Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | MACAAFNI QULQULLUUN YEROO HARʼAATTI NI FAYYADAA?

Amanamummaa

Amanamummaa

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Godoo [Waaqayyoo] keessa eenyutu buufata ree? . . . Nama balleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatiin dhugaa dubbatu.”Faarfannaa 15:1, 2.

FAAYIDAA ISAA: Namoonni baayʼeen amanamummaadhaaf iddoo guddaa kennu. Haa taʼu malee, namni tokko amanamummaa isaa dhiisuun isaa faayidaa akka isaaf argamsiisuu fi haala kana eenyu iyyuu akka isa irratti hin beekne yeroo isatti dhagaʼamu maal godha? Tarkaanfiin inni yeroo kanatti fudhatu garaa isaa irratti, jechuunis keessa namummaa isaa irratti hundaaʼa.

Raakel isheen hojiin ishee bittaa meeshaalee wajjin wal qabatu akkana jetteetti: “Namoonni hojii gurgurtaa hojjetan tokko tokko mattaʼaa naa kennuuf yaalanii turan. Yoon isaan irraa bite dhoksaadhaan qarshii dabalataa akka naa kennan waadaa naa galanii turan. Ani garuu gorsa Macaafni Qulqulluun amanamummaa ilaalchisee kennu waanan yaadadheef afeerraa isaanii hin fudhanne. Hoggantuun koo waaʼee dhimma kanaa yeroo dhageessetti amantaan isheen ana irratti qabdu ni dabale.”

Raakel afeerraa isheedhaaf dhihaateen gowwoomfamteetti utuu taʼee, gama qarshiitiin faayidaa yeroo gabaabaa argachuu ni dandeessi turte. Haa taʼu malee, hojjechiistuun ishee dhimma kana yoo beekte maaltu taʼa? Hojii ishee kanaan itti fufuu ni dandeessii? Carraa gara fuulduraatti hojii argachuuf qabdu irratti hoo dhiibbaa akkamii geessisa? Wanti hunda caalaa Raakeliin yaaddesse, sammuu qulqulluu qabaachuu ishee fi kabaja ofiif qabdu ture. Fakkeenyi 22:1, “Badhaadhummaa guddaa irra, maqaa gaarii wayya; meetii yookiis warqee irra, faara tolaadhaan ilaalamuu wayya” jedha.

Jeesiinis amanamaa waan taʼeef, hojjechiisaa isaa biratti maqaa gaarii argateera. Faayidaa akkamii argate? Sadarkaa hoggantummaatti kan guddate taʼuu isaa irra iyyuu, sagantaa hojii wajjin haala wal qabateen bilisummaan isaaf kennameera. Kanaan kan kaʼe, haadha manaa isaa fi ijoollee isaa wajjin, akkasumas sochiiwwan hafuuraa irratti yeroo dabalataa dabarsuu dandaʼeera.

Dhaabbileen tokko tokko hojjettoota qacaruu ennaa barbaadan, gareewwan amanamummaa isaaniitiin beekaman haasofsiisu. Fakkeenyaaf, hogganaan dhaabbata Filippiinsitti argamu tokkoo xalayaa Dhugaa Baatonni hojiidhaaf akka galmaaʼan afeeru, gara waajjira Dhugaa Baatota Yihowaatti ergeera. Namni kun, isaan “ciminaan hojjetu, amanamoo dha, akkasumas garaadhaa hojjetu” jedheera. Kanaaf galateeffamuu kan qabu garuu, Waaqa keenya Yihowaa isa ‘wanta hamaa akka jibbinuu’ fi ‘wanta gaarii akka jaallannu’ nu barsiise dha.—Amos 5:15.