Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hiriyaa Sobaa

Hiriyaa Sobaa

Hiriyaa Sobaa

“Hiriyaa” dargaggummaa keetti wal bartan tokko qabda. Gaʼeessa akka taate akka sitti dhagaʼamuu fi hiriyoota kee biratti fudhatama akka argattu si gargaareera. Yeroo dhiphattu hundatti hamma tokko “boqonnaa” argachuuf gara isaa dhaqxa. Yeroo baayʼee isa malee eessa iyyuu deemuun sitti hin tolu.

Yeroo booda garuu hiriyaan kee kun amala gadhee akka qabu hubatte. Yeroo isaa wajjin taʼuu hin qabnetti illee yeroo hundumaa sii wajjin taʼuun qaba jedhee si dirqisiisa. Gaʼeessa akka taate akka sitti dhagaʼamu kan taasise taʼu illee, kana kan godhe fayyaa kee balaadhaaf saaxiluudhaan ture. Kana malees, mindaa kee irraa hamma tokko si jalaa hata.

Yeroo dhihoodhaa asitti hariiroo isaa wajjin qabdu addaan kutuuf yaalii gootus inni garuu si gadhiisuu dideera. Karaa biraatiin gooftaa kee taʼeera jechuu dha. Kanaafuu amma yeroo itti nama kanaa wajjin itti wal barte abaaruu jalqabdeetta.

KUN hariiroo namoonni tamboo xuuxan hedduun sijaaraa wajjin qabanii wajjin wal fakkaata. Arliin ishiin waggaa 50f tamboo xuuxaa turte haala isaa yommuu yaadattu akkana jetteetti: “Namaa wajjin taʼuu mannaa tamboo xuuxuun caalaatti na tasgabbeessa ture. Sijaaraan hiriyaa koo yeroo dheeraa na wajjin ture dha; yeroo tokko tokko hiriyaan koo isa qofa akka taʼe natti dhagaʼama.” Haa taʼu malee, akkuma Arliin yeroo booda hubachuu dandeesse, sijaaraan hiriyaa gaarii utuu hin taʼin, hiriyaa gara jabeessa dha. Wanta tokko irraa kan hafe yaanni jalqaba irratti kaasne hundi jireenya ishii irratti raawwatameera. Tamboo xuuxuun qaama Waaqayyo nuu kenne kan mancaasu waan taʼeef, ija Waaqayyoo duratti kan jibbamu taʼuu isaa yommuu beektu amala kana ni dhiiste.—2 Qorontos 7:1.

Namni Firaanki jedhamus Waaqayyoon gammachiisuuf jecha tamboo xuuxuu dhiisuuf murteesse. Tamboo xuuxuu isaa erga dhiisee guyyaa tokko ykn lama booda garuu mana isaa keessa lafa irra daaʼimee sijaaraa kanaan dura irraa xuuxamee gatame qaawwaa lafa xaawulaa mana isaa keessaa suuqame barbaaduu jalqabe. Firaanki akkas jedheera: “Murtoo cimaa kanan godhe yeroo kanatti ture. Harkaa fi miillaan daaʼimaa kosii keessa sijaaraa kanaan dura irraa xuuxamee gatame barbaaduun koo baayʼee na jibbisiise. Sana booda matumaa lammata tamboo xuuxee hin beeku.”

Tamboo xuuxuu dhiisuun hamma kana baayʼee ulfaataa kan taʼe maaliifi? Qorattoonni wantoota kanaaf sababa taʼan hedduu argataniiru: (1) Oomishawwan tamboo irraa hojjetaman akkuma qoricha sammuu namaa hadoochuu fi seeraan dhorkamee araada nama qabsiisuu dandaʼu. (2) Niikotiniin gara sombaa galee sekoondii torba gidduuttii sammuu bira gaʼa. (3) Namoonni tamboo xuuxan yeroo nyaatan, yeroo dhugan, namoota kaanii wajjin yommuu haasaʼan, dhiphina isaanii irraa boqonnaa argachuu fi yeroowwan kanaa wajjin wal fakkaatan hundatti waan xuuxaniif jireenya guyyaa guyyaa isaanii wajjin dhiibbaa guddaa geessisa.

Haa taʼu malee, akkuma jireenya Arlinii fi Firaanki irraa hubachuu dandeenyutti, araada miidhaa geessisu kana irraa walaba baʼuun ni dandaʼama. Tamboo kan xuuxxuu fi araada kana irraa walaba baʼuu kan barbaaddu yoo taʼe, mata dureewwan walitti aananii jiran dubbisuun kee jireenya kee akka haaraatti jalqabuuf si gargaara.