Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?
Abjuu Waaqayyo Biraa Dhufu
Waaqayyo namootatti dubbachuuf abjuutti fayyadameeraa?
“[Raajii Waaqayyoo kan ta’e] Daaniʼel siree isaa irra ciisee utuu jiruu abjuu arge, mulʼannis mataa isaa keessa in dhufe; kana booddees abjuu sana caafee mataa mataa isaa himuutti kaʼe.”—Daaniʼel 7:1.
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Waaqayyo ergaasaa karaa addaddaatiin namootatti himaa tureera. Bara duriitti yeroo tokko tokko abjuutti fayyadameera. Abjuun kun garuu ifa kan hin taaneefi soba miti. Abjuun Waaqayyo namatti argisiisaa ture wanta dhugaa taʼeefi ergaa beekamaa taʼe kan qabatedha. Fakkeenyaaf, Daaniʼel raajichi fakkii bulchiinsa Baabilonii kaasee hanga bulchiinsa bara keenyaatti jiru argisiisu abjuudhaan argeera. (Daaniʼel 7:1-3, 17) Akkasumas Waaqayyo, Yoseef inni biyya Naazireet jiraatuufi abbaa buddeenaa Yesus taʼe, Maariyaamiifi mucaasaa qabatee Gibxiitti akka baqatu abjuudhaan itti himee ture. Haala kanaan, Yesus Heroodis mooticha isa hamaa taʼe harkatti duʼuu jalaa ooleera. Yommuu Heroodis duʼetti, Waaqayyo kana abjuudhaan Yoseefitti beeksisuudhaan maatiisaa qabatee biyyasaatti akka deebiʼu itti himeera.—Maatewos 2:13-15, 19-23.
Yeroo harʼaa Waaqayyo abjuutti fayyadamuudhaan nuu wajjin ni dubbataa?
“Wanta caaffanni qulqullaaʼaan jedhu gararraa hin darbinaa!”—1 Qorontos 4:6.
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Abjuun Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamee jiru, mulʼata Waaqayyo ilmaan namootaatiif ibse keessaa tokkodha. Mulʼata kana ilaalchisee, 2 Ximotewos 3:16, 17 akkas jedha: “Caaffanni qulqullaaʼaan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan dandaʼe, hojii gaarii hundumaafis kan qophaaʼe akka taʼu in godha.”
Macaafni Qulqulluun waaʼee Waaqayyoo, amalootasaa, seera inni amalaaf baaseefi gaʼee nuti kaayyoo inni lafaaf baase keessatti qabnu nuuf ibsuudhaan ‘nu qopheessa.’ Kanaaf, Waaqayyo ergaasaa nutti himuuf abjuutti hin fayyadamu. Waaʼee gara fuulduraafi kaayyoo Waaqayyo nuuf qabu baruuf, ‘wanta Caaffanni Qulqullaaʼaan jedhu gararraa,’ jechuunis isa Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamee jiru ‘darbuu hin qabnu.’ Kana malees, namoonni hundi Macaafa kana argachuufi abjuus taʼe mulʼata Waaqayyo biraa dhufeefi achi keessa jiru qayyabachuu ni dandaʼu.
Abjuufi mulʼata Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamee jirutti kan amannu maaliifi?
“Namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.”—2 Phexros 1:21.
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Abjuufi mulʼanni Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hedduun raajii, jechuunis wantoota gara fuulduraatti raawwataman kan of keessatti qabatedha. Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan, raajiiwwan kana barreessuunsaanii amanamoo taʼuusaaniifi wanti Macaafni Qulqulluun dubbatu dhugaa taʼuusaa hubachuuf nu gargaara. Wanti isaan barreessan sirrii taʼuunsaa mirkanaaʼeeraa? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Mulʼanni, Daaniʼel 8:1-7rratti argamu kan barreeffame gara xumura bulchiinsa Baabilonitti ture.
Raajiin kun, korbeessi reettii tokko korbeessa hoolaa tokko rukutuudhaan darbatee akka kuffise ibsa. Daaniʼel hiikni mulʼata kanaa maal akka taʼe tilmaamuun isa hin barbaachisne. Ergamaan Waaqayyoo isatti mulʼachuudhaan, “Korbeessi hoolaa gaanfa lama qabu . . . sun, mootota Medoonii fi Faares in argisiisa; korbeessi reettii inni dabbasaa qabu sun immoo mootummaa Giriikii argisiisa” isaan jedhe. (Daaniʼel 8:20, 21) Mootummaan Medooniifi Faares mootummaa Baabilon injifachuudhaan mootummaa addunyaa akka taʼe seenaan ni mirkaneessa. Achiis, gara waggaa dhibba lamaa booda, mootummaan Giriik inni Aleeksaandar Guddichaan geggeeffamu mootummaa Medooniifi Faares injifateera. Seenaan dhugaa taʼe akkasii, abjuus taʼe, raajiin Macaafa Qulqulluu keessa jiru hundi sirrii taʼuusaa kan mirkaneessudha. Yaadni kuniyyuu Macaafni Qulqulluun kitaabota amantii kaanirraa adda akka taʼeefi itti amanamuu akka dandeenyu kan argisiisudha.