Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa Mararraa

Addunyaa Mararraa

Galoo Galaana Meeksisoo

Ebla 2010 dhaabbata bobaʼaa tokkorra balaan erga gaʼee booda, gara jiʼa sadiitiif bobaʼaafi gaaziin hammana hin jedhamne gara galaanichaatti namʼee ture. Erga kun taʼee gara jiʼa lamaafi walakkaa booda, gareen qorattootaa tokko, keemikaalota galaana kana faaluu dandaʼan keessaa muraasni, baakteeriyaa gaazii meeteen jedhamu bittinneessuun akka badan ibseera. Hayyoonni tokko tokko garuu yaada kanarratti shakkii qabu. Bobaʼaa sana keessaa hedduunsaa gara dachee galaanichaa keessatti akka gad lixe amanu.

Raashiyaa

Qorannaan godhame tokko akka argisiisutti, namoota Raashiyaa umriinsaanii waggaa 18 hanga 35 taʼu keessaa dhibbeentaa 59 kan taʼan, ‘jireenya keessatti milkaaʼina argachuuf, yeroo tokko tokko karaa seerawwan amalaaf baʼanirraa faallaa taʼeen deemuun barbaachisaa akka taʼe’ kan amanan taʼuusaanii, gaazexaan Roosiiskaayaa Gaazeetaa jedhamu gabaaseera.

Peeruu

Qoroqondaawwan boqqoolloo hamma ammaatti argamaniifi waggoota dheeraa dura turan keessaa tokko tokko (kan akka fakkiinsaa olitti argamuu), namoonni kaaba Peeruu jiraatan yoo xinnaate gara waggaa 3,000 dura xaaxee boqqolloofi daakuu boqqoolloo fayyadamaa akka turan argisiisu.

Xaaliyaanii

Naannoo Adriyaa Rooviigootti phaaphaasii Kaatolikii kan taʼan Luuchoo Soraaviitoo Dee Firaancheskiin, ergaan amantii, “kallattiidhaan dhuunfaatti” bakka jireenyaasaaniitti namoota bira gaʼuu akka qabu amanu. “Tajaajilli qeesota taʼuudhaan hojjennu, bilbila bataskaanaa bilbiluurraa gara bilbila karra namootaa bilbiluutti jijjiiramuu qaba” jedhaniiru.

Afriikaa Kibbaa

Gaanfi warseessaa qorichummaadhaaf karaa seeraan ala taʼeen yommuu gurguramu, gatiin kiilogiraama tokkoo doolaara Ameerikaa 65,000 gaʼeera. Bara 2011tti Afriikaa Kibbaatti qofa warseessonni 448 taʼan adamoo seeraan ala taʼeen ajjeefamaniiru. Awurooppaatti, saamtonni gaanfa kana barbaacha godambaawwaniifi iddoowwan wantoonni kun caalbaasiidhaan itti gurguraman cabsanii galaa jiru. Awurooppaa keessatti warseessonni bakka bineensonni bosonaa itti eegaman keessatti argamanillee balaadhaaf akka saaxilaman yaadama.