Rakkoowwan Yommuu Laguun Dhaabatu Mulʼatan Dandaʼuu
“Sababii tokko malee ykn akka tasaa miirri gaddaa natti dhagaʼamuu jalqabe. Nan booʼe, akkasumas waanan maraadhu natti fakkaatee ture.”—Roondiroo, * umrii waggaa 50.
“Ganama yommuu hirribaa kaatu mannikee oliif gadi mancaʼee argita. Miʼakee argachuus hin dandeessu. Wanti ati duraan salphaatti hojjechaa turte, baayʼee ulfaataa sitti taʼa, sababnisaa maal akka taʼe garuu hin beektu.”—Hantaa, umrii waggaa 55.
DUBARTOOTA kanatti miirri akkasii kan dhagaʼame waan dhukkubsataniif miti. Kanaa mannaa, umrii laguun itti dhaabaturra, jechuunis jijjiirama uumamaan dubartii tokkorratti mulʼatuufi sana booda mucaa godhachuu akkasheen hin dandeenye argisiisurra waan gaʼaniif miira isaanitti dhagaʼamedha. Atoo dubartii umrii kanatti dhihaachaa jirtudhaa? Moo umrii kana keessa jirta? Kanas taʼe sana, atis taate michoonnikee waaʼee kanaa baruun keessan, rakkoowwan dhaabachuu laguu wajjin wal qabatanii dhufan dandeessanii jiraachuuf isin gargaara.
Mallattoowwan Laguun Dhaabachuuf Akka Jedhu Argisiisan
Sadarkaan laguun dhaabachuusaa dura jiru, jalqaba dhaabachuu laguu kan jedhamu siʼa taʼu, yeroo laguun dhaabachuuf jedhuufi ennaa dhaabatu kan argisiisudha. * Haataʼu malee, namoonni jecha ‘dhaabachuu laguu’ jedhu sadarkaa lamaanuu argisiisuuf itti fayyadamu.
Mallattoon laguun dhaabachuuf akka jedhu argisiisu, dubartoota hedduurratti mulʼachuu kan jalqabu umrii waggaa 40tti siʼa taʼu, warra kaanirratti hamma umrii waggaa 60tti utuu hin mulʼatin turuu dandaʼa. Yeroo baayʼee dubartii tokkotti laguun dhufuu kan dhiisu suuta suutaanidha. Hormooniin haala baramaa taʼeen madduu waan dhiisuuf, dubartiin tokko laguun utuu isheetti hin dhufin turuu, yeroosaa malee itti dhufuu ykn dhiigni baayʼeen ishee dhangalaʼuu dandaʼa. Laguun dubartoota tokko tokkoommoo akka tasaa dhaabachuu dandaʼa.
Kitaabni Menopoos Gaayidibuuk jedhamu akkas jedheera: “Mallattoon laguun dhaabachuuf akka jedhu argisiisu dubartoota hundarratti haala wal fakkaataa taʼeen hin mulʼatu. Rakkina laguun dhaabachuu wajjin haala wal qabateen dhufu keessaa baramaa kan taʼe, hoʼa qaamaafi dafqa yommuu taʼu, achiis qorri itti dhagaʼamuu dandaʼa.” Mallattoowwan mulʼatan kun hirriba nama dhowwuu ykn humna nama buusuu dandaʼu. Mallattoowwan kun mulʼachuusaanii kan itti fufan yeroo hammamiitiifidha? Kitaabni Za Menopoos Buuk jedhamu akka ibsetti, “Dubartoonni tokko tokko yeroo laguunsaanii dhaabachuuf jedhutti waggaa tokko ykn lamaaf hoʼi qaamaafi dafqi isaan mudachuu dandaʼa. Warra kaanirrattimmoo, mallattoowwan kun waggoota hedduudhaaf kan mulʼatan siʼa taʼu, baayʼee muraasa kan taʼanimmoo jireenyasaanii guutuu keessatti darbee darbee hoʼi qaamaafi dafqi akka isaan mudatu gabaasaniiru.”Hormooniin haala baramaa hin taaneen madduunsaas, dubartiin tokko akka dhiphattu, miirrishee akka jijijjiiramu, wanta tokkorratti xiyyeeffachuufi salphaatti waa yaadachuu akka dadhabdu gochuu dandaʼa. Kitaabni Za Menopoos Buuk jedhamu, “Mallattoon akkasii dubartoota hundarratti mulʼata jechuun garuu rakkisaadha” jedheera. Dhugumammoo, dubartoonni muraasni gama kanaan rakkinni xiqqoon isaan mudachuu ykn matumaa isaan mudachuu dhiisuu dandaʼa.
Rakkina Uumamu Hirʼisuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
Akkaataa jireenyaa ofiirratti jijjiirama tokko tokko gochuun rakkina mudatu hirʼisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, dubartoonni tamboo xuuxan, xuuxuu dhiisuudhaan hoʼa qaamaafi dafqasaanii hirʼisuu dandaʼu. Dubartoonni hedduun nyaataafi dhugaatii hoʼi qaamaafi dafqi akka namatti caalu gochuu dandaʼan, kanneen akka dhugaatii alkoolii, kaafeeyinii, nyaata qimamii ykn sukkaara hedduu qabuufi k.k.f. dhiisuu ykn hirʼisuudhaan faayidaa argataniiru. Nyaata gaʼaafi madaalamaa taʼe nyaachuunis barbaachisaadha.
Sochii qaamaa gochuunis rakkoowwan kana hirʼisuurratti gaʼee guddaa qaba. Fakkeenyaaf, rakkina hirribaa hirʼisuu, miirri gaariin akka namatti dhagaʼamu gochuu, jabina lafeefi guutummaa fayyaa qaamaarratti jijjiirama guddaa fiduu dandaʼa. *
Miirakee Bilisaan Warra Kaaniif Ibsi
Roondiroo isheen jalqabarratti caqasamte, “Miira ofii dhoksuudhaan miidhamuun hin barbaachisu. Miirakee ifaaf bilisaan michoota keetiif yoo ibsite, jijjiirama tokko tokko yommuu sirratti argan baayʼee hin dhiphatan” jetteetti. Kanaa mannaa, obsa sitti argisiisuufi haala ati keessa jirtu hubachuu dandaʼu. Qorontos Inni Duraa 13:4, “Jaalalli dandaʼaa dha, gaarummaas in argisiisa” jedha.
Dubartoota mucaa godhachuu dadhabuusaaniitiin gaddan dabalatee, dubartoonni hedduun kadhannaa dhiheessuudhaan faayidaa guddaa argataniiru. Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyo rakkina keenya hundumaa keessatti akka nu jajjabeessu’ nuu mirkaneessa. (2 Qorontos 1:4) Rakkoowwan laguun dhaabachuuf yommuu jedhu nama mudatan yeroo muraasaaf qofa kan turan taʼuunsaaniis nama jajjabeessa. Dubartoonni of kunuunsan, humnasaanii haaromsuufi jireenyasaanii isa hafe keessatti fayya buleessa taʼanii jiraachuu dandaʼu.
^ key. 2 Maqaawwan jijjiiramaniiru.
^ key. 6 Akka ogeessonni fayyaa jedhanitti, laguun dubartii tokkoo dhaabateera kan jedhamu walitti aansuudhaan jiʼa 12f utuu laguu hin argin yoo turtedha.
^ key. 8 Qorichi tokko tokko, dhibeen xannacha taayirooyidii, infeekshiniifi dhukkuboonni muraasni hoʼa qaamaafi dafqa geessisuu dandaʼu. Kanaaf, hoʼi qaamaafi dafqi nama mudate mallattoo laguun dhaabachuuf akka jedhu argisiisu akka taʼetti yaaduu dura wantoota akkasiirraa bilisa akka taʼan mirkaneeffachuun gaariidha.
^ key. 12 Ogeessonni fayyaa, rakkina ennaa laguun dhaabachuuf jedhu mulʼatu hirʼisuuf, dawaa addaddaa kanneen akka hormoonii, qoricha nyaata bakka buʼuufi dhiphina sammuu hirʼisuuf gargaaran ajajuu dandaʼu taʼa. Taʼus, barruun Dammaqaa! qoricha ykn yaalii fayyaa gosa kana fudhadhaa jedhee hin dubbatu.