Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gufuu Si Mudachuu Dandaʼu Moʼuuf Qophaaʼi

Gufuu Si Mudachuu Dandaʼu Moʼuuf Qophaaʼi

Gufuu Si Mudachuu Dandaʼu Moʼuuf Qophaaʼi

“Fayyaa mucaa keenya reefu dhalateef jecha xuuxuu dhaabuufan murteesse. Kanaafuu, mana keenya keessatti mallattoo ‘Xuuxuun dhorkaa dha’ jedhuun maxxanse. Gara saʼaatii tokkoo booda araadni niikootiinii keessa koo akka sunaamii yommuu na hunkuru sijaaraan qabsiifadhe.”—Yooshimitsuu, Jaappaan.

MUUXANNOON Yooshimitsuu namni tokkoo yommuu xuuxuu dhaabuuf jedhu wantoonni gufuu namatti taʼan akka jiran argisiisa. Kana malees, qorannoowwan akka argisiisanitti, namoonni xuuxuu erga dhaabanii booda deebisanii jalqaban keessaa gara harka 90 kan taʼan xuuxuu isaanii itti fufu. Kanaafuu, xuuxuu dhaabuuf yaalaa jirta yoo taʼee fi gufuuwwan si mudachuu dandaʼaniif dursitee yoo of qopheessitee carraan milkaaʼina argachuuf qabdu guddaa taʼa. Gufuuwwan baramoon nama mudachuu dandaʼan kam faʼi?

Araada niikootiinii: Araadni kee kan sitti hammaatu guyyoota sadan yeroo xuuxuu dhaabde gidduu jiranitti dha, torban lama booda garuu suutuma suuta hirʼachaa deema. Namni kanaan dura xuuxaa ture tokko akka dubbatetti, yeroo araadichi namatti deebiʼu “fedhiin xuuxuu akkuma dhaʼaa galaanaa darbee darbee kan dhufu malee boqonnaa kan nama dhowwatu miti” jedheera. Haa taʼu malee, waggoota booda illee akka tasaa fedhiin xuuxuu namatti dhufuu dandaʼa. Miirri akkasii yommuu sitti dhufu daftee harka hin kennin. Daqiiqaa shaniif ykn isaa oliif yoo obsite dharraan isaa darbuun isaa hin oolu.

Rakkoowwan xuuxuu dhaabuu wajjin wal qabatanii dhufan kan biroo: Namoonni xuuxuu dhaaban jalqaba irratti dammaqoo taʼuu ykn wanta tokko irratti xiyyeeffachuun isaan rakkisuu dandaʼa, akkasumas ulfaatinni isaanii salphaatti dabaluu dandaʼa. Kana malees, dhukkubnii isaanitti dhagaʼamuu, isaan qufaasisuu, akkasumas qaamni isaanii isaan hooqsisuu fi isaan dafqisiisuu dandaʼa; akkasumas miirri isaanii jijjiiramuu, jechuunis obsa dhabuu, salphaadhumatti aaruu, dhukkuba dhiphinaatiin qabamuu dandaʼu. Taʼus rakkoowwan xuuxuu dhaabuu wajjin wal qabatanii dhufan hedduun jiʼa afurii hamma jiʼa jaʼaa keessatti hirʼachaa deema.

Wantoonni yeroo rakkisaa taʼe kana dandamachuuf si gargaaran tokko tokko gochuu dandeessa. Fakkeenyaaf:

● Hirribaaf yeroo dabalataa ramadi.

● Bishaan ykn cuunfaa baayʼinaan dhugi. Nyaata fayyaa keef gaarii taʼe nyaadhu.

● Sochii qaamaa gidduu galeessa taʼe godhi.

● Sirriitti hafuura baafadhu, akkasumas qilleensi qulqulluun somba kee yoomuu guutu sitti haa mulʼatu.

Wantoota araada kee kakaasan: Wantoonni araada kee kakaasan kun gochawwanii fi miirawwan tokko tokko wajjin kan wal qabatan taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee sijaaraa kan xuuxxu yommuu wantoota tokko tokoo dhugdu taʼuu dandaʼa. Taanaan sijaaraa xuuxuu dhaabuu kan barbaaddu yoo taʼe, barsiifata dhugaatii kee dhiisuu qabda. Oolee bulee yeroon suuta jettee bashannanaa itti dhugdu dhufuun isaa hin oolu.

Niikootiiniin qaama kee keessaa guutummaatti erga baʼee booda illee sammuun kee yeroo dheeraadhaaf utuu hin irraanfatin turuu dandaʼa. Torban inni mata duree darbe irratti caqasamee ture, “Xuuxuu ergan dhiisee waggoonni 19 erga darbanii booda illee, amma yeroo boqonnaatti yommuu buna dhugu xuuxuufan qorama” jedheera. Walumaa galatti yommuu ilaalamu garuu, walitti dhufeenyi xuuxuu isa sammuutti maxxanee fi gochawwan tokko tokko gidduu jiru hirʼachaa waan dhufuuf humni dhiibbaa geessisuuf qabu laafuun isaa hin oolu.

Dhugaatii alkoolii ilaalchisee garuu haalli isaa adda dha. Namoonni araadni xuuxuu kan isaanitti deebiʼu yeroo dhuganitti waan taʼeef, sijaaraa xuuxuu dhaabuuf yommuu yaalii gootu dhugaatii alkoolii dhuguu fi bakkawwan dhugaatiin alkoolii itti dhugaman irraa fagaachuun si barbaachisuu dandaʼa. Kun kan taʼu maaliifi?

● Dhugaatii alkoolii muraasa qofa dhuguun illee gammachuun nikootiinii irraa argamu akka dabalu taasisa.

● Namoonni hedduu yeroo walitti qabamanii dhuganitti xuuxuun baramaa dha.

● Dhugaatii alkoolii dhuguun dandeettii waa madaaluu ni mancaasa, akkasumas gara gocha qaanessaa raawwachuutti nama geessa. Kitaabni Qulqulluun, ‘Wayiniin kakaʼumsa isaan wanta sirrii taʼe raawwachuuf qaban jalaa balleessa’ jechuun isaa sirrii dha.—Hoseʼaa 4:11.

Namoota wajjin ooltu: Nama yeroo wajjin dabarsitu ogummaadhaan filadhu. Fakkeenyaaf, namoota xuuxan ykn akka xuuxxu si affeeranii wajjin hariiroo hin barbaachisne hin uumin. Kana malees, namoota sitti qoosuudhaan carraaqqii xuuxuu dhaabuuf gootu laaffisuuf yaalan irraas fagaadhu.

Miirawwan: Qorannoon tokko akka argisiisetti, namoota araadni xuuxuu isaanii itti deebiʼe keessaa harka sadii keessaa harki lama kan taʼan deebiʼanii xuuxuu jalqabuu isaanii dura dhiphina keessa galanii ykn aaranii turan. Miirri sitti dhagaʼamu tokko tokko akka xuuxxu kan si kakaasu taanaan, bishaan dhuguudhaan, maastikaa alanfachuudhaan, miillaan deemuudhaan ykn wantoota kana fakkaatan gochuudhaan miira akka xuuxxu sitti dhagaʼamu irraanfachuuf yaali. Gara Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuudhaan ykn Kitaaba Qulqulluu irraa fuula muraasa dubbisuudhaan ykn wantoota kana fakkaataniin gochuudhaan sammuu kee wanta gaarii taʼaniin guutuuf yaali.—Faarfannaa 19:14.

Xuuxuuf sababa dhiheessuu irraa of qusadhu

Siʼuma tokko qofa yoon xuuxe hoo?

Dhugaa: Siʼuma tokko qofa xuuxuun illee seelonni sammuu kee keessaa niikootiinii fudhatan harka 50 kan taʼan saʼaatii sadiif gammachiisuu dandaʼa. Kun yeroo baayʼee namni tokko guutummaatti xuuxuu akka jalqabu isa taasisa.

Xuuxuun dhiphina koo akkan damdamadhu na gargaara.

Dhugaa: Qorannoowwan akka argisiisanitti niikootiiniin hormooniin yeroo dhiphinaatti uumaman caalaatti akka dabalu taasisa. Namni tokko xuuxuun isaa dhiphina isaa akka isaaniif hirʼise isaatti dhagaʼama taʼa, taʼus yeroo baayʼee miirri akkasii akka isatti dhagaʼamu kan godhu rakkoowwan xuuxuu dhaabuu isaatiin wal qabatanii dhufan yeroodhaaf baduu isaaniitiin kan kaʼe dha.

Yeroo dheeraadhaaf xuuxaa waanan tureef dhiisuu waanan dandaʼu natti hin fakkaatu.

Dhugaa: Xuuxuu dhaabuu hin dandaʼu jedhanii yaaduun abdii nama kutachiisa. Kitaabni Qulqulluun, “Guyyaa dhiphinaatti yoo abdii kutatte, humni kee ni xiqqaata” jedha. (Fakkeenya 24:10) Kanaafuu, matumaa naaf milkaaʼuu hin dandaʼu jettee yaaduu irraa of qusadhu. Namni dhugumaan xuuxuu dhaabuu barbaaduu fi qajeelfamawwan kanneen akka barruu kan irratti ibsaman hojii irra oolchu kam iyyuu isaaf milkaaʼuu ni dandaʼa.

Rakkoowwan xuuxuu dhaabuudhaan wal qabatanii dhufan dandamachuu hin dandaʼu.

Dhugaa: Rakkoowwan xuuxuu dhaabuudhaan wal qabatanii dhufan dandamachuun ulfaataa dha, taʼus rakkoowwan kun torban muraasa gidduutti suutuma suuta badaa deemu. Kanaafuu ejjennoo qabaadhu! Fedhiin sijaaraa xuuxuu jiʼoota ykn waggoota booda deebiʼee yoo sitti dhufee illee daqiiqaa muraasaaf malee fedhiin kun baduun isaa hin ooluu; garuu sijaaraa qabsiifachuu irraa of qusadhu.

Dhibee sammuun qaba.

Dhugaa: Dhukkuba dhiphinaa ykn sikiizoofreeniyaa yoo qabaattee fi yaalii siif godhamu hordofaa jirta yoo taʼe doktarri kee xuuxuu dhaabuuf akka si gargaaru gaafadhu. Doktarri kee si gargaaruuf fedhii qabaachuu dandaʼa; tarii xuuxuu dhaabuun kee dhiibbaa dhibee kee irratti ykn qorichawwan fudhattu irratti qabu tilmaama keessa galchuudhaan yaalii fayyaa hordoftu irratti jijjiirama gochuu dandaʼa.

Deebiʼee yoon xuuxe akka naaf hin milkoofne yaaduudhaan abdiin kutadha

Dhugaa: Akkuma namoota xuuxuu dhaabuuf yommuu yaalanitti isaan mudatu, atis wanti gufuu sitti taʼe tokko si mudatee xuuxuu yoo jalqabde haalli kee kana booda abdii hin qabu jechuu miti. Bakka kuftee kaʼuudhaan imala kee itti fufi. Ni kufte jechuun siif hin milkoofne jechuu miti. Kan siif hin milkoofne Kuftee achumatti yoo hafte dha. Kanaafuu carraaqqii gochuu kee itti fufi. Dhuma irratti siif milkaaʼuun isaa hin oolu!

Muuxannoo Roomuuʼaaldoo isa waggaa 26f xuuxaa turee fi waggaa 30 dura xuuxuu dhaabe haa ilaallu. Akkas jedhee barreesseera: “Araadni koo siʼa meeqa akka natti deebiʼe lakkaaʼuu na rakkisa. Yeroo araadni koo natti deebiʼu garuu abdii akka hin qabne waan natti dhagaʼamuuf baayʼeen ofitti gadda ture. Taʼus Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf yeroon murtoo cimaa godhuttii fi carraaqqii koo irratti akka na gargaaru irra deddeebiʼee ergan kadhadhee booda guutummaatti xuuxuu dhiisuu dandaʼeera.

Mata duree walitti aanu kana isa xumuraa irratti yaadawwan nama gammadaa araada sijaaraa irraa walaba taʼe akka taatuuf isa gargaaran tokko tokko ilaalla.

[Saanduqa/Fakkii]

HAALA KAMIIN IYYUU YOO DHIHAATE KAN NAMA MIIDHU DHA

Tamboon karaawwan hedduudhaan faayidaa irra oola. Oomishawwan tamboo tokko tokko suuqii nyaatawwanii fi qorichawwan fayyaadhaaf faayidaa qabu jedhaman itti gurguraman keessatti argamu. Haa taʼu malee, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, “Tamboon haala kamiin iyyuu yoo dhihaate kan nama miidhu dha” jedheera. Dhibeewwan tamboon fiduu dandaʼu kan akka kaansarii, dhukkuba onnee fi hidda dhiigaa nama ajjeesu. Dubartoonni ulfaa tamboo xuuxan ulfa gadameessa keessa jiru irratti miidhaa geessu. Yeroo baayʼee oomishawwan tamboo karaa kamiin qophaaʼu?

Sijaaraa mana keessatti qophaaʼu: Sijaaraawwan xixinnoon harkaan maraman Itoophiyaa dabalatee biyyoota tokko tokkotti ni xuuxamu. Sijaaraawwan biyyoota Eeshiyaa keessatti biidaa jedhamuun beekaman naannoowwan kanatti balʼinaan faayidaa irra oolu. Sijaaraan akkasii sijaaraa haala kan biraatiin qophaaʼuu wajjin wal bira qabamee yommuu ilaalamu, niikootiinii hedduu, kaarboon monoksaayiidii fi wanta summaaʼaa taar jedhamu gara sombaatti galchu.

Sigaar: Sigaar kan qophaaʼu tamboo baala tambootiin ykn waraqaa tamboo irraa hojjetametti maruudhaani; keessi isaa sijaaraa kaan irraa baayʼee guutuu kan taʼe dha. Sijaaraan asiidii taʼe irraa haala adda taʼeen sigaaroonni alkaalinii xinnoo qaban utuma hin qabsiifamin illee afaan irra yommuu taaʼanitti niikootiiniin isaa gara qaamaatti seenuu ni dandaʼa.

Kiriiteek ykn sijaaraa qurunfudii: Gosti sijaaraa Indooneeshiyaatti baayʼee baramaa taʼe kun tamboo harka 60 fi harka 40 qurunfudii of keessaa qaba. Sijaaraa warra baramaa taʼan caalaa niikootinii fi kaarboon monoksaayidii, akkasumas wanta summaaʼaa taar jedhamu sombaatti galcha.

Piippaa: Miidhaa piippaa xuuxuun geessisu miidhaa tamboo xuuxuun geessisu irraa gadi miti; sababiin isaas lamaan isaanii iyyuu dhibeewwan kaansarii fi dhukkuboota kan biroo namatti fiduu dandaʼu.

Tamboo aara hin qabne: Kun tamboo alanfachuu fi fuunfachuu dabalata; guutka inni miʼeessituun itti dabalamee fi Kibba Baha Eeshiyaatti baramaa taʼe tamboo aara hin qabne keessatti kan ramadamu dha. Haala kanaanis niikootiiniin karaa afaanii hidda dhiigaa keessa seena. Tamboo aara hin qabne fayyadamuunis akkuma tamboowwan kaan xuuxuu miidhaa guddaa qaba.

Shiishaa fi gaayyaa: Tamboon xuuxamuu isaa dura bishaan keessa darba. Haa taʼu malee, malli kun wantoota summii somba seenuudhaan kaansarii geessisan dabalatee wantoota miidhaa geessisan hirʼisuu dhiisuu dandaʼa.

[Saanduqa/Fakkii]

NAMNI TOKKO XUUXUU AKKA DHAABU GARGAARUU

Ilaalcha gaarii qabaadhu. Namni tokko waan isaaf hin milkoofneef wanta gaarii hin taane dubbachuu mannaa, isa galateeffadhu dabalatee karaawwan adda addaa dinqisiifannaa kee ibsuun caalaatti buʼaa qaba. “Ammas siif hin milkoofne?” jechuu mannaa, “Irra deebitee yoo yaalte akka siif milkaaʼu mirkanaaʼaa dha” jechuun caalaatti isa gargaara.

Dhiifama kan gootu taʼi. Namni xuuxuu dhaabuuf carraaqaa jiru tokko yoo sitti aare ykn yoo sitti mufate irra isaaf darbuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Jechoota gaarii kan akka “Baayʼee akka sitti ulfaatu beeka, garuu carraaqqii akkasii gochuu keetti sittan boona” jedhan fayyadamii. Matumaa “Anaa fi ati nagaa kan taanu yeroo xuuxxu taʼuu hin oolu!” jettanii hin dubbatinaa.

Michuu dhugaa taʼi. Kitaabni Qulqulluun, “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha” jedha. (Fakkeenya 17:17) Nama xuuxuu dhaabuuf yaalaa jirutti “yeroo hundumaa,” jechuunis saʼaatiin isa yoom iyyuu yoo taʼe ykn namni sun miirri isaa hangam iyyuu kan jijjiiramu yoo taʼe obsa qabeessaa fi jaalala qabeessa taʼuuf carraaqqii gochuu qabda.