GAAFANNOO | ISTEEFAN TEEYLAR
Piroofeesarri Akkaawuntiingii Amantii Isaa Ibsa
Piroofeesar Isteefan Teeylar Yunivarsiitii Teknoolojii Siidnii, Awustiraaliyaa keessatti barsiisa, akkasumas qorannaa raawwata. Gabaawwan maallaqa hedduu sochoosanii fi karaa itti gatiin isaanii toʼatamuu dandaʼu qorata. Dammaqaan! qorannaan isaa amantii isaa irratti dhiibbaa kan geessise akkamitti akka taʼe isa gaafateera.
Mee akkaataa guddinaa kee nutti himi.
Warri koo waldaa amantiitti kan deddeebiʼan siʼa taʼu, amanamoo fi hojiitti cimoo turan. Barumsa gaarii akkan argadhu na jajjabeessu turan; kanaaf, Yunivarsiitii Niiw Saawuz Weelsitti waaʼee daldalaan baradhe. Qorannaa gochuu akkan jaalladhu waanan hubadheef, hojii barsiisuu fi qorannaa gochuu wajjin wal qabatu hojjechuufan murteesse.
Qorannaa akkamii goote?
Keessumaa hojiin gabaa aksiyoonii haala akkamiitiin akka raawwatamu beekuu nan barbaadan ture. Gabaan aksiyoonii namoonni aksiyooniiwwan dhaabbata tokkoo akka bitanii fi gurguran kan dandeessisu siʼa taʼu, qarshii argataniin hojii isaanii ittiin geggeessu. Wantoota gatii aksiyoonii irratti dhiibbaa geessisan irrattis qorannaa nan godha.
Fakkeenya tokko nuu kennuu dandeessaa?
Dhaabbileen yeroo murtaaʼetti galii isaanii gabaasa gochuun isaan irraa eegama. Abbootiin qabeenyaa gama qarshiitiin haala dhaabbatichi keessa jiru beekuuf gabaasa kana fayyadamu. Haa taʼu malee, karaan isaan buʼaa argatan ittiin gabaasan tokko tokko dhaabbataa miti. Qeeqxonni tokko tokko haalli akkasii dhaabbileen buʼaa isaanii sirriitti akka hin gabaasne karaa isaanii bana jedhu. Abbootiin qabeenyaa odeeffannoo sirrii fi guutuu taʼe argachuu kan dandaʼan akkamitti? Warri toʼannaa godhan hoo, gabaawwan maallaqa guddaa sochoosan karaa sirrii taʼeen hojjechaa jiraachuu isaanii beekuuf odeeffannoo akkamiitu isaan barbaachisa? Anii fi namoonni anaa wajjin hojjetan gaaffilee kanaaf deebii argachuuf yaalaa jirra.
Amantiin kee maal ture?
Warra koo wajjin Waldaa Pirisbiteeriyaanii dhaqaan ture; taʼus umurii waggoota kurnanii keessa utuun jiruu amantii irraa nan fagaadhe. Uumaan akka jiru nan amana, akkasumas Macaafa Qulqulluudhaaf kabaja qaban ture; taʼus rakkina jireenya keessatti nu mudatuu wajjin haala wal qabateen amantiin kan nama gargaaru taʼuu isaa shakkii qaban ture. Gareewwan amantii, gareewwan hawaasaa wajjin tokkuma natti taʼu turan. Awurooppaa keessatti waldaalee amantii gurguddaa hedduu dhaqeen ture; utuu addunyaan hiyyummaadhaan guutamee jiruu, isaan qabeenya hedduu kan qabaatan maaliif akka taʼe naaf hin galu ture. Garaagarummaa jiru kana fudhachuun waan natti ulfaateef, amantii irratti shakkii guddaatu natti uumame.
Ilaalcha kee kan jijjiire maali dha?
Haati manaa koo Jeniifar Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu fi walgaʼii isaanii irratti argamuu jalqabdee turte; kanaaf, anis ishee wajjin dhaqee jara kana ilaaluu akkan qabu natti dhagaʼame. Waaʼee Macaafa Qulqulluu waan tokko iyyuu akkan hin beekne hubachuuf yeroo natti hin fudhanne. Kun baayʼee na naasise! Sana booda Dhugaa Baatotaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuun jalqabe.
Malli qayyabannaa Dhugaa Baatota kanaa baayʼee na dinqisiise. Gaaffilee kaasu, ragaawwan walitti qabanii qorannaa irratti godhu, achii xumura amansiisaa tokko irra gaʼu; kun immoo malan qorannaa geggeessuuf itti fayyadamaa ture dha! Jeniifar cuuphamtee waggoota muraasa booda, anis bara 1999tti cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.
Beekumsi ati dinagdee ilaalchisee qabdu amantii Macaafa Qulqulluu irratti qabdu sii cimseeraa?
Akka gaariitti naa cimse. Fakkeenyaaf, Seerri Waaqayyo Israaʼeloota duriitiif kenne rakkina dinagdee hamma harʼaatti ogeessota dinagdee mudatuuf furmaata kan kennu ture. Seerichi Israaʼeloonni warra hiyyeessota taʼaniif qarmii akka dhiisan ni jajjabeessa ture (kun gibiraa fi inshuraansii wajjin wal fakkaata); warra rakkataniif liqii dhala hin qabne akka kennanis isaan irraa eega ture (kun liqiidhaaf haala mijeessuu wajjin wal fakkaata); akkasumas, lafti waggaa 50 booda abbaa qabeenyaatiif akka deebifamu ni ajaja ture (kun mirga abbaa qabeenyummaa eeguu wajjin wal fakkaata). (Lewwoota 19:9, 10; 25:10, 35-37; Keessa Deebii 24:19-21) Qophiiwwan kunii fi kan biroon karaawwan gurguddaa sadiin sabicha gargaaraniiru: (1) Rakkinni maallaqaa wajjin wal qabate yeroo isaan mudatu isaan gargaaraniiru; (2) hiyyummaa keessaa akka baʼan isaan gargaaraniiru; akkasumas (3) wal caalmaa gama dinagdeetiin namoota gidduu jiru hirʼisaniiru. Kun hundi kan taʼe dinagdeen akka saayinsiitti beekamuu isaa waggaa 3,000 dura dha!
Macaafni Qulqulluun ilaalchawwanii fi amaloota tasgabbii dinagdeetiif barbaachisaa taʼan ni jajjabeessa. Fakkeenyaaf, namoonni amanamoo, gara laafeyyii fi arjoota akka taʼan barsiisa. (Keessa Deebii 15:7-11; 25:15; Faarfannaa 15) Kan nama dinqisiisu, kufaatii dinagdee dhiheenyatti uumameen kan kaʼe, manneen barumsaa daldalaa fi dhaabbileen daldalaa tokko tokko, ogeessonni dinagdee ulaagaalee amalaa wajjin wal qabatan hojii irra oolchuuf waadaa akka galan gochaa jiru. Akka ilaalcha kootti garuu, ulaagaaleen amalaa Macaafa Qulqulluu keessa jiran, seerawwan daldalaa wajjin wal qabatan irra baayʼee caalu.
Amantiin kee amala kee irratti jijjiirama akkamii fide?
Macaafa Qulqulluu qayyabachuun wantan hanga harʼaatti hojjedhe keessaa hojii isa guddaa dha
Jeniifar amalli koo akka jijjiirame natti himti. Kanaan dura namni matumaa dogoggora hojjechuu akka hin qabne natti dhagaʼama ture; akkasumas wanti tokko sirrii miti taanaan dogoggora dha jedheen yaadan ture. Seera akkaawuntiingii wajjin haala wal qabateen milkaaʼina kanan argadhes kanaaf taʼuu dandaʼa! Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal simee jiraachuun koo caalaatti ilaalcha madaalamaa akkan qabaadhu na gargaareera. Amma anis taʼe maatiin koo isa duraa caalaa gammachuu qabna. Akkasumas, ogummaa Macaafa Qulqulluu keessa jiru namootatti himuun nu gammachiisa. Macaafa Qulqulluu qayyabachuun wantan hanga harʼaatti hojjedhe keessaa hojii isa guddaa dha.