MATA DUREE FUULA JALQABAA
Ijoollee Adabuun Hafaa Jiraa?
Waggoota dhihoodhaa asitti haalli jireenyaa maatiiwwan biyyoota Dhihaatti argamanii karaa nama dinqisiisuun jijijjiiramaa jira. Kanaan dura, warri ijoollee irratti aangoo kan qaban siʼa taʼu, isaanis warra isaaniitiif ni abboomamu turan. Yeroo harʼaatti garuu haalli maatiiwwan tokko tokko keessatti mulʼatu faallaa kanaa ti. Fakkeenyawwan armaan gaditti caqasamanii fi mudachaa jiran ilaali.
-
Mucaan waggaa afurii tokko haadha isaa wajjin suuqii utuu jiruu ashaangulliitii tokko fudhate. Haati isaa isa dhowwuu yaaluudhaan akkas jetteen: “Ashaangulliitii baayʼee qabda mitii?” Booda garuu, “Mitii?” jettee isa gaafachuun ishee sirrii akka hin turre hubatte. Mucichis, “Kanas nan barbaada!” jedhee of nyaachuu jalqabe. Akkuma amala isaa akka inni hin boonye waan barbaaddeef haati isaa ashaangulliiticha isaaf bitte.
-
Intallii waggaa shanii tokko abbaan ishee utuu nama kan biraa wajjin haasaʼaa jiruu maree isaanii gidduu seentee, “Nan nuffe, garaa manaa deemuun barbaada!” jette. Abbaan ishees wanta dubbachaa jiru addaan kutee, gadi jedhee sagalee laafaadhaan akkas jedheen: “Bareedduu ko, daqiiqaa xinnoo ishee naa obsi.”
-
Jamsi inni umuriin isaa waggaa 12 taʼe ammas barsiistuu isaatti akka iyye himatame. Abbaan Jamsi ilma isaatti utuu hin taʼin barsiistuu sanatti aare. Jamsiin,“Yeroo hundumaa balleessaa si irratti barbaaddi. Dhaqeetan boordii mana barumsichaatti ishee himadha!” jedhe.
Fakkeenyonni olitti ibsaman seenaa dhugaa taʼuu baatanis, wanta taʼaa jiru sirriitti kan argisiisani dha. Fakkeenyonni kun, maatiiwwan addaggummaa ijoollee bira darban, wanta isaan gaafatan hunda isaaniif godhan, akkasumas miidhaa amalli isaanii inni gadheen isaanitti fide jalaa ijoollee isaanii oolchaa jiran keessa rakkina jiru kan argisiisani dha. Kitaabni Za Narsisiizim Eppiidemik jedhamu, “Warri ijoolleedhaaf aangoo gadhiisaa akka jiran arguun baayʼee baramaa taʼeera. Yeroo muraasa dura, ijoolleen aangoo kan qabu eenyu akka taʼe, jechuunis isaan akka hin turre beeku turan” jechuudhaan ibseera.
Dhugaa dha, warri hedduun ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuudhaan qofa utuu hin taʼin, yeroo barbaachisutti adaba cimaa jaalala irratti hundaaʼe isaaniif kennuudhaan, ijoollee isaanii seera amalaa gaarii barsiisuuf ni carraaqu. Warri kana gochuun buʼaa akkamii akka qabu hubatan, kitaabni olitti caqasame akka ibsetti, “wanta gama aadaatiin fudhatama qabu irraa faallaa taʼe raawwachaa jiru.”
Haalli kun sadarkaa kana irra akka gaʼu wanti taasise maali dha? Ijoollee adabuun hafaa jiraa?
Aangoon Warraa Laafaa Jira
Namoonni tokko tokko akka dubbatanitti aangoon warraa laafuu kan jalqabe bara 1960niitii kaasee, jechuunis yeroo beektonni, warri ijoollee isaaniitiif caalaatti bilisummaa akka kennan jajjabeessaa turanitti dha. Akkana jedhu turan: ‘Michuu isaaniif taʼaa malee aangoo keessan isaan irratti hin argisiisinaa.’ ‘Adabuu irra galateeffachuu wayya.’ ‘Ijoolleen keessan wanta sirrii hin taane yeroo hojjetan isaan sirreessuu mannaa, wanta gaarii isaan hojjetan irratti xiyyeeffadhaa.’ Beektonni kun, galateeffachuu fi sirreeffama kennuu wal faana deemsisuu mannaa, ilaalcha ijoollee sirreessuun miira isaanii isa salphaatti hubamu jalaa miidha, akkasumas erga guddatanii booda warra isaanii irratti haaloo akka qabatan godha jedhu waan babalʼisan fakkaata.
Akkasumas, yeroo dheeraa dura beektonni faayidaa ofitti amanamummaan qabu labsaa turan. Akka waan ijoollee akka gaariitti guddisuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe iccitiin ibsu akka tasaa argamee, Ijoolleen kee waaʼee ofii isaanii miirri gaariin akka itti dhagaʼamu godhi! jedhu turan. Ijoolleen ofitti amanannaa akka qaban gochuun barbaachisaa akka taʼe beekamaa dha. Yaanni gar malee ofitti amanamuu jajjabeessu garuu miidhaa qaba. Beektonni warraan, ‘Jechoota kan akka lakki ykn gadhee jedhanitti hin fayyadaminaa.’ ‘Ijoolleen keessan adda akka taʼanii fi wanta taʼuu barbaadan hunda taʼuu akka dandaʼan yeroo hunda itti himaa’ jedhu turan. Yaadni kun, gaarii taʼuu mannaa gaarii akka taʼan itti dhagaʼamuun isaa caalaatti barbaachisaa dha ergaa jedhu dabarsa.
Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko akka jedhanitti ijoolleen gar malee akka ofitti amanaman jajjabeessuun, akka waan addunyaan kan isaanii taʼetti akka moosifaman akka itti dhagaʼamu gochuudhaan alatti wanta fayyade hin qabu. Akkasumas, kitaabni Janareeshin Mii jedhamu, ilaalchi kun dargaggoonni hedduun, “jireenya isaanii keessatti ceephoo isaan mudatu, akkasumas milkaaʼina dhabuu darbee darbee isaan mudatuuf
akka isaan hin qopheessine” dubbateera. Abbaan kitaaba kana keessatti yaada kenne tokko akkas jedheera: “Bakka hojiitti namni waaʼee ofitti amanamummaa kee dhimma qabu hin jiru. . . . Gabaasa gaarii hin taane waajjirichatti yoo dhiheessite, hogganaan kee, ‘Bifa waraqaa ati gabaasa ittiin dhiheessitee jaalladheera’ siin hin jedhu. Karaa kanaan ijoollee guddisuun miidhaa irraan geessisa.”Ilaalcha Jijjiiruu
Waggoota kudhaniin lakkaaʼamanii asitti, akkaataan warri ijoollee itti guddisan, yeroo baayʼee ilaalcha namootaa saffisaan jijijjiiramaa jiru kan calaqqisiisu dha. Hayyuun Roonaald Mooriish jedhaman akkana jedhaniiru: “Adabni jijijjiiramaa jira. Kun immoo jijjiirama hawaasa keenya keessa jiru kan argisiisu dha.” * Kanaafuu, akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu, warri salphaatti ‘dhaʼaan asii fi achi isaan rukutuu fi qilleensi barsiisa namootaa isaan fudhachuu’ dandaʼa. —Efesoon 4:14.
Adabaa wajjin haala wal qabateen ejjennoo laafaa qabaachuun dhiibbaa gadhee akka geessise ifa dha. Aangoo warri qaban laaffisuu qofa utuu hin taʼin, ijoolleen qajeelfama filannoo gaarii gochuuf, akkasumas ofitti amanannaa dhugaadhaan akka jiraatan isaan dandeessisu akka hin argannee isaan taasiseera.
Karaan kana irra wayyu jiraa laata?
^ KEY. 15 Dalga ciibsee kan barreesse nuyi dha; kitaaba Sakreets oov Disippiliin: Tuweelv Kiis foor Reeyiziing Rispoonsibil Chiildiran.