee akkas jedhee barreesseera: “Garaan gammade qoricha gaarii dha, hafuurri cabe garuu humna namaa laaffisa.” (Fakkeenya 17:22) Yaada madaallii isaa eegee fi as irratti argamu hubadhu. As irratti “garaan gammade” dhibee hundumaa fayyisa akka hin jenne hubadhu, kanaa mannaa “qoricha gaarii dha” jedha.

Siruma iyyuu abdiin qoricha yoo taʼe, ‘doktarri qoricha kana namaaf hin ajajne jiraa?’ jennee gaafanna taʼa. Kana malees abdiin fayyummaa keenya irra darbee faayidaa dabalataa qaba.

Abdii Qabaachuu, Abdii Dhabuu fi Jireenya Kee

Qorattoonni namoonni abdii qaban, ilaalcha sirrii qabaachuudhaan karaawwan hedduudhaan akka fayyadaman hubataniiru. Mana barumsaatti, bakka hojiitti, ispoortii irratti illee caalaatti buʼa qabeeyyii taʼu. Fakkeenyaaf, dubartoota garee fiigichaa tokko keessa jiran irratti qorannoon godhamee ture. Leenjisaan isaanii dandeettii dubartoonni atleetiksii irratti qaban madaalee ture. Yeroo kanatti dubartoota kanaaf gaaffiin tokko tokko kan dhihaate siʼa taʼu, abdiin isaan qaban hammam akka taʼes ilaalameera. Qorannoon kun abdiin dubartoonni kun qaban, qabxii leenjisaan isaanii isaan madaaluuf qabe caalaa dandeettii isaanii sirriitti beekuuf gargaareera. Abdiin humna cimaa akkasii kan qabaate maaliifi?

Waaʼee abdii dhabuu qoruudhaan hubannaa hedduun argameera. Qorannoon bara 1960manitti godhame tokko amala bineensotaa ilaalchisee wanta haaraa tokko ifa godheera. Qorannoon kun qorattoonni “amala leenjiidhaan argame” jecha jedhu akka uuman isaan taasiseera. Namoota irrattis mallattoon wal fakkaatu akka mulʼatu hubataniiru. Fakkeenyaaf, namoonni sagalee guddaa akka dhagaʼan gochuudhaan qorannoon isaan irratti godhamee ture. Namoonni kun bantuuwwan tokko tokko tuttuquudhaan akkamitti sagalicha dhaabuu akka baratan isaanitti himame. Namoonni kun sagalicha dhaabuu dandaʼaniiru.

Garee lammaffaattis waanuma wal fakkaatutu himame; taʼus bantuuwwan sana yoo tuttuqan iyyuu sagalicha balleessuu hin dandaʼan turan. Akkuma tilmaamuu dandeessan namoonni garee isa lammaffaa keessa turan baayʼeen isaanii abdii kutataniiru. Qorannoo guyyuma sana gara boodaatti godhame irratti isaan tarkaanfii akkamii iyyuu fudhachuu irraa duubatti jedhanii turan. Wanti godhan kam iyyuu jijjiirama akka hin fidne amananii turan. Taʼus, garee lammaffaa keessaa illee warri jijjiirama akka fidan amanan abdii hin kutanne.

Doktar Martiin Seeligmaan inni qorannoowwan kanaan dura godhaman qopheessuu irratti gargaarsa godhe abdii qabaachuu fi abdii qabaachuu dhiisuu irratti qorannoo gochuuf kakaʼeera. Inni namoota gatii akka hin qabnetti of ilaalan irratti qorannoo balʼaa godheera. Doktarri kun akka jedhetti ilaalchi akkasii namoonni sochiiwwan baramaa taʼan akka hin goone isaan rakkisuu, darbees isaan dhowwuu illee ni dandaʼa. Seeligmaan abdii dhabuu fi miidhaa inni qabu akka itti aanutti ibseera: “Qorannoon ani waggaa digdamaaf godhe, yeroo hundumaa akka warra abdii hin qabneetti milkaaʼina kan dhabne dogoggora keenyaan akka taʼee fi milkaaʼina argachuu akka hin dandeenye yaadna yoo taʼe, wanta goonu hunda irratti dhiibbaa gaarii hin taane geessisa, darbees utuu ilaalcha akkasii hin qabnu taʼee wanti nu irra hin geenye akka nu irra gaʼu godha.”

Ammas yaadni xumuraa kun, yeroo harʼaa namoota tokko tokkoof haaraa fakkaachuu dandaʼa, taʼus barattoota Kitaaba Qulqulluutiif haaraa miti. Mee fakkeenya kana hubadhu: “Guyyaa dhiphinaatti yoo abdii kutatte, Humni kee ni xiqqaata.” (Fakkeenya 24:10) Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun abdii dhabuun ilaalcha dogoggoraa akka qabaattuu fi waa gochuuf humna akka si dhabsiisu ifatti dubbata. Maarree miira abdii dhabuu injifattee abdii qabaachuuf maal gochuu dandeessa?

[Fakkii]

Abdiin faayidaa hedduu qaba