Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Masaraa Eegumsaa waggaa kanaa akka gaariitti dubbisteettaa? Taanaan gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Yihowaa haasofsiisuudhaan, dhaggeeffachuudhaan, akkasumas waaʼee isaa yaaduudhaan yeroo dabarsuun keenya kan nu kiisu akkamitti?

Murtoowwan gaggaarii goona, barsiisota buʼa qabeeyyii taana, amantiin keenya ni cima, akkasumas jaalalli Yihowaaf qabnu ni guddata.—w22.01, ful. 30-31.

Yihowaarrattis taʼe warra isa bakka buʼanirratti amantii qabaachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

Yeroon kun yeroo qajeelfamaa fi murtoo jaarsolii shakkuu irraa fagaachuudhaan, amantii karaa Waaqayyo wantoota garaa garaa itti raawwaturratti qabnu itti cimsannudha. Yeroo rakkinni guddaan jalqabu qajeelfamni nuuf hin galle ykn gaarii hin fakkaanne yeroo nuuf kennamuttillee ajajamuuf qophaaʼoo taana.—w22.02, ful. 4-6.

Wanti maleekichi ‘tumbii harka Zarubaabel [isa bulchaa taʼe] keessa jiru’ ilaalchisee Zakkaariyaasitti hime ergaa akkamii dabarsa? (Zak. 4:8-10)

Mulʼanni kun manni qulqullummaan ijaaramaa ture sun ijaaramee akka xumuramuu fi Waaqayyo biratti fudhatama akka qabaatu saba Waaqayyootiif mirkaneesseera.—w22.03, ful. 16-17.

“Dubbiidhaan . . . fakkeenya” taʼuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Xim. 4:12)

Tajaajilarratti karaa garummaa fi kabaja argisiisuun dubbanna, walgaʼiirratti garaadhaa faarfanna, hirmaannaa hoʼaas ni goona, akkasumas dhugaa ni dubbanna, warra kaan ni ijaarra, arrabsoorraas ni fagaanna.—w22.04, ful. 6-9.

Mallattoowwan bineensota (mootummoota) arfan Daaniʼel boqonnaa 7 keessatti ibsamanii Mulʼata 13:1, 2 irratti mallattoowwan bineensa tokkoo akka taʼanitti kan ibsaman maaliifi?

Bineensi Mulʼata 13 irratti ibsame mootummaa taʼe tokko kan akka Roomaa qofa kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, humnoota siyaasaa ilmaan namootaa bulchan hunda argisiisa.—w22.05, ful. 9.

Karaan amantii haqa Waaqayyoorratti qabnu itti argisiisnu inni guddaan maalidha?

Namni tokko yoo nu arrabse, yoo nu mufachiise ykn cubbuu yoo nurratti raawwate dhimmicha Yihowaadhaaf dhiisuudhaan dheekkamsaa fi haaloo irraa fagaachuuf yaalla. Inni miidhaa sababa cubbuutiin gaʼu hundumaa ni balleessa.—w22.06, ful. 10-11.

Obboleessi walgaʼiirratti kadhannaa dhiheessu tokko maal sammuutti qabachuu qaba?

Yeroo kadhannaatti gumichaaf gorsa kennuun ykn beeksisa himuun sirrii miti. Keessumaa jalqaba walgaʼichaarratti “jechoota baayʼee” dubbachuun barbaachisaa miti. (Mat. 6:7)—w22.07, ful. 24-25.

Yaanni “Warri wanta hamaa hojjetan . . . duʼaa kaʼuu murtiitiif awwaala keessaa ni baʼu” jedhu hiika akkamii qaba? (Yoh. 5:29)

Jireenya isaanii kanaan duraarratti hundaaʼuudhaan isaanirratti hin murteeffamu. Murtiin kan isaaniif kennamu ilaalchaa fi gocha erga duʼaa kaafamanii booda qabaatanirratti hundaaʼuudhaani.—w22.09, ful. 18.

Obboleessi keenya Raazarfoordi walgaʼii guddaa Fulbaana 1922​tti geggeeffamerratti gorsa akkamii kenne?

Walgaʼii guddaa Seedaar Pooyinti, Ohaayoo, Yuunaayitid Isteetisitti geggeeffamerratti akkana jedhee ture: “Mootichi bulchuu jalqabeera! Isin waaʼee kanaa nama hundatti akka himtaniif muudamtaniittu. Kanaafuu, Mootichaa fi Mootummaa isaa beeksisaa, beeksisaa, beeksisaa!”—w22.10, ful. 3-5.

Isaayyaas boqonnaan 30 karaawwan Waaqayyo jabaannee akka dhaabbannu itti nu gargaaru sadii kan addeessu akkamitti?

Boqonnaan kun Waaqayyo (1) kadhannaa keenya akka dhagaʼuu fi deebii akka nuuf kennu, (2) qajeelfama akka nuuf kennu, akkasumas (3) yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti akka nu eebbisu ibsa.—w22.11, ful. 9.

Yaanni Faarfannaa 37:10, 11, 29 irratti argamu bara duriitti raawwatameera, gara fuulduraattis ni raawwatama kan jennu maaliifi?

Yaanni Daawit dubbate kun bulchiinsa Solomoon dabalatee haala gaarii Israaʼel keessa ture akka gaariitti ibsa. Yesuus waaʼee jannata gara fuulduraatti dhufuu yeroo dubbatu lakkoofsa 11 caqaseera. (Mat. 5:5; Luq. 23:43)—w22.12, ful. 8-10, 14.