Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MAATIIDHAAF | DARGAGGOOTA

Miira Kee T⁠o⁠ʼachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Miira Kee T⁠o⁠ʼachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

HAALA RAKKISAA

“Obboleettii kootti iyyeen humnaan balbala darbadhe; qabannoon balbalichaas keenyan manichaa uree gale. Yeroon qaawwa keenyanichaa argu hundatti akka ijoollee na godhee akka turen yaadadha.”—Daayaan. *

“‘Ati abbaa hamaa dha!’ jedhee itti iyyeen balbala darbadhee cufe. Balbalichi cufamuu isaa dura abbaan koo miirri isaa baayʼee akka miidhame fuula isaa irraan hubadhe; wantan jedhetti yeruma sanan gaabbe.”—Looran.

Ati akka Looranii fi Daayaan taatee beektaa? Taanaan mata dureen kun si gargaaruu dandaʼa.

WANTA BEEKUU QABDU

Aarii toʼachuu dadhabuun maqaa gaarii akka hin qabaanne si godha. Biriyaanaan isheen amma umuriin ishee waggaa 21 taʼe akkana jetteetti: “Yeroon aarutti namoonni amala koo akka taʼe naaf hubachuu akka qaban natti dhagaʼama ture. Booda garuu, namoonni of toʼachuu yeroo dadhaban gowwaa akka fakkaatanan hubadhe; anaanis namoonni kaan akkasumatti akka na ilaalanan hubadhe!”

Macaafni Qulqulluun, “Namni dafee aaru waan hojjetu hin beeku” jedha.—Fakkeenya 14:17.

Aariin kee namoonni akka si irraa fagaatan gochuu dandaʼa. Daaniʼel inni umuriin isaa waggaa 18 taʼe, “Yeroo miira kee toʼachuu dadhabdu, ulfinaa fi kabaja namoota biratti qabdu ni dhabda” jedheera. Ileen isheen umuriin ishees waggaa 18 taʼe yaada kana irratti walii galti. “Namni baayʼee aaru nama hin hawwatu. Amalli akkasii namoonni akka isin sodaatan godha” jetteetti.

Macaafni Qulqulluun, “Nama dheekkamaatti hin firoomin, nama dafee aaruttis hin hidhatin!” jedha.—Fakkeenya 22:24.

Jijjiiramuu ni dandeessa. Intala waggaa 15 kan taate Saraan akkana jetteetti: “Haala tokko ilaalchisee miira sitti dhagaʼamu yeroo hunda toʼachuu hin dandeessu; akkaataa miira kee itti ibsitu garuu toʼachuu ni dandeessa. Aariidhaan finiinuu hin qabdu.”

Macaafni Qulqulluun, “Nama aango-qabeessa irra, nama obsa-qabeessa wayya; nama biyya bulchu irra, nama of abboomu wayya” jedha.—Fakkeenya 16:32.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Galma baafadhu. “Kun uumamuma koo ti” jechuu mannaa, yeroo murtaaʼe keessatti, tarii jiʼa jaʼa keessatti jijjiirama gochuuf carraaqqii godhi. Jijjiirama yeroo kana keessatti goote yeroo yerootti galmeeffadhu. Yeroo aarii kee toʼachuu dadhabde hundatti, (1) wanta uumame, (2) tarkaanfii fudhatte, akkasumas (3) tarkaanfiin utuu fudhattee gaarii ture maal akka taʼee fi akkas kan jette maaliif akka taʼe barreeffadhu. Sana booda, yeroo itti aanutti yommuu aartu tarkaanfii gaarii sana fudhachuuf galma baafadhu. Kana malees, milkaaʼina argatte galmeeffadhu! Erga of toʼattee booda miirri gaariin akkamii akka sitti dhagaʼames barreessi.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Qolosaayis 3:8.

Tarkaanfii fudhachuu kee dura takka turi. Namni ykn wanti tokko yeroo si aarsu, wanta jalqaba sii dhufe hin dubbatin. Kanaa mannaa takka turi. Yoo barbaachisaa taʼe guddisii hafuura baafadhu. Eeriik inni umuriin isaa waggaa 15 taʼe, “Hafuura baafachuun koo wantan booda itti gaabbu gochuu ykn dubbachuu koo dura yaaduuf yeroo naa argamsiisa” jedheera.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 21:23.

Ilaalcha balʼaa qabaadhu. Yeroo tokko tokko kan aartu haala uumame keessaa dhimma tokko irratti qofa, jechuunis wanta si tuqu irratti qofa waan xiyyeeffattuuf taʼuu dandaʼa. Haala sana kallattii kan biraatiin ilaaluuf yaali. Shamarreen Jeesikaa jedhamtu tokko, “Namni tokko wanta seeraan ala taʼe yeroo raawwatutti illee, sababii hamma tokko akkan isa hubadhu na godhu tokko hin dhabu” jetteetti.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 19:11.

Barbaachisaa taanaan iddoo sanaa deemi. Macaafni Qulqulluun, ‘Waliin morkiin utuu hin jabaatin ati duraa maqi’ jedha. (Fakkeenya 17:14, hiika bara 1899) Akka caqasni kun jedhutti, haala lola kaasuu dandaʼu irraa fagaachuun yeroo tokko tokko gaarii taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, dhimma sana irratti yaaduu kee itti fufuudhaan caalaatti of aarsuu mannaa, dafii tarkaanfii fudhadhu. Shamarreen Daaniyeel jedhamtu, “Ispoortii hojjechuun dhiphina koo akka naa hirʼisuu fi aarii koo toʼachuuf akka na gargaaru hubadheera” jetteetti.

Dhiisuu baradhu. Macaafni Qulqulluun, ‘Dheekkamaa [ykn aaraa], cubbuus hin hojjetinaa. Garaa keessaniin dubbadhaa, callumas jedhaa’ jedha. (Faarfannaa 4:4, hiika bara 1899) Aariin namatti dhagaʼamuun isaa dogoggora akka hin taane hubadhu. Wanti irratti yaadamuu qabu, tarkaanfii ati sana booda fudhattu dha. Dargaggeessi Riichaard jedhamu, “Warri kaan akka si aarsan yoo heyyamte, si irratti aangoo akka qabaatan goota. Kanaa mannaa, dhimmicha callistee dhiisuudhaan bilchina akka qabdu argisiisuuf maaliif hin yaaltu?” jedheera. Kana yoo goote, aariin kee si hin toʼatu; kanaa mannaa situ aarii kee toʼata.

^ key. 4 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.