Dhukkuba Gaggabdoo Ilaalchisee Wanta Beekuu Qabdu
NAMNI ati beektu tokko akka tasaa kufee of wallaale. Qaamnisaa ni diriire, harki, mataafi miillisaa hollachuu jalqabe. Namni kun dhukkuba gaggabdoo akka qabu beekta taanaan, gargaarsa barbaachisaa taʼe gochuufii ni dandeessa. Mee dhukkuba yeroo baayʼee karaa hin taaneen hubatamu kana ilaalchisee yaadawwan barbaachisaa taʼan tokko tokko haa ilaallu.
Gaggabdoon maalidha? Gaggabdoon dhibee sammuu namoonni yeroo muraasaaf akka of wallaalan godhudha. Namni dhukkuba kana qabu yeroo baayʼee of wallaalee kan turu daqiiqaa shanii gadiifidha. Haalli keeyyata jalqabaarratti ibsame gosa gaggabdoo giraandi maal siizar jedhamee waamamuun kan dhufudha.
Gaggabdoon kan nama qabatu akkamitti? Gaggabdoon, seelota sammuu gidduutti sochiin baramaa hin taane yommuu mulʼatutti rakkina uumamurraa kan dhufu akka taʼe qorattoonni ni amanu. Sababiinsaa maal akka taʼe garuu hanga ammaatti bira hin gaʼamne.
Namni dhukkuba gaggabdoo giraand maal siizar jedhamu qabu yoo na mudate gargaarsa akkamii gochuufiin qaba? Kitaabni Za Insaayikilooppiidiyaa oov za Bireeyin eend Bireeyin Diisoorders jedhamu akkas jedheera: “Namni sun yommuu gaggabu, namoonni isa bira jiran, gargaarsa isaaf gochuuf yaaluu mannaa gaggabdoonsaa hanga irraa badutti eeguu qabu. Haataʼu malee, yeroo kanatti wanti kan biraan qaamasaarratti miidhaa akka hin geessisne eeguufi hafuura baafachaa akka jiru mirkaneeffachuu qabu.” Karaa garabiraammoo, kitaabichi itti fufuudhaan akkas jedheera: “Gaggabdoon sun daqiiqaa shanii oliif yoo irra ture, akkasumas ittaansuudhaan ammas yoo gaggabe ykn erga gaggabdoon sun isa dhiisee booda daqiiqaa muraasa gidduutti yoo of baruu dadhabe, dafanii mana yaalaatti isa geessuun barbaachisaadha.”
Nama dhukkuba kana qabu gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti? Boraatii lallaafaa taʼe mataasaa jala kaaʼiif; akkasumas, wantoota qara qaban isarraa fageessi. Yommuu inni hollachuu dhiisu, akkuma fakkii fuula ittaanurraa mulʼatutti cinaachasaatiin ciibsi.
Namni sun erga of baree booda maal gochuun qaba? Jalqaba, akka inni tasgabbaaʼu godhi. Achiis bakka sanaa isa kaasuudhaan iddoo inni boqochuu dandaʼutti isa geessi. Namoonni gaggabdoo qaban hedduun, erga of baranii booda fajajuu ykn hirribaan moʼamuu dandaʼu; kaanimmoo, akkuma of baraniin rakkina tokko malee hojiisaanii itti fufu.
Namni gaggabdoo qabu hundi yeroo gaggabutti ni hollataa? Lakki. Namoonni dhukkuba kana qaban tokko tokko, utuma hin kufin yeroo muraasaaf fajajuu dandaʼu. Gaggabdoon akkasii petii maal siizar jedhamee kan waamamu yommuu taʼu, namoonni dhukkuba kana qaban sochii tokkoyyuu utuu hin godhin yeroo muraasaaf
fajaju. Namoonni tokko tokkommoo, daqiiqaa dheeraadhaaf fajajanii turuu dandaʼu. Yeroo kanatti, mana keessa asiif achi deemuu, uffatasaanii ofirraa baasuuf yaaluu ykn amala baramaa hin taane argisiisuu dandaʼu. Namoonni akkasii erga of baranii booda qaamasaanii toʼachuu dadhabuu dandaʼu.Namoota gaggabdoo qabanitti miira akkamiitu dhagaʼama? Namoonni dhukkuba kana qaban hedduun, ‘ammas natti kaʼaa laata?’ akkasumas, ‘nama gidduutti na dhukkubaa laata?’ jedhanii sodaachuu dandaʼu. Qaanii akkasiirraa baqachuuf jechas, namarraa adda baʼuu filatu.
Nama dhukkuba gaggabdoo qabu gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti? Miirasaa akka ibsu isa jajjabeessi. Akka gaariitti isa dhaggeeffadhu. Yommuu isa dhukkubutti maal akka isaaf gootu akka barbaadu isa gaafadhu. Namoonni gaggabdoo qaban hedduun konkolaataa waan hin oofneef, tarii konkolaataa keetiin isa geggeessuu ykn ergaa tokko tokko ergamuufii dandeessa.
Nama dhukkuba gaggabdoo qabu dhibeen kun dafee dafee akka itti hin kaane gochuun ni dandaʼamaa? Wantoonni dhukkubni kun akka namatti deddeebiʼu godhan tokko tokko dhiphinaafi hirriba dhabuudha. Kanaaf ogeessonni fayyaa, namni dhukkuba kana qabu boqonnaa gaʼaa akka argatuufi dhiphina isatti dhagaʼamu hirʼisuuf yeroo hundumaa sochii qaamaa akka godhu jajjabeessu. Yeroo tokko tokkommoo yaalii fayyaadhaan dhibeen kun akka itti hin kaane gochuun ni dandaʼama.