Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiisuuf Fedhii Cimaa Qabaadhu

Dhiisuuf Fedhii Cimaa Qabaadhu

Dhiisuuf Fedhii Cimaa Qabaadhu

“Namoota tamboo xuuxuu dhiisuu irratti isaaniif milkaaʼee irraa hubachuun akka dandaʼamutti, tamboo xuuxuu dhiisuuf amalli murteessaanii fi baayʼee barbaachisaa taʼe kutannoo cimaa qabaachuu dha.”—Kitaaba “Stop Smoking Now!” jedhamu irraa kan fudhatame.

SALPHAADHUMATTI ibsuuf, tamboo xuuxuu dhiisuu yoo barbaadde jalqabumaa kaastee fedhii cimaa qabaachuu qabda. Maarree fedhii qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti? Wantoota fedhii qabaachuuf si gargaaran keessaa inni tokko, tamboo xuuxuu kee yoo dhiiste faayidaa akkamii akka argattu yaaduu dha.

Qarshii qusatta. Barsiifata guyyaatti paakketti tokko xuuxuu yoo qabaatte waggaatti maallaqa kumaan lakaʼaamu baasta. “Tamboo xuuxuudhaan maallaqa hangamii akkan balleessu matumaa itti yaadee hin beekun ture.”— Giyaanuu, Nepaal.

Caalaatti gammachuu qabaatta. “Jiraachuu kanan jalqabe tamboo xuuxuu ergan dhiisee booda dha jechuun ni dandaʼama, amma jireenyi koo caalaatti fooyyaʼaa dhufeera.” (Rajiina, Afrikaa Kibbaa) Namoonni tamboo xuuxuu yommuu dhiisan dandeettiin dhandhamuu fi fuunfachuu isaanii baayʼee fooyyaʼaa, akkasumas yeroo baayʼee isa kanaan duraa caalaa humna qabaatu, bifti isaanis itti deebiʼaa dhufa.

Haalli fayyaa kee fooyyaʼuu dandaʼa. Dhiironnii fi dubartoonni umurii kam irra iyyuu jiran tamboo xuuxuu yommuu dhiisan, haalli fayyaa isaanii fooyyaʼiinsa guddaa argisiisa.”—Waajjirri Dhukkuba Toʼachuu fi Ittisuu Yunaayitid Isteetisii.

Ofitti amanannaan kee ni dabala. “Tamboon gooftaa koo akka taʼu waanan hin barbaanneef xuuxuu koo nan dhiise. Qaama koo irratti gooftaa taʼuu akkan qabu natti dhagaʼame.”—Heniingi, Deenmaarki.

Maatiin kee fi michoonni kee ni fayyadamu. Tamboo xuuxuun . . . fayyaa namoota naannoo kee jiraniis ni miidha. . . . Qorannoowwan akka argisiisanitti aara tamboo namoota tamboo xuuxan keessaa baʼuun kan kaʼe, waggaa waggaan namoonni tamboo hin xuuxnee fi kumaan lakkaaʼaman kaansarii sombaa fi dhukkuba onneetiin ni duʼu.—Dhaabbata Kaansarii Ameerikaa.

Uumaa Kee Gammachiista. “Yaa obboloota jaallatamo, wanta foonii . . . xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.” (2 Qorontos 7:1) ‘Qaama keessan qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama kan qabu godha dhiheessaa.’—Roomaa 12:1.

“Waaqayyo wantoota qaama keenya xureessu akka jibbu ergan hubadhee booda, yeruma sana tamboo xuuxuu dhiisuufan murteesse.”—Siilviyaa, Ispeen.

Yeroo baayʼee garuu dhiisuuf fedhii cimaa qabaachuun qofti gaʼaa miti. Gargaarsa maatii fi michoota keenyaa dabalatee gargaarsi namoota kaanii nu barbaachisa. Maarree nu gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?