Gaaffii Dubbistootaa
Daawit faarfatichi Faarfannaa 61:8 irratti “bara baraaf” maqaa Waaqayyoo akka jajatu yeroo dubbatu arbeessaa ykn wanta taʼuu hin dandeenye dubbachaa turee?
Lakki. Wanti Daawit barreesse kun wanta sirrii taʼedha.
Lakkoofsa kanaa fi caqasoota kanaa wajjin wal fakkaatanirratti maal akka barreesse ilaali: “Yommuun guyyaa guyyaadhaan wareega koo raawwadhutti, bara baraaf maqaa keetiif faarfannaa galataa nan faarfadha.” “Yaa Waaqa koo Yihowaa, garaa koo guutuudhaan sin jajadha, maqaa keetiifis bara baraaf ulfina nan kenna.” “Baraa hamma bara baraatti maqaa kee nan jajadha.”—Far. 61:8; 86:12; 145:1, 2.
Daawit matumaa akka hin duune yaaduudhaan arbeessee dubbachaa hin turre. Namoonni cubbuu dhaalaniin kan kaʼe akka duʼanii fi innis cubbamaa akka taʼe beeka. (Uma. 3:3, 17-19; Far. 51:4, 5) Namoonni Waaqayyo biratti fudhatama argatan kanneen akka Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobillee akka duʼan beeka. Innis yeroo booda akka duʼu hubateera. (Far. 37:25; 39:4) Haa taʼu malee, yaanni Daawit Faarfannaa 61:8 irratti dubbate fedhii fi kutannoo bara baraaf, jechuunis hamma lubbuudhaan jirutti Waaqayyoon jajachuuf qabu argisiisa.—2 Sam. 7:12.
Akkuma ibsa Faarfannaa 18, 51 fi 52 gubbaatti argamurraa hubachuu dandeenyutti, Daawit yeroo tokko tokko wantoota jireenya isaa keessatti isa mudatan ni barreessa ture. Faarfannaa 23 irratti Yihowaan tiksee qajeelfamaa fi boqonnaa isaaf kennu, akkasumas eegumsa isaaf godhu akka taʼe ibseera. Daawitiyyuu tiksee akkasii ture. ‘Bara jireenyaa isaa hundumaatti’ Waaqayyoon tajaajiluu barbaadee ture.—Far. 23:6.
Wanta Daawit barreesse hundumaa akka barreessu kan isa kakaase Yihowaa akka taʼes yaadadhu. Wanti Daawit barreesse raajiiwwan yeroo dheeraa booda raawwatamanis kan dabalatu ture. Fakkeenyaaf, Faarfannaa 110 irratti Daawit waaʼee yeroo Gooftaan isaa samii keessatti ‘mirga Waaqayyoo itti taaʼuu’ fi aangoo guddaa itti argatuu barreesseera. Aangoo kan argatu maal gochuufi? Diinota Waaqayyoo injifachuu fi ‘saboota lafaa irratti murtii dabarsuufi.’ Daawit akaakilii Masiihicha isa samii irraa bulchuu fi “bara baraaf luba” taʼuuti. (Far. 110:1-6) Yesuus raajiin Faarfannaa 110 irratti argamu kan dubbatu waaʼee ofii isaa akka taʼee fi gara fuulduraatti akka raawwatamu ibseera.—Mat. 22:41-45.
Eeyyee, Daawit waaʼee bara isaas taʼe waaʼee yeroo gara fuulduraa duʼaa kaafamee bara baraaf Yihowaa itti jajatuu kan barreesse hafuuraan geggeeffameeti. Yaanni kun, yaanni Faarfannaa 37:10, 11, 29 irratti argamu waaʼee haala Israaʼel durii keessa turee fi waaʼee haala gara fuulduraatti yeroo Waaqayyo waadaawwan gale raawwatutti guutummaa lafaarratti jiraatuu kan ibsu taʼuu akka dandaʼu hubachuuf nu gargaara.—Mata duree maxxansa kana keessatti argamuu fi “Anaa Wajjin Jannata Keessa ni Taata” jedhurraa keeyyata 8 ilaali.
Faarfannaan 61:8 fi caqasoonni kana wajjin wal fakkaatan kan biroon kan argisiisan Daawit hanga duʼutti Israaʼel durii keessatti Yihowaadhaaf ulfina kennuu barbaadee akka turedha. Wanta Daawit gara fuulduraatti yommuu Yihowaan duʼaa isa kaasutti godhus ni argisiisu.