Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Lafa Dhaaluuf’ Qophoofteettaa?

‘Lafa Dhaaluuf’ Qophoofteettaa?

HUNDI keenyayyuu yeroo waadaan Yesuus, “Warri garraamiin gammadoo dha; isaan lafa ni dhaalu” jechuudhaan gale itti raawwatamu hawwiidhaan eegganna. (Mat. 5:5) Dibamtoonni lafa kan dhaalan yeroo samii keessatti Yesuus wajjin mootota taʼanii bulchanittidha. (Mul. 5:10; 20:6) Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiran hedduun lafa dhaaluudhaan cubbuurraa walaba taʼanii nagaa fi gammachuudhaan bara baraaf ishiirra jiraachuuf abdatu. Kun taʼuu akka dandaʼuuf, hojiin hojjechuu qaban hedduun jira. Fakkeenyaaf, lafa jannata ni godhu, wanta namoota duʼaa kaʼaniif barbaachisu ni qopheessu, akkasumas isaan barsiisu. Hojii kanarratti hirmaachuuf fedhii akka qabdu yeroo ammaattillee argisiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

LAFA JANNATA GOCHUUF QOPHOOFTEETTAA?

Yihowaan yeroo namoota, “Lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa” jedhee ajajetti, guutummaan lafaa suutuma suuta jannata akka taatu ibseera. (Uma. 1:28) Namoonni lafa dhaaluuf eeggachaa jiranis ajaja kana eeguu qabu. Iddoon biqiltuu Eedan waan hin jirreef, lafa kutaa jannata taʼe hin qabnetu isaan eeggata. Akkuma waraanni Armaagedoon xumurameen naannoowwan yeroo ammaatti mancaʼanii jiran qulqulleessuun hojii hedduu gaafata. Lafa qulqulleessuun hojii salphaa miti.

Yaanni kun hojii Israaʼelonni Baabilonii yeroo deebiʼanitti hojjetan nu yaadachiisa. Biyyi isaanii waggaa 70f ontee turte. Taʼus, Isaayyaas gargaarsa Yihowaatiin biyyattii deebisanii akka ijaaran raajii dubbatee ture. Raajichi, “Lafa onaa ishii akkuma Eedan, gammoojjii ishiis akkuma iddoo biqiltuu Yihowaa ni godha” jedheera. (Isa. 51:3) Israaʼelonni biyya isaanii deebisanii ijaaruurratti milkaaʼina argataniiru. Haaluma wal fakkaatuun, warri lafa dhaalanis gargaarsa Yihowaatiin lafa jannata gochuurratti milkaaʼina ni argatu. Atis hojii kanarratti hirmaachuu akka barbaaddu ammumayyuu argisiisuu ni dandeessa.

Karaan kana gochuu itti dandeessu tokko qulqullina mana kee fi naannoo keetii eeguuf wanta dandeessu gochuudhaani. Olloonni kee maaliyyuu yoo godhan ati kana gochuu ni dandeessa. Galma Walgaʼii keessanii fi Galma Walgaʼii Guguddaa naannoo keessanii qulqulleessuu fi suphuurrattis gargaarsa gochuu ni dandeessa. Haalli kee yoo siif heyyamemmoo, yeroo balaan uumamaa mudatu gargaarsa gochuu akka dandeessuuf foormii guutuu ni dandeessa. Akkas gochuun kee yeroo barbaachisutti gargaarsa gochuuf qophaaʼaa akka taate argisiisa. ‘Dandeettii Yihowaan lafa akkan dhaalu yoo naaf heyyame itti fayyadamuu dandaʼu muraasa guddifachuu nan dandaʼaa?’ jedhii of gaafadhu.

NAMOOTA DUʼAA KAʼAN SIMACHUUF QOPHOOFTEETTAA?

Yesuus intala Yaayiros akkuma duʼaa kaaseen wanta nyaattu akka ishiidhaaf kennan dubbatee ture. (Mar. 5:42, 43) Intala waggaa 12 sana kunuunsuun hojii ulfaataa hin turre. Haa taʼu malee, yeroo Yesuus waadaa, “Warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa [dhagaʼanii] awwaala keessaa ni baʼu” jechuudhaan gale raawwatutti hojiin hammamii akka jiraatu yaadi. (Yoh. 5:28, 29) Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa ibsa balʼaa kennuu baatus, namoonni duʼaa kaʼan nyaanni, bakki jireenyaa fi uffanni akka isaan barbaachisu tilmaamuu dandeenya. Yeroo sanatti gargaarsa gochuuf akka qophoofte ammuma argisiisuu ni dandeessaa? Mee gaaffilee armaan gadii haa ilaallu.

Lafa dhaaluuf qophaaʼaa taʼuu kee argisiisuuf amma maal gochuu dandeessa?

Ilaaltuun ol aanaa aanaa gumii keessan akka daawwatu yeroo beeksisni himamu mana keetti nyaata isa affeeruuf of ni dhiheessitaa? Tajaajiltoonni yeroo guutuu addaa Beetelii baʼanii naannoo keessanitti yeroo ramadaman ykn ilaaltonni ol aanaa aanaa hojii daawwannaa yeroo dhaaban bakka jireenyaa akka argatan isaan gargaaruu ni dandeessaa? Naannoo keessanitti walgaʼiin naannoo ykn walgaʼiin addaa kan geggeeffamu yoo taʼe, walgaʼicha duraa fi booda fedhiidhaan hojjechuuf ykn keessummoota simachuuf fedhiidhaan of ni dhiheessitaa?

WARRA DUʼAA KAʼAN BARSIISUUF QOPHOOFTEETTAA?

Hojiin Ergamootaa 24:15 akka ibsutti, namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman duʼaa akka kaafaman eegna. Baayʼeen isaanii duʼuu isaanii dura waaʼee Yihowaa beekuuf carraa hin arganne. Carraa kana kan argatan yeroo duʼaa kaʼanittidha. a Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon muuxannoo qaban isaan barsiisuurratti gargaarsa godhu. (Isa. 11:9) Shaarlat ishiin Awurooppaa, Ameerikaa Kibbaa fi Afriikaa keessatti tajaajilte yeroo sana hawwiidhaan eeggatti. Gammachuudhaan akkana jetteetti: “Namoota duʼaa kaʼan barsiisuuf hawwiidhaanan eega. Waaʼee nama kanaan dura jiraate tokkoo yeroon dubbisu, ‘Namni kun Yihowaa beeka utuu taʼee silaa jireenyi isaa isa kanarraa baayʼee adda taʼa ture’ jedheen yaada. Namoota duʼaa kaafaman waaʼee Yihowaa barsiisuuf, akkasumas yoo isa tajaajilan jireenyi isaanii baayʼee gaarii akka taʼu isaanitti himuuf baayʼeen hawwa.”

Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura jiraachaa turanillee wanta baratan hedduu qabu. Daaniʼeliif raajiiwwan ofuma isaatiin barreesse, garuummoo yeroo sanatti hin hubanne raawwii isaanii kan argatan akkamitti akka taʼe ibsuun hammam akka nama gammachiisu mee yaadi; kun mirga guddaadha. (Dan. 12:8) Ruutii fi Naaʼomiin maatiin isaanii kutaa hidda dhalootaa Masiihichaa taʼuu isaa akka hubatan gargaaruun miira namatti uumu yaaduu dandeessa. Dhiibbaa addunyaa hamaa kana keessa jiruu fi wantoota xiyyeeffannaa hihiranirraa bilisa taanee sagantaa barumsaa addunyaa maraa kanarratti hirmaachuun baayʼee nama gammachiisa.

Sagantaa kanarratti hirmaachuuf qophaaʼaa taʼuu kee yeroo ammaatti argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Karaan inni tokko, dandeettii barsiisuu kee fooyyeffachuuf carraaqqii gochuu fi hojii barsiisuu addunyaa maratti hojjetamaa jirurratti yeroo hunda hirmaachuudha. (Mat. 24:14) Umuriin kee ykn haalli keessa jirtu yeroo ammaatti sochii kee kan daangessu taʼus, carraaqqiin gootu namoota duʼaa kaʼan barsiisuuf qophaaʼaa taʼuu kee argisiisuu dandaʼa.

Eeyyee, gaaffilee kanarratti yaaduun kee gaariidha: Lafa dhaaluuf hawwiidhaan eegaa jirtaa? Lafa jannata gochuuf, akkasumas namoota duʼaa kaʼan simachuu fi barsiisuuf baayʼee hawwiteettaa? Amma hojiiwwan yeroo lafa dhaaltu si eeggatan wajjin wal fakkaatanirratti hirmaachuudhaan qophaaʼaa taʼuu kee argisiisuu dandeessa.

a Mata duree, “Namoota Hedduu Gara Qajeelummaatti Fiduu” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Fulbaana 2022 irratti baʼe ilaali.