Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 50

“Anaa Wajjin Jannata Keessa ni Taata”

“Anaa Wajjin Jannata Keessa ni Taata”

“Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin Jannata keessa ni taata.”—LUQ. 23:43.

FAARFANNAA 145 Waadaa Waaqayyo Jannata Fiduuf Gale

QABIYYEE a

1. Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura yakkamaa isa bira tureen maal jedhe? (Luqaas 23:39-43)

 YESUUSII fi yakkamtoonni lamaan isa biratti fannifamanii turan kan duʼan baayʼee dhiphataniiti. (Luq. 23:32, 33) Yakkamtoonni kun lamaan isatti qoosaa waan turaniif barattoota isaa akka hin taane ifadha. (Mat. 27:44; Mar. 15:32) Haa taʼu malee, inni tokko ilaalcha isaa jijjiireera. Yesuusiin, “Yaa Yesuus, yommuu gara Mootummaa keetti dhuftu na yaadadhu” jedheera. Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin Jannata keessa ni taata” isaan jedhe. (Luqaas 23:39-43 dubbisi.) Yakkamaan kun ergaa waaʼee ‘Mootummaa samii’ ibsuu fi Yesuus lallabaa ture akka fudhate wanti argisiisu hin jiru. Yesuusis namichi kun Mootummaa samiitti akka galu hin dubbanne. (Mat. 4:17) Yesuus dubbachaa kan ture waaʼee Jannata lafarraa gara fuulduraatti dhufuuti. Akkas kan jennu maaliifi?

Waaʼee yakkamaa Yesuusiin haasofsiisee fi wanta yakkamaan sun beeku ilaalchisee xumura akkamiirra gaʼuu dandeenya? (Keeyyata 2-3 ilaali)

2. Yakkamaan yaada geddarate sun nama Yihudii akka taʼe wanti argisiisu maalidha?

2 Yakkamaan yaada geddarate sun Yihudii taʼuu hin oolu. Yakkamaan kun yakkamaa isa kan biraadhaan, “Ati matumaa Waaqa hin sodaattuu? Murtiin isa irratti dabarfame si irrattis dabarfameera mitii?” jedheera. (Luq. 23:40) Yihudoonni Waaqa tokko waaqeffatu turan; saboonni kaan garuu waaqolii hedduutti amanu turan. (Bau. 20:2, 3; 1 Qor. 8:5, 6) Yakkamtoonni kun utuu Yihudoota miti taʼanii yakkamaan inni tokko, “Ati matumaa waaqolii hin sodaattuu?” jedha ture. Kana malees, Yesuus kan ergame saboota kaaniif utuu hin taʼin, ‘hoolota mana Israaʼel keessaa badaniifi.’ (Mat. 15:24) Yihowaanis namoota duʼan duʼaa akka kaasu Israaʼelotatti himeera. Yakkamaan inni yaada geddarate kana beekuu hin oolu; wanti inni dubbates Yihowaan Yesuusiin duʼaa kaasuudhaan Mootummaa isaarratti Mootii akka isa godhu akka beeku argisiisa. Namichi kun Waaqayyo duʼaa akka isa kaasu abdatee akka tures ifadha.

3. Yakkamaan yaada geddarate sun yeroo Yesuus waaʼee Jannataa dubbatu maal yaadee taʼuu dandaʼa? Ibsi. (Uumama 2:15)

3 Yakkamaan yaada geddarate sun Yihudii waan taʼeef, waaʼee Addaamii fi Hewaan, akkasumas waaʼee Jannata Yihowaan isaaniif kennee beeka ture. Kanaafuu, yakkamaan yaada geddarate sun Jannanni Yesuus waaʼee isaa dubbate iddoo biqiltuu bareedaa lafarratti argamu akka taʼe hubatee taʼuu qaba.—Uumama 2:15 dubbisi.

4. Wanti Yesuus yakkamaa sanatti hime waaʼee maalii akka yaannu nu kakaasuu qaba?

4 Wanti Yesuus yakkamaa sanatti hime jireenyi Jannata keessaa maal akka fakkaatu akka yaannu nu kakaasuu qaba. Bulchiinsa Solomoon Mootichaa isa naga qabeessa turerraas waaʼee Jannataa wanta barannu qabna. Yesuus inni Solomoonirra baayʼee caalu lafarra haalli gaariin akka jiraatu gochuuf warra isa faana bulchan wajjin taʼuudhaan akka hojjetu eeguu dandeenya. (Mat. 12:42) ‘Hoolonni kan biroon’ ulaagaan Jannata keessa jiraachuuf isaan barbaachisu maal akka taʼe beekuuf fedhii qabaachuu akka qaban ifadha.—Yoh. 10:16.

JANNATA KEESSATTI JIREENYI MAAL FAKKAATA?

5. Jireenyi Jannata keessaa maal akka fakkaatu eegda?

5 Waaʼee jireenya Jannata keessaa yeroo yaaddu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Waaʼee paarkii bareedaa iddoo biqiltuu Eedan fakkaatuu yaadda taʼa. (Uma. 2:7-9) Raajii Miikiyaas isa sabni Waaqayyoo “tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jala” akka taaʼan dubbatu yaadatteetta taʼa. (Mik. 4:3, 4) Yaada Kitaaba Qulqulluu nyaanni irraa hafaan akka jiraatu dubbatus yaadatteetta taʼa. (Far. 72:16; Isa. 65:21, 22) Kanaafuu, iddoo biqiltuu bareedaa keessa minjaala nyaata miʼaawaadhaan guutame bira teessee yaadaan sitti mulʼata taʼa. Qilleensi urgaa qulqulluu biqiltuu fi abaabootiin guutamee sitti mulʼata taʼa. Namoota duʼaa kaʼan dabalatee maatii fi michoonni kee yeroo kolfanii fi yeroo taphatan sagaleen isaanii sitti dhagaʼama. Wanti kun hundi abjuu miti; haalli akkasii lafarratti raawwatamee akka argitu hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, jireenyi Jannata keessaa hojii gammachiisaas kan dabalatudha.

Gara fuulduraatti namoota duʼaa kaʼan barsiisuudhaan hojii guddaa hojjenna (Keeyyata 6 ilaali)

6. Jannata keessatti hojii akkamii hojjenna? (Fakkicha ilaali.)

6 Yihowaan hojii hojjennutti akka gammannu godhee nu uume. (Lal. 2:24) Keessumaa yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti hojii hojjennu baayʼee qabna. Warri rakkina guddaarraa oolanis taʼe namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi duʼaa kaafaman uffanni, nyaannii fi iddoon jireenyaa isaan barbaachisa. Wantoota kana hunda qopheessuuf hojii hedduu, garuummoo gammachiisaa taʼe hojjechuun nu barbaachisa. Akkuma Addaamii fi Hewaan iddoo biqiltuu Eedan kunuunsuuf carraa argatanii turan, nutis lafa Jannata taatu kunuunsuuf mirga arganna. Namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi duʼaa kaafaman warra waaʼee Yihowaas taʼe waaʼee kaayyoo isaa beekumsa gaʼaa hin qabne barsiisuun miira akkamii akka namatti uumu yaadi; namoota amanamoo Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura turanii fi wanta dabalataa barachuun isaan barbaachisu gargaaruunis baayʼee nama gammachiisa.

7. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Maaliif?

7 Gara fuulduraatti Jannata keessatti nagaadhaan akka jiraannu, wanta nu barbaachisu hunda akka qabaannuu fi qindoomina akka qabaannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan bulchiinsa Ilma isaa jalatti jireenyi maal akka fakkaatu ammayyuu fakkeenyaan waan nutti argisiiseefi. Kanas seenaa waaʼee bulchiinsa Solomoon dubbaturraa hubachuu dandeenya.

BULCHIINSI SOLOMOON MOOTICHAA JIREENYA JANNATA KEESSA JIRAATUUF FAKKEENYA TAʼA

8. Daawit Mootichi yaada Faarfannaa 37:10, 11, 29 irratti argamu erga barreessee booda yaanni achirratti argamu raawwii isaa kan argate akkamitti? (“Gaaffii Dubbistootaa” maxxansa kana keessatti argamu ilaali.)

8 Daawit Mootichi yeroo mootiin ogeessaa fi amanamaa taʼe bulchutti jireenyi maal akka fakkaatu hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee barreesseera. (Faarfannaa 37:10, 11, 29 dubbisi.) Yeroo baayʼee waaʼee Jannata gara fuulduraatti dhufuu namoota kaan wajjin yeroo mariʼannu Faarfannaa 37:11 isaaniif dubbisna. Yesuus lallaba isaa isa gaaraarratti yaada kana caqasuudhaan gara fuulduraatti akka raawwatamu waan ibseef akkas gochuun keenya sirriidha. (Mat. 5:5) Taʼus, wanti Daawit dubbate kun bara Solomoon Mootichaatti jireenyi maal akka fakkaatus ni argisiisa. Yeroo Solomoon Israaʼeliin bulchaa turetti sabichi nagaa hedduu qaba ture. Akkasumas biyya “aannanii fi damma maddisiistu” keessatti badhaadhinaan jiraatu turan. Waaqayyo akkana jedhee ture: “Akka dambiiwwan kootti deddeebiʼuu . . . keessan yoo itti fuftan, . . . biyya keessan keessatti nagaa nan buusa; namni tokko illee utuu isin hin sodaachisin ciistu.” (Lew. 20:24; 26:3, 6) Waadaan Yihowaan gale kun yeroo Solomoon bulchaa turetti raawwii isaa argateera. (1 Sen. 22:9; 29:26-28) Yihowaan namoonni hamoon isaan gidduu ‘akka hin jiraanne’ waadaa galeera. (Far. 37:10) Kanaafuu, yaanni Faarfannaa 37:10, 11, 29 irratti argamu bara duriitti raawwii isaa argateera, gara fuulduraattis ni raawwatama.

9. Mootuun Sheebaa waaʼee bulchiinsa Solomoon Mootichaa maal jette?

9 Mootuun Sheebaa waaʼee nagaa fi badhaadhina Israaʼelonni bulchiinsa Solomoon jala jiran qaban dhageessee turte. Ishiinis haala jiru ilaaluuf jecha biyya fagoodhaa gara Yerusaalem dhufte. (1 Mot. 10:1) Mootummaa Solomoon akka gaariitti erga ilaaltee booda akkana jetteetti: “Walakkaan isaa illee natti hin himamne. . . . Namoonni kee gammadoo dha; tajaajiltoonni kee warri yeroo hunda si dura dhaabbatanii ogummaa kee dhaggeeffatanis gammadoo dha!” (1 Mot. 10:6-8) Haa taʼu malee, wanti Yihowaan bulchiinsa Ilma isaa Yesuus jalatti ilmaan namootaatiif godhu wanta bulchiinsa Solomoon jalatti turerra baayʼee kan caaludha.

10. Yesuus Solomoonirra kan caalu karaawwan kamiini?

10 Yesuus karaa hundumaatiin Solomoonirra baayʼee caala. Solomoon nama mudaa qabu waan taʼeef, murtii kennuu wajjin haala wal qabateen cubbuuwwan ciccimoo yeroo booda saba Waaqayyoorratti rakkina fidan raawwateera. Faallaa kanaatiin Yesuus bulchaa mudaa hin qabne waan taʼeef dogoggora tokkollee hin raawwatu. (Luq. 1:32; Ibr. 4:14, 15) Seexanni yeroo qorumsa ciccimaadhaan isa qoretti amanamummaa isaa eegeera. Kiristoos matumaa cubbuu akka hin raawwanne ykn wanta namoota amanamoo isa jalatti bulan miidhu akkamiiyyuu akka hin raawwanne argisiiseera. Kiristoos Mootii keenya taʼuun isaa nuuf ulfina guddaadha.

11. Yesuus wajjin kan bulchan eenyu faʼi?

11 Yesuus namoota 144,000 warra isa wajjin bulchan faana hojjechuudhaan ilmaan namootaatiif kunuunsa godha, akkasumas kaayyoo Yihowaan lafaaf qabu fiixaan baasa. (Mul. 14:1-3) Warri isa wajjin bulchan kun yeroo lafarra turanitti qorumsaa fi rakkina garaa garaa keessa waan darbaniif bulchitoota gara laafeyyiidha. Warri Yesuus wajjin bulchan kun maal raawwatu?

DIBAMTOONNI HOJII AKKAMII HOJJETU?

12. Yihowaan warra 144,000f hojii akkamii kenne?

12 Hojiin Yesuusii fi warra isa wajjin bulchaniif kenname hojii Solomooniif kennamerra baayʼee kan caaludha. Solomoon Mootichi kunuunsa gochuun kan isa barbaachisu namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi biyya tokko keessa jiraataniif qofa ture. Haa taʼu malee, warri Mootummaa Waaqayyoo keessatti bulchan namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii fi guutummaa lafaarratti argamaniif kunuunsa godhu. Dhugumayyuu Yihowaan warra 144,000​tti kabaja guddaa argisiiseera.

13. Warri Yesuus wajjin bulchan itti gaafatamummaa addaa akkamii qabu?

13 Warri 144,000 akkuma Yesuus moototaa fi luboota taʼanii tajaajilu. (Mul. 5:10) Seera Musee jalatti luboonni sabichi karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa fayya buleeyyii akka taʼu gargaaruuf itti gaafatamummaa qabu turan. Seerichi “gaaddidduu wantoota gaggaarii dhufuuf jiranii” waan taʼeef, warri Yesuus wajjin bulchan saba Waaqayyootiif karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa kunuunsa addaa akka godhan eeguu dandeenya. (Ibr. 10:1) Mootonnii fi bulchitoonni kun namoota lafarratti Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan wajjin kan wal qunnaman akkamitti akka taʼe amma hin beeknu. Qophiin Yihowaan godhu kan akkamiiyyuu yoo taʼe, Jannata dhufu keessatti warri lafarra jiraatan qajeelfama isaan barbaachisu akka argatan amanannaa qabaachuu ni dandeenya.—Mul. 21:3, 4.

‘HOOLONNI KAN BIROON’ JANNATA KEESSA JIRAACHUUF ULAAGAA AKKAMII GUUTUU QABU?

14. ‘Hoolonni kan biroonii’ fi obboloonni Kiristoos walitti dhufeenya akkamii qabu?

14 Yesuus warra isa wajjin bulchan “tuuta xinnoo” jedhee waameera. (Luq. 12:32) Waaʼee garee lammaffaa “hoolota kan biroo” jedhee waames dubbateera. Gareewwan kun lamaan tuuta tokko taʼaniiru. (Yoh. 10:16) Gareewwan kun lamaan ammayyuu waliin hojjechaa jiru; yeroo lafti Jannata taatus waliin hojjechuu isaanii itti fufu. Sana booda garuu, ‘tuutni xinnoon’ samii keessa jiraatu; ‘hoolonni kan biroon’ immoo abdii lafarra bara baraaf jiraachuu qabaatu. Taʼus, ‘hoolonni kan biroon’ Jannata keessa jiraachuuf wantoonni yeroo ammaatti gochuu qaban jiru.

Ammumayyuu Jannata keessa jiraachuuf qophaaʼaa akka jirru argisiisuu dandeenya (Keeyyata 15 ilaali) b

15. (a) ‘Hoolonni kan biroon’ obboloota Kiristoos kan deggeran akkamitti? (b) Fakkeenya obboleessa fakkicharra jiruu hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkicha ilaali.)

15 Yakkamaan yaada geddarate sun kan duʼe wanta Kiristoos isaaf godheef dinqisiifannaa qabu argisiisuuf carraa gaʼaa utuu hin argatinidha. Nuti warri ‘hoolota kan biroo’ taane garuu, yeroo ammaatti carraa dinqisiifannaa Yesuusiif qabnu argisiisuu itti dandeenyu hedduu qabna. Fakkeenyaaf, obboloota isaa warra dibamoo deggeruudhaan jaalala isaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Yesuus hoolotatti kan murteessu kanarratti hundaaʼee akka taʼe dubbateera. (Mat. 25:31-40) Hojii lallabuu fi barattoota gochuurratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan obboloota Kiristoos deggeruu dandeenya. (Mat. 28:18-20) Kana gochuuf meeshaalee Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf itti fayyadamnu kanneen akka Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuu jiranitti akka gaariitti fayyadamuu barbaanna. Nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistu hin qabdu taanaan hamma siif dandaʼame namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan affeeruuf maaliif galma hin baafattu?

16. Addunyaa haaraa keessa jiraachuuf qophaaʼuuf maal gochuu dandeenya?

16 Amala Yihowaan namoonni Jannata keessa jiraatan akka qabaatan barbaadu horachuuf hamma yeroo sanaatti eeguun nu hin barbaachisu. Ammumayyuu dubbii fi gocha keenyaan amanamoo taʼuuf, akkasumas barsiifata gaarii qabaachuuf carraaqqii gochuu ni dandeenya. Yihowaadhaaf, hiriyaa gaaʼelaa keenyaa fi obboloota keenyaaf amanamoo taʼuufis carraaqqii gochuu qabna. Addunyaa hamaa kana keessa yeroo jiraannu ulaagaalee Yihowaa kan eegnu yoo taʼe, Jannata keessatti ulaagaalee isaa eeguun nuuf salphata. Dandeettiiwwanii fi amaloota addunyaa haaraa keessa jiraachuuf qophaaʼaa akka jirru argisiisanis horachuu dandeenya. Mata duree maxxansa kana keessatti argamuu fi “‘Lafa Dhaaluuf’ Qophoofteettaa?” jedhu ilaali.

17. Cubbuu kanaan dura raawwanneen kan kaʼe abdii kutachuu qabnaa? Ibsi.

17 Miira balleessaa cubbuu cimaa kanaan dura raawwanneen kan kaʼe nutti dhagaʼamurraa bilisa taʼuufis carraaqqii gochuu qabna. Haa taʼu malee, aarsaan furichaa ‘taʼe jennee cubbuu hojjechuu amaleeffachuuf’ akka nu dandeessisutti matumaa yaaduu hin qabnu. (Ibr. 10:26-31) Taʼus, cubbuu cimaa raawwanneerra taanaan, garaadhaa yoo yaada geddaranne, qophii Yihowaan nu gargaaruuf godhetti yoo fayyadamnee fi gocha keenya yoo dhiisne Yihowaan dhiifama nuuf godha. (Isa. 55:7; HoE. 3:19) Yesuus, “Ani qajeelota utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe” jedhee wanta Fariisotatti dubbate yaadadhu. (Mat. 9:13) Aarsaan furichaa humna guddaa waan qabuuf cubbuu keenya hunda haguuguu dandaʼa.

JANNATA KEESSA BARA BARAAF JIRAACHUU NI DANDEESSA

18. Yakkamaa Yesuus biratti fannifamee ture wajjin waaʼee maalii haasaʼuu barbaadda?

18 Jannata keessatti yakkamaa Yesuus haasofsiise wajjin yeroo haasoftu yaadaan ilaaluu ni dandeessaa? Lamaan keessaniyyuu dinqisiifannaa aarsaa furii Yesuusiif qabdan akka ibsitan hin shakkisiisu. Waaʼee saʼaatii dhumaa Yesuus lafarratti dabarsee fi yeroo Yesuus gaaffii isaatiif deebii kennu miira isatti dhagaʼamee ture akka sitti himus isa gaafachuu dandeessa. Innimmoo guyyoota dhumaa sirna Seexanaa keessa jiraachuun maal akka fakkaatu si gaafachuu dandaʼa. Namoota akka isaa jiran Dubbii Waaqayyoo qoʼachiisuun mirga guddaadha.—Efe. 4:22-24.

Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti obboleessi tokko dandeettii guddifachuu barbaadu tokko fooyyeffachuuf yaaluudhaan gammadaa jira (Keeyyata 19 ilaali)

19. Jireenyi Jannata keessaa kan nama hin nuffisiisne maaliifi? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

19 Jireenyi Jannata keessaa matumaa kan nama nuffisiisu miti. Yeroo hunda kan wal arginu namoota gaggaarii taʼan wajjini; hojiin hojjennu hundis kan nama gammachiisudha. Hunda caalaammoo guyyaa guyyaadhaan caalaatti Abbaa keenya isa samii beekuu fi qophii inni nuuf godhetti gammaduu dandeenya. Waaʼee isaa yeroo hunda wanta haaraa barachuu keenya itti fufna, waaʼee uumamawwan isaas wanta hedduu baranna. Hammuma jiraachaa deemnu jaalalli Waaqayyoof qabnus hammasuma guddachaa deema. Yihowaa fi Yesuus bara baraaf Jannata keessa akka jiraannu waadaa waan nuuf galaniif baayʼee isaan galateeffanna.

FAARFANNAA 22 Mootummichi Inni Bulchuu Jalqabe haa Dhufu!

a Jannata keessatti jireenyi maal akka fakkaatu yeroo baayʼee ni yaaddaa? Akkas gochuun nama jajjabeessa. Waadaawwan Yihowaan nuuf galerratti yeroo xiinxallu waaʼee addunyaa haaraa warra kaan barsiisuuf hawwiin qabnu ni dabala. Mata dureen kun amantii waadaa Yesuus Jannata ilaalchisee nuuf galerratti qabnu nuuf cimsa.

b IBSA FAKKII: Obboleessi namoota duʼaa kaʼan akka barsiisu abdatu tokko yeroo ammaatti warra kaan barsiisaa jira.