MAATIIDHAAF | GAAʼELA
Akka Gaaritti Dhaggeeffachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
HAALA RAKKISAA
Hiriyaan gaaʼelaakee, “Na dhaggeeffachaa hin jirtu!” siin jetti. Ati garuu akka ishee dhaggeeffachaa turte sitti dhagaʼama. Haataʼu malee, wanta isheen jette sirritti hin dhaggeeffanne. Kanaaf, wal falmuu jalqabdan.
Rakkina kana hambisuu ni dandeessa. Jalqaba, akka dhaggeeffatte sitti dhagaʼamullee, wanta hiriyaan gaaʼelaakee dubbatte utuu hin hubatin kan hafte maaliif akka taʼe hubachuu qabda.
SABABIINSAA MAALIDHA?
Yaannikee hihhirameera, akkasumas dadhabdeetta. Ijoolleen iyyaa jiru, sagaleen televijiinii ol kaʼeera, akkasumas, rakkina iddoo hojiitti si mudate tokkorratti yaadaa jirta taʼa. Tarii hiriyaan gaaʼelaakee harʼa galgala keessummaan mana keessan akka dhufu sitti himti taʼa. Yeroo kanatti mataakee raasuudhaan, “Tole, tole!” jettaan. Haataʼu malee, wanta isheen jette sirriitti dhaggeeffatteettaa? Hin dhaggeeffanneen taʼa.
Yaada kan biraa tilmaamta. Haala kanaan yaada namaa baruuf yaaluun miidhaa qaba. Yaada hiriyaa gaaʼelaakee haala kanaan baruuf yoo yaalii goote, yaada isheen dubbatte duuba wanti dhokataa taʼe akka jiru tilmaamta taʼa. Fakkeenyaaf, hiriyaan gaaʼelaakee, “Torban kana saʼaatii hedduu hojiirratti dabarsiteetta” siin jetti. Achiis akkasheen si ceephaʼaa jirtu tilmaamuudhaan, “Kun balleessaakoo miti! Waan ati qarshii hin qusanneef, saʼaatii dabalataa hojjechuun qaba” jettaan. Hiriyaan gaaʼelaakee garuu kana kan dubbatte dhuma torbaniirratti akka waliin bashannantan yaaddee waan taʼeef, iyyuudhaan, “Ani si komachuuf jedhee miti!” siin jetti.
Yaada furmaataa kennuuf ariifatta. Marsiin, * “Al tokko tokko miirumakoo ibasuufan dubbadha. Maayik garuu, wantan gochuu qabu natti himuuf ariifata. Ani kanan barbaade yaada furmaataa akka naa kennu utuu hin taʼin, wanta natti dhagaʼame akka naa hubatu qofadha” jetteetti. Rakkinnisaa maalidha? Inni yaannisaa kan xiyyeeffate furmaatarrattidha. Kanaaf, wanta Marsiin dubbatte guutummaatti hin hubanne taʼa.
Sababiin rakkina sanaa maaliiyyuu yoo taʼe, akka gaaritti dhaggeeffachuu kan dandeessu akkamitti?
MAAL GOCHUU DANDEESSA?
Xiyyeeffannaa kenniif. Hiriyaan gaaʼelaakee dhimma barbaachisaa taʼe sitti himuuf jetti; atoo ishee dhaggeeffachuuf qophaaʼaadhaa? Miti taʼa. Yaannikee wanta kan biraatiin qabameera taanaan, dhaggeeffachaa akka jirtu hin fakkeessin. Dandaʼamnaan, wanta hojjechaa jirtu dhiisiitii hiriyaa gaaʼelaa keetiif xiyyeeffannaa kenni ykn hanga hojiikee xumurtutti obsaan akka si eegdu ishee gaafadhu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Yaaqoob 1:19.
Dabareedhaan haasaʼaa. Situ dhaggeeffachaa jira yoo taʼe, ennaa dubbattu gidduutti ishee hin kutin ykn ishee hin mormin. Atis dabaree itti dubbatu qabda. Ammaaf garuu calluma jedhi dhaggeeffadhu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 18:13.
Gaaffii gaaffadhu. Kana gochuunkee, wanta hiriyaan gaaʼelaakee dubbachaa jirtu akka gaaritti hubachuuf si gargaara. Marsiin, isheen olitti caqasamte, “Maayik ennaa gaaffii na gaafatu baayʼee natti tola. Kun, wantan dubbachaa jiruuf xiyyeeffannaa akka kenne akka natti dhagaʼamu godha” jetteetti.
Wanta dubbatame qofa utuu hin taʼin, ergaasaas hubadhu. Ergaa sochii qaamaa, ijaafi sagaleedhaan darbuuf xiyyeeffannaa kenni. Yaanni, “Gaaridha” jedhu, akkaataa itti dubbatamerratti hundaaʼee hiika, “Gaarii miti” jedhu qabaachuu dandaʼa. Yaanni, “Ati sirumaa na gargaaruu hin barbaaddu” jedhu tarii, “Iddoo guddaa akka naaf hin kennine natti dhagaʼama” jechuuf kan dubbatame taʼuu dandaʼa. Yaada akkasii dubbachuu baattullee, ergaa isheen dabarsuu barbaadde haalasaarraa hubachuuf yaali. Hiikasaarratti utuu hin taʼin wanta dubbatamerratti qofa xiyyeeffatta taanaan, falmiin gidduu keessanitti uumamuu dandaʼa.
Dhaggeeffachuukee itti fufi. Wanti dhaggeeffachaa jirtu sitti toluu baatullee, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu ykn dhiistee hin deemin. Fakkeenyaaf, hiriyaan gaaʼelaakee yoo si ceephaate maal goota? Girigooriin inni gaaʼela keessa waggaa 60 ture gorsa akkas jedhu kenna: “Ishee dhaggeeffachuukee itti fufi. Wanta hiriyaan gaaʼelaakee dubbachaa jirtu garaadhaa dhaggeeffadhu. Kana gochuun bilchina kan gaafatu taʼus kan nama kiisudha.”—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 18:15.
Hiriyaa gaaʼelaa keetiif garaadhaa yaadi. Akka gaaritti dhaggeeffachuun, karaa jaalalli itti ibsamudha. Wanta hiriyaan gaaʼelaakee dubbattu garaadhaa dhaggeeffachuuf fedhii kan qabdu taanaan, ishee dhaggeeffachuun si hin rakkisu. Akkas gochuun gorsa Macaafa Qulqulluu isa, ‘Waan warra kaanitti tolus ilaalaa malee, waan isinitti tolu duwwaa hin ilaalinaa!’ jedhu hojiirra oolchuuf si gargaara.—Filiphisiiyus 2:4.
^ key. 9 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.