Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kunuunsitoota Biqiltuu Balaliʼanii Fi Bosona Naannoo Mudhii Lafaa Keessatti Argaman

Kunuunsitoota Biqiltuu Balaliʼanii Fi Bosona Naannoo Mudhii Lafaa Keessatti Argaman

AKKUMA kunuunsituun biqiltuu hundi beeku, biqiltuun tokko akka gaariitti kan guddatu iddoo sirrii fi yeroo sirriitti yoo facaafame dha. Haala kana irraa adda taʼeen bosona naannoo mudhii lafaa tokko tokko keessatti sanyiin kan facaafamu halkan halkan qilleensa irraa siʼa taʼu, malli kunis hunda caalaa buʼaa qabeessa dha. Kunuunsitoonni biqiltuu balaliʼanii sanyii facaasan simbirroota halkanii Oold Worlid firuut baatis jedhaman siʼa taʼan, sanyii isaanii keessaa tokko tokko sardiidota balaliʼan jedhamanii waamamu. *

Sanyii Bittinneessuu

Simbirroonni halkanii kun baayʼeen isaanii muka firii isaan jaallatan godhatu ykn abaaboowwan nadhii baayʼee qaban barbaaduuf halkan halkan asii fi achi balaliʼu. Yeroo nyaata barbaaduu balaliʼan kanatti, nyaanni garaa isaanii keessa jiru kan daakamu siʼa taʼu, qolaa fi sanyii daakamuu hin dandeenye kosii isaanii wajjin buusu. Yeroo nadhii abaaboo baayʼee jaallatan xuuxanitti, abaaboowwan wal horsiisuudhaan (poolineessuudhaan) achumaan hojii biqiltuu kunuunsuu raawwatu.

Simbirroonni kun halkan halkan karaa dheeraa waan balaliʼaniif iddoo garaa garaatti sanyii bittinneessu. Yeroo balaliʼanitti kosii isaanii wajjin sanyii ni buusu, kosiin isaan sanyii kanaa wajjin buusan kun sanyichaaf xaaʼoo taʼa. Biqiltoota garaa garaa bosonoota naannoo mudhii lafaa keessa jiraniif abaaboowwan isaanii kan wal horsiisu ykn sanyii isaanii iddoo garaa garaatti kan facaasu simbirroota halkanii ti.

 Simbirroonni kun fagaatanii waan balaliʼaniif, dandeettii kallattii beekuu fi waan tokko fagoodhaa arguu qabaachuun isaan barbaachisa. Dukkana keessatti namoota caalaa arguu dandaʼu. Halluuwwan tokko tokko iyyuu addaan baasuu ni dandaʼu. Guyyaas taʼe halkan balaliʼuun isaan gammachiisa.

Jireenya Maatii

KANA BEEKTA TURTEE? Simbirroota halkanii hedduu irraa haala adda taʼeen, simbirroonni halkanii firuut baatis jedhaman kun, nyaata isaanii kan argatan owwaattuutti fayyadamanii utuu hin taʼin, arguu fi fuunfachuudhaani. Iddoon iji isaanii inni gurguddaan jiru sochii halkan raawwataniif mijaaʼaa dha

Sanyiin simbirroo halkanii sardiida balaliʼu (Piteropas saamoʼeensis) jedhamuu fi Saamooʼaa keessatti argamu, kormaanii fi dhaltuun isaa hamma dhumaatti waliin jiraatu. Sanyiiwwan simbirroota halkanii tokko tokko irratti akka hubatametti, isheen dhaltuun torban murtaaʼeef mucaa ishee bakka dhaqxu hunda baattee dhaquudhaan, akkasumas hamma gaʼeessa taʼutti hoosisuudhaan kunuunsa gaarii gootiif. Sanyiiwwan simbirroota kanaa lama irratti akka hubatametti, isheen dhaltuun “deessistuu” yeroo dhaltutti ishee gargaartu qabaachuu illee ni dandeessi.

Kan nama gaddisiisu garuu, sanyiin isaanii baduu kan gaʼe siʼa taʼu, kanaaf immoo sababiin inni tokko bakki jireenyaa isaanii mancaʼuu isaa ti. Sanyiin biqiltuuwwan odoolawwan Paasifiik Kibbaa keessa jiranii tokko tokko simbirroota halkanii kanaan ala wal horuu hin dandaʼan jechuun ni dandaʼama; kanaaf sanyiin simbirroota kanaa baduun isaa odoolawwan kanaaf baayʼee yaaddessaa dha. Dhuguma iyyuu, hojiin kunuunsitoota biqiltuu balaliʼan kanaa akka laayyootti ilaalamuu hin qabu.

^ KEY. 2 Simbirroonni halkanii Oold Worlid firuut baatis jedhaman Afriikaa, Eeshiyaa, Awustiraaliyaa fi Odoolawwan Paasifiik tokko tokko keessatti argamu.